Your cart is currently empty!
Godina Jimmaatti Waajjira Maallaqaa A/Sigimoo Meeshaalee Isteeshinarii, Furnicharoota, Elektirooniksii, Uffata Seeraa hojjattootaa, Meeshaalee Ijaarsa Waliigalaa, Meeshaalee Leenjii, Jenereetaroota, Afataalee, Mootorsaayikiloota, Goommaa Konkolaataa, Meeshaalee jijjiirraa Konkolaataa fi Mootorsaayikilii, Sanyiiwwaan Gosa Adda Addaa, Tajaajila Maxxansaa fi Suphaa garaa garaa, Tajaajila konkolaataa geejjibsiisa Meeshaalee, hojii Mukaa fi Sibiilaa, Akkasumas, Tajaajila dhiheessii Nyaata bilchaataa fi Dhugaatii garaa garaa Dhaabbilee Daldalaa Seera qabeessa ta’an waldorgomsiisee bituu barbaada
Kallacha Oromiyaa(Sep 04, 2025)
ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ። Please read the detailed instructions below.
Caalbaasii Ifaa Yeroo 1ffaa
Godina Jimmaatti Waajjira Maallaqaa A/Sigimoo Meeshaalee Isteeshinarii, Furnicharoota, Elektirooniksii, Uffata Seeraa hojjattootaa, Meeshaalee Ijaarsa Waliigalaa, Meeshaalee Leenjii, Jenereetaroota, Afataalee, Mootorsaayikiloota, Goommaa Konkolaataa, Meeshaalee jijjiirraa Konkolaataa fi Mootorsaayikilii, Sanyiiwwaan Gosa Adda Addaa, Tajaajila Maxxansaa fi Suphaa garaa garaa, Tajaajila konkolaataa geejjibsiisa Meeshaalee, hojii Mukaa fi Sibiilaa, Akkasumas, Tajaajila dhiheessii Nyaata bilchaataa fi Dhugaatii garaa garaa Dhaabbilee Daldalaa Seera qabeessa ta’an waldorgomsiisee bituu barbaada.
Haaluma kanaan Dorgomtootni Ulaagaalee armaan gadii guutuu dandeessan dhiyaattanii dorgomuu ni dandeessu.
1. Heeyyama daldalaa kallattiin hojii kana ibsu haaraa ykn kan haaromfame kan qabu.
2. Lakk.Addaa (TIN Number) kan qabu fi taaksii dabalataa(VAT) kan galmaa’e.
3. Gibira kaffaluu isaanii kan ibsu xalayaa waajjira Galiiwwanii irraa dhiyeeffachuu qabu.
4. Waraqaa Ragaa dhiyeessii bittaa Mootummaa keessatti galmaa’uu isaa ibsu dhiyeeffachuu qabu.
5. Kabachiisa Caalbaasii ykn CPO mana Baankiitiin mirkanaa’e qarshii Etiyoophiyaa 6000 (kuma Ja’a) qabsiisuu kan danda’u.
6. Dorgomtootni Waldaan dhaan gurmaa’an waraqaa qaama seerummaa Waldaa sana ibsu haaraa ykn haaromfamaa kan qabu.
7. Dorgomtootni kamiyyuu Sanada Caalbaasii qarshii hin deebine qarshii 100 (dhibba tokko) W/ra Galiwwaanii A/ Sigimootti kaffaluun Gaafa Guyyaa 29/12/2017 hanga 15/1/2018 tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Sigimoo irraa bitachuun dorgomuu ni dandeessu.
8. Mo’ataan Caalbaasii Guyyaa 5(shan) keessatti walii galtee W/ra Maallaqaa Aanaa Sigimoo wajjin Mallatteessuu qaba.
9. Mo’ataan Caalbaasii Meeshaalee kan dhiyeessu hanga Waajjira Maallaqaa A/Sigimotti ta’uu qaba.
10. Dorgomtootni kamiyyuu sanada Caalbaasii Guyyaa beeksifni kun ba’e irraa eegelee hanga Gaafa Guyyaa 15/1/2018tti keessa poostaan samsuudhaan sanduuqa Caal-baasiif qophaa’e Waajjira Maallaqaa A/Sigimoo kutaa lakk 2 tti argamu buusuu dandeessu.
11. Dorgomtootni hunduu Sanada Caalbaasii originaala fi kooppii poostaa lamaan samsuudhaan Chaappaa dhaabbaticha ibsu, Teessoo,Maqaa fi Mallattoo dorgomaa qabaachuu qaba.
12. Caalbaasiin Gaafa Guyyaa 15/01/2018 Sa’aatii 11:30tti cufamee Gaafa Guyyaa 16/1/2018tti Sa’aatii 3:30irratti Waajjira Maallaqaa A/Sigimootti bakka Dorgomtootni yookiin Bakka bu’ootni waraqaa bakka bu’iinsaa qaban jiranitti ni banama.
13. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen yoo kaan guutummaan guutuutti haquuf mirga qaba.
Oddeeffannoo dabaalataa argaachuuf Lak.bil 0917019337, 0989038040 fi 0917335368
Waajjira Maallaqaa Aanaa Sigimoo