Your cart is currently empty!
Godina Boorana Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aana Liiban manneen hojii mootummaa Aanaa keessatti argamaniif Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee Qulqulleessaa, Meeshaalee Dhaabbii xixiqqaa Biiroo keessaa, Bittaa Uffata hojii fi Gatii Hodhaa, Meeshaalee dhaabbii,Meeshaalee Elektirooniksii. Motooraa fi korboo konkolaataa bituu barbaada
Kallacha Oromiyaa(Sep 04, 2025)
ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ። Please read the detailed instructions below.
Caalbaasii Bittaa Meeshaalee Marsaa 1ffaa
Godina Boorana Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aana Liiban manneen hojii mootummaa Aanaa keessatti argamaniif 1. Meeshaalee Barreessaa 2, Meeshaalee Qulqulleessaa 3, Meeshaalee Dhaabbii xixiqqaa Biiroo keessaa 4, Bittaa Uffata hojii fi Gatii Hodhaa 5, Meeshaalee dhaabbii 6, Meeshaalee Elektirooniksii. Motooraa fi korboo konkolaataa bara baajataa 2018tiif caalbaasii ifaatiin wal-dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu caalbaasii irratti dorgomtoontni hirmaachuu barbaadan, bu’uuruma kanaa gaditti ibsameen dhiyaatanii dorgomuu ni danda’u.
1. Dorgomtootni kallattii hojii daldala isaaniitiin hayyama daldalaa isaanii seera qabeessa ta’e gibira hojii bara kana itti kaffalan, facaatii/list/ kenna tajaajilaa keessaa ragaa sanadoota ittiin galmaa’anii fi Galmaa’aa faayinaansii ta’uu isaanii footoo koppii isaa sanada caal-baasii waliin qabsiisanii dhiyeessuu qabu.
2. Dorgomtoonni dhiyaatan galmaa’aa taaksii dabalataa (VAT) galmaa’uu isaaniitiif ragaa dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu qaba.
3. Dorgomtoonni sanada caalbaasii guyyaa beeksfni kun Gaazeaa kallacha Oromiyaatiin ba’ee eegalee yeroo hundaa sa’aatii hojii mallaqa hin deebine qarshii 100.00 kaffaluun kutaa bittaa waajjira keenyaa lakk.02tti dhiyaachuun 29/12/2017 irraa jalqabee hanga sa’aatii 11:30tti sanadicha bitachuu ni danda’u.
4. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasiif kan oolu gatii tilmaama bittaa waliigalaa %2 maqaa waajjira maallaqaa Aanaa Liibanitiin cheekii (CPO) Baankiitiin mirkanaa’e sanada Orijinaala caalbaasichaa waliin qabsiisee dhiyeessuu qaba.
5. Dorgomtoonni sanada caalbaasii Meeshaalee, Qulqulleessaa fi dhaabbii xixiqqaa poostaa saamsamnii orjinaalaafi koppii adda baasuun guyyaa 12/01/2018 sa’aatii 4:00 hanga 6:00tti Waajjira maallaga Aanaa Libanitti saanduqa caalbaasichaaf qophee keessa galchuu gabu
6. Caalbaasichi Meeshaalee, qulqulleessaa fi dhaabbii xixiqqaa gaafa 12/01/2018tti sa’aatii 8:30tti dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni seera isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma Waajjia Maallaqaa Aanaa Liiban keessatti ni banama.
7. Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa Meeshaalee dhaabbiifi, Elektirooniksii poostaa samiin saamsameen, orijinaalaa fi koppii addaan baasuun guyyaa 13/01/2018 sa’aatii 4:00 hanga sa’aatii 6:00tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Liibanitti saanduqa caalbaasicha kanaaf qophaa’e keessa galchuu qabu.
8. Caalbaasichi meeshaalee dhaabbi gaafa 13/01/2018tti sa’aatii 8:00irratti meeshaalee Elektirooniksii 13/01/2018 sa’aatii 10:00irratti dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seera isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma Waajjia Maallaqaa Aanaa Liiban keessatti ni banama.
9. Caalbaasichi meeshaalee korboo konkolaataa, Motorsaayikilii, Uffata seeraa fi Gatii Hodhaa poostaa samiin saamsameen Orijinaalaa fi koppii addaan baasuun hanga guyyaa 13/01/2018 sa’aatii 4:00 hanga sa’aatii 6:00tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Liibanitti saanduqa caalbaasichaa kanaaf qophaa’e keeessa galchuu qabu.
10. Caalbaasichi meeshaalee korboo konkolaataa, Mootor saayikilii Uffata seeraa fi Gatii Hodhaa gaafa 13/01/2018 sa’aatii 8:00irratti dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni seera isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma Waajjira Maallaqaa Aana Liibanitti keessatti ni banama.
11. Mo’ataan caalbaasiitiif qarshiin kan kaffalamuuf Meeshaalee mana kuusaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Liibanitti Moodela 19 erga galchee fi Nagahee seera qabeessa erga dhiyeesseen booda kan kaffalamuuf ta’a. mo’ataan caalbaasii meeshaalee ittiin mo’ate hunda hanga Waajjira Maallaqaa Aanaa Liibanitti dhiyeessuu qaba.
12. Afaan caalbaasichaa Afaan Oromiootiin
Waajjirichi filannoo fooyya’e yoo argate caalbaasicha guutummaa guutuutti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan kan eegameedha.
Odeeffannoo Dabalataaf Lakk. 0464450641 lakk.Mob.0912198352 ykn 0911096002
Waajjira Maallaqaa Aanaa Liiban.