Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Dameen Olaanaa Galaan Baajata bara 2018 irraa bittaa uffata seeraa, Meeshalee Qulqullinaa, Meeshalee Barreeffama (Isteeshinarii) fi Fiitingiwwaan bishaanii bituu barbaada


BARRIISAA(Oct 18, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Marsan 1ffaa

Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Dameen Olaanaa Galaan Baajata bara 2018 irraa bittaa uffata seeraa, Meeshalee Qulqullinaa, Meeshalee Barreeffama (Isteeshinarii) fi Fiitingiwwaan bishaanii bituu barbaada. Kanaaf dorgomtootni ulaagaa armaan gadii guutuu dandeessan guyyaa beeksifni kun bahe irra eegaltanii sanada bitachuu ni dandeessu.

Ulaagaa Dorgommichaaf Bahe

1. Heyyama Daldalaa bara 2017 Kan Haaromse.

2. Taaksii ykn Gibira Mootummaa Kan Bara 2017 kan kanfale.

3. VAT kan galmahee ta’u qaba.

4. Tarree dhiyeessitootaa keessattii galma’uu isaani waraqaa ragaa kan qabu.

5. Dorgomaan Sanada isaa Orjinaala fi koppii (tekinikaa original, tekinikal copy 1, tekinikal copy 2 fi Original finaansii, financial copy 1, financial copy 2) isaa tokkoo seeraan guutuun poostaa hapheeffamee adda addaatti galchuudhaan sanada caalbaasii qulqulluu dhiyeessuu qabu.

6. Sanada bitachuuf amma Qarshii 3,000.00 (Kuma sadii) qofa kan hin deebine kanfaluun galmaahuu qaba.

7. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa calbaasichaatiif CPO amma qarshii 100,000.00 (kuma Dhibbaa tokko) maqaa dhaabbata keenyaatiin guyyaa 90 ‘f turuu kan danda’u hojjachiisee dhiyeessuu qaba.

8. CPO’N dhiyaatu sanadaan addatti samsamee dhiyaachuu qaba.

9. Dorgomaan kamiyyuu kan mo’ate yoo ta’ee kabachiisa caalbasiitiif amma gatii waligalaarraa dhibbeentaa kudhaan (10%) qabsiisuun waliigaltee dhaabbata waliin taasisuu qaba.

10. Ulaagaa Lakkoofsa 1-9ttii gubbaatti xuqame kan guute dhaabbatni kamiyyuu guyyaa caalbasiin kun bahe irraa jalqabee guyyaa hojii mootummaa 15/kudha shan/’f sa’aatii 3:00-6:30 waaree booda sa’aatii 7:30-11:00 gara Dhaabbatichaattii dhiyaatanii sanada bitachuun dorgomuu kan dandeessaan ta’uu isin beeksisaa, dhaabbatichi carraa biraa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeenis ta’ee gutummaan guutuutti haquuf mirgi isaa kan eegame ta’uu isaa isin beeksifna.

11. Guyyaan baniinsa caalbaasii kan gaggeeffamu guyyaa caalbaasin kun qilleensa irraa oolee jalqabee guyyaa hojii mootummaa 16ffaa sa’aatii 4:00tti saanduqni cufamee guyyuma sana sa’aatii 4:30tti kan kan banamu ta’a.

12. Dorgomtootni kamiyyuu guyyaa baniinsa caalbasii kanatti dhiyaachuu qabu, yoo dorgomaan dhiyaachuu baates caalbaasii kana banuuf kan dhorkuu hin jiru.

13. Iddoo galmee:-Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaala Shaggaritti Damee Olaanaa Galaan Waajjira Mana Qopheessaa Kutaa Magaalaa Galaan Fuuldura.

Hubachiisa:- Sanadootni haqamaa fi laaqamaan fudhatamaa hin qabu.

Lakkoofsa bilbilaa:- 0114450126

Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Bulchiinsa

Magaalaa Shaggaritti Damee Galaan