Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Godina Jimma Aanaa Qarsaatti Waajjirrii Maallaqaa Aanaa Qarsaa Hojii Suphaa Daandi Sarara Afur (4) Bara Bajataa Kanatti Hojjechiisuuf Kiraa Maashiniiwwan hojii kanaaf barbaachisan haala armaan gadiitiin waldorgomsiisee hojjechiisuu barbaada


Addis Zemen(Oct 18, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Beeksisa Caalbaasii

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Godina Jimma Aanaa Qarsaatti Waajjirrii Maallaqaa Aanaa Qarsaa Hojii Suphaa Daandi Sarara Afur (4) Bara Bajataa Kanatti Hojjechiisuuf Kiraa Maashiniiwwan hojii kanaaf barbaachisan haala armaan gadiitiin waldorgomsiisee hojjechiisuu barbaada.

  1. Gibiraa bara 2017 kan Kaffale.
  2. Heeyama kireessa maashinaa ykn heeyama dhiheessaa maashinii kan qabuu fi bara 2018 haaromse.
  3. Galmaa’aa VAT fi Lakk. TIN kan qabu.
  4. TOT (3%) Kaffaluuf fedhii kan qabu.
  5. Dorgoomtoonni maqaa maashinichaa, moodela maashinichaa, bara maashinichi itti oommishame, humna maashinichaa, fi baay’ina maashinichaatiif, kan dhuunfaa yookiin kiraa ta’uu isaa raga barbaachisu dhiyeessuu kan danda’u.
  6. Dorgoomtoonni Kabachiisa caalbaasii gatii hundaa boba’aa waliinii irra %2 CPO ykn check baankiidhaan mirkanaa’e sanada teeknikaalaa orijiinaalaa waliin poostaa tokko keessatti saamsuudhaan dhiyeeffachuu qabu.
  7. Dorgoomtoonni ragaa isaanii sanada teeknikaalaa fi faayinaashaalaa Originaala tokko fi koppii lama poostaa addaa addaattiin saamsuudhaan “Teeknikaala orijiinaala”, “Faayinaashaalaa orijiinaala”, “Teeknikaalaa koppii 1”, “Teeknikaala koppii 2”, “Faayinaanshaalaakoppii 1”, “Faayinaashaalaakopii 2” jechuun irratti barreessuudhaan poostaavhundarratti maqaa, teessoc fi lakioofsa bilbilaa dhaabbatichaa, akkasumas, sarara daandii “lakkoofse caalbaasii irratti barreeffamuudhaan chaappaan dhaabbatichaa irrati rukutamee poostaa haadhoo tokko keessa ka’amee saamsamee dhiyaachuu qaba.
  8. Haala qabatamaa hoji irratti hundaa’udhaan yeroon/hangi maashinaaf kenname 20% dabaluu fi hir’achuu danda’a.
  9. Gatiin feesisa (lowbeecii) Boba’aa fi sarviisiin oppireetarootaa mo’ataadhaan kan haguugamuu ta’a
  10. Dorgoomtonni caalbaasicha guutummaan guutuutti qofa kan dorgoman yoo ta’u, gatii waliigalaa boba’aa fi vaatii waliiniin kan waldorgoman ta’a.
  11. Mo’ataan dorgomaa ulaagaa barbaachisu guutee fi gatii xiqqa ida’ama waliigalaa galche irraa ta’a.
  12. 1Dorgomtoonni Sanada Caalbaasii Qarshii Hin Deebine 1000 (Kuma Tokko Kaffaluun W/Ra Maallaqaa Aanaa Qarsaa irraa bitachuu danda’u.
  13. Caalbaasichi Gaazexaa Addis Zammani Irratti Ergaa Baheen boodda Guyyotta Hojii 15f Qileensa Irraa turrun gaffa guyyaa 16f hangaa sa’aatii 4:00 sanadii galee sa’aatii 4:30tti Saanduqni caalbaasii saamsamuun Guyyumma kana sa’atii 8:30 irrattii bakka dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni argamaniitti Waajjira itti Aana Aanaa Qarsattii ni Banama. Dorgomtoonni Baniinsa Caalbaasii Irratti Argamuu Dhaabuun Adeemsa Caalbaasii hin Gufachiisu.
  14. Waajjirichi carraa biraa yoo argate, caalbaasicha guutummaadhaan ykn walakkaadhaan haquuf mirga guutuu qaba.

Odeeffanno dabalataaf:- lakkoofsa bilbilaa 0471130011 bilbiluun ni danda’ama.

Godina Jimmaatti Daandii fi Loojistkii Aanaa Qarsa


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *