Your cart is currently empty!
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Dambalaa mana jireenyaa gurguruu barbadaa
Kallacha Oromiyaa(Oct 16, 2025)
ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ። Please read the detailed instructions below.
Caalbaasii
Murtii Abbaa Mirgaa Aadde Tsiggee Abbaayinaahi fa’aa N-7 fi Murtii Abbaa Idaa Aadde Fatalawarqi Hayilee jidduu falmii raawwii jiru ilaalchisee mana jireenyaa Waliinii(kondominiyeemii) Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 14ffaa piroojektii yekkaa abaadoo saayitii 13 Lakk.Gamoo 451 Lakk.Manaa 17 maqaa raawwiin himatamtuu Fatalawarqi Hayileen galmaa’ee ballina M² 57 irratti argamu,tilmaama gatii ka’umsaa caalbaasii qarshii 2,168,394tiin caalbaasii ifaan wal- dorgomsiisee gurguruun maallaqa idaa baankii manichaarra mjiru baankiidhaaf erga kaffalamee booda,maallaqa hafe bitaafi mirgaaf waan barbaadameef gaafa 13/03/2018 sa’aatii 3:30 hanga sa’aatii 6:00tti iwaan gurguramuuf namoonni caalbaasii kana irratti hirmaachuun bitachuuf fedhii qabdan gatii ka’umsa caalbaasii 1/4 CPO baankiitti qabsiisuun iddoo mannichi argamu Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 14ffaa mooraa jireenyaa waliinii (kondominiyeemii) keessatti qaamaan argamuun dorgomtanii bitachuu kan dandeessan ta’uufi mo’ataan caalbaasii gatii maallaqa ittiin mo’atee guyyaa caalbaasiin itti gaggeeffamee irraa kaasee guyyoota 15 keessatti kaffaluu akka qaba manni murtii ajajeera.
Oddeeffannoo Dabalataatiif 09 12 01 31 52 ykn 09 11 91 82 47
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Dambalaa