Your cart is currently empty!
Mootuummaa Naannoo Oromiyaatti Hospitaalli Waliigalaa Nageelle Boorana Nyaataa Bilchaataa bituu barbadaa
Kallacha Oromiyaa(Sep 11, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Caalbaasii Ifaa Bahe
Mootuummaa Naannoo Oromiyaatti Hospitaalli Waliigalaa Nageelle Boorana Nyaataa Bilchaataa dhibbamtoota cisanii yaalamaniif bara Bajaata 2018 waldalee Dhiyyeessii Midhaan Nyaataa Bilchaata irraatti Gurma’aan dorgomsiise nyaata bilchaata dhiyeesisu barbaada, bu’urumaa kanaan waldaaleen ulaagalee kanaa gaditti ibsamee guutan dhiyaatanii dorgomuu ni danda’u.
1. Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaanittin heeyyamaa daldalaa baraa 2018 kan haromsame seeraqabeessa ta’ee gibira ittin kaffalan, TIN fi Waraaqa raga dhiyeesuumma fotoo kooppii isaa sanadaa caal-baasii Orijiinaala walin qabsisaani dhiyyeesuu qabu.
2. Dorgomtooni dhiyaatan galma’aa taaksii dabalataa TOT galmaa’uu isaanitiif ragaa foto koppii dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu qaba.
3. Dorgomtooni dhiyaatan ragaa Dhiyyeessii Midhaan Nyaataa bilchaata irraatti Waldaan gurma’uu isaani kan ibsu Waajjiraa isaan gurmesse irraa raga barbaachisu dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu qaba.
4. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa Caalbaasiif kan olu gatii tilmamaa bittaa waligalaa %1 (tokko qofa) maqaa Hospitaala Waligala Nageelle Booranatiin CPO Baankiidhaan mirkanaa’e, Baankii Gaaraantii ykn IMX yoo ta’an bu’uraa Danbii Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Naannoo Oromiyaa Diriirsuuf bahe lakk. 226/ 2014 xalayaa deeggarsaa qaama isaan hundeesse irraa Odeeffaannoo guutuu waajjira isaan gurmeesse kan ibsuu fi caalbaasii irraattii dorgoman ibsudhaan sanada Orijinaalaa caalbaasichaa waliin qabsiisee dhiyeessuu dirqama qabu.
5. Dorgomtootni hojii irraatti dorgoman kanaan duraa hojjii kanaan walfakkaatu irratti Muuxannoo dhiyeessumma Kan qaban ta’uu isaa Ragaa dhiyeeffachu kan danda’an.
6. Dorgomtootni sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Kun qillensarraa olee eegalee guyyaa hojii 15f yeroo hundaa sa’aati hojii maallaqaa hin deebine qr.300 (dhibbaa sadii) kaffaluun Hoospitaalaa Waliigalaa Nageellee Booranaatii kutaa Adeemsa Faayinaansi lakk. 41tti dhiyaachuun sanadicha bitachus ta’e sanada galchus ni danda’u.
7. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa poostaa saamsameen, sanadaa “Faayinanshala Orginal fi kooppii addan baasuun guyyaa guyyaa 23/12/2017 hanga 2/1/2018 sa’aati 6:00tti Hoospitaalaa Waliigalaa Nageellee Booranaa Sanduqa Caalbaasicha kanaaf qophaa’e keessa galchuu qabu.
8. Caalbaasichi gaafa guyyaa 3/1/2018 sa’aati 8:00dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seeraa isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti Galmaa Hoospitaalaa Waliigalaa Nageellee Booranaatiin keessaattii banama.
9. Mo’ataan caal-baasii mo’attee mo’aachuun isaa ergaa barrefaman ibsamee irraa guyyaa 6ffaa irraa kaassee guyyaa 5 keessaatti Hoospitaalaa Waliigalaa Nageellee Booranaa waajjiin waligaltee maallattesu diqamaa qaba .kana yoo raawwachu baate mo’aattumman isaa ni haqama.
10. Afaan caalbaasii Afaan hojii mootummaa Naannoo Oromiyaatii ta’a.
11. Hoospitaalaa Waliigalaa Nageellee Booranaa filannoo fooyya’e yoo argatee caal-baasichaa guutummaan guututti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan Kan eegame dha Nageellee Booranaa Odeeffannoo Dabaltaaf Lakk-Bilbilaa 04644500881 ykn 0926282296
Hoospitaalaa Waliigalaa Nageellee Boorana