Your cart is currently empty!
Godina Booranaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Taltallee Meeshaalee adadaa bituu barbaada.
Kallacha Oromiyaa(Aug 21, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Caalbaasii
Godina Booranaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Taltallee Meeshaalee Dhumeeyyii, Elektirooniksii, Goommaa Konkolaataa fi Motorsaayikilii, Uffata Seeraa Hojjatootaa fi Meeshaalee Dhaabbii Bara Baajataa 2018 tajaajila sekteroota sadarkaa Aanaa jiraniif barbaachisan caalbaasii ifaan Wal-dorgomsiisuun bituu barbaada. Kanaafuu daldaltoonni hojii akkanaa irratti bobbaatan ATG/A/Taltalleetii qarshii hin deebine 250(dhibba lamaa fi shantama) kaffaluun sanada caalbaasii Waajjira Mallaaqaa Aanaa Taltallee kutaa BBQTM tii guyyaa beeksifni kun Gaazexaa Kallachaatiin ba’ee irraa eegalee guyyota hojii walitti aanan 15tti sanadicha bitachuu ni dandeessu.
Ulaagaa caalbaasii dorgommiif Barbaachisu
1. Gibira 2017 kan kafalee fi hayyama daldalaa bara 2018 kan haaromfame
2. waraqaa regaa galmee dhiyeessummaa kan qabu
3. Galmaa VAT kan Ta’ee
4. Gatii waliigalaa dhiyeessu irraa 1% CPO baankiin mirkanaa’e /maallaqa qabsiisu kan danda’u.
5. Sanadni guutame yeroo dhiyaatu orjinaala fi koppii jedhamee samiin saamsame dhiyaachuu qaba. Akkasumas tokko tokkoo fuula sanadichaa irratti chaappaa fi mallattoon dorgomaa jiraachuu qaba
6. Gatii dhiyaatu kamiyyuu haqamaa fi laaqamaa kana hin qabne.
7. Yeroo calbaasiin banamuu bakka bu’aan kan dhiyaatu yoo ta’e bakka bu’iinsa seera qabeessa qabaachuu qaba.
8. Guyyaa sanadni itti gurguramu guyyaa calbaasii kun bahe irraa eegalee hanga guyyaa 15ffaatti ta’a.Guyyaa calbaasiin itti cufamu guyyaa 16ffaa sa’aatii 3:30tti yoo ta’u guyyaa calbaasiin itti banamus guyyuma kana sa’aatii 4:00 irraatti waajjira maallaqa Aanaa Taltalleetti bakka dorgomtoonnii ykn bakka bu’oonni argamanitti ni banama.
9. IMX fi dorgomaan dhuunfaa dorgomii kan irraatti hirmaatan aanaa itti hojjetaa turan irra hojii dhiyeessii meeshaalee qulqulinnaan xumuruu ykn dhiyeessaa turuu isaanii kan ibsu waraqaa dhiyeeffachuu qabu.
10. Waajirichi filannoo biraa yoo argate calbaasicha guutumaan guutuutti ykn gar-tokkeen haquu ni danda’a. Odeeffannoo Dabalataaf Lakk. Bilbilaa 0916662897 ykn 0946314088
Waajjira Mallaqaa Aanaa Taltallee