Your cart is currently empty!
Caalbaasii
Kallacha Oromiyaa(Aug 21, 2025)
Caalbaasii
R/Himattoonni Boontuu Indaalaa, Fiqaaduu Indaalaa, Daawwit Wordofaa, Baahiluu Indaalaafi Geetuu Indaalaafi R/Himatamtuun Hullaagarish Birree jidduu falmii raawwii jiru ilaalchisee mana gamoo abbaa darbii 3 ykn G+3 ta’e, Kutaa Magaalaa Furii keessatti argamu, Lakk.kaartaasaa OR005021907007 ta’e,maqaa raawwiin himatamtuutiin galmaa’ee ballina M² 200 irratti argamu tilmaama gatii ka’umsaa Caalbaasii qarshii 16,998,876tiin gaafa 06/01/2018 sa’aatii 3:30 – 6:30tti caalbaasii ifa ta’een waan gurguramuuf namoonni caalbaasii kanarratti dorgomuudhaan bitachuu barbaaddan ka’umsa caalbaasii CPO 1/4 qabsiistanii dhiyaattanii bitachuu kan dandeessan ta’uu manni murtii ajajeera.
Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar