Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneennii Oromiyaa Ijaarsa Ittisaa Sigiga Lafaa Magaalaa Ciroo Marsaa 2ffaa ijaarsisuuf dorgomtoota ulaagaa guutan affeera


Ethiopian Herald(Oct 24, 2025)

ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ። Please read the detailed instructions below. 

Waamicha Caalbaasil Ifaa

Lakkoofsa Caalbaasii OUDHB/NCB/001/2018

Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneennii Oromiyaa Ijaarsa Ittisaa Sigiga Lafaa Magaalaa Ciroo Marsaa 2ffaa ijaarsisuuf dorgomtoota ulaagaa guutan affeera.

1. Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee Sigiga Lafaa hamaa humna Magaalaa ol ta’anii hawaasa irratti rakkoo uumu jedhamee yaadame irratti,furuuf bajataa yeroo adda addaa ramadee ijaarsisaa turuun isaa ni beekama,kanauma bu’uuraa godhachuudhan Biiroon Misooma Magaalaa Manneenii Oromiyaa bara Baajataa 2018tti bajataa Ijaarsa Ittisaa Sigiga Lafaa Magaalaa Ciroo Marsaa 2ffaa turtii guyyoota 540 keessatti hojjetamee xumuramu hojjechiisuu barbaada.

2. Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa kontiraaktaroota ijaarsaa GC-1 ykn RC-1 fi isaa ol ta’an hunda kan hayyama isaanii bara 2018 E.C haaromfame affeeree jira.

3. Sanadoonni caalbaasii iyyannoo barreeffamaa dhiyeessuun fi kaffaltii hin deebineen Birrii 2,000 (Birr kuma Lama) beeksisa guyyaa jalqabaa irraa eegalee yeeroo sa’aatii hojiitti gaazexaa irratti bahee irraa eegalee hanga dhumaatti Daarikteera Bittaa fi Bulchiinsa Faayinaansii Mooraa sarbet darbii 4ffaa irraa bitamuu ni danda’a. Wiixataa hanga Jimaataa yeroo sa’aatii hojiitti Dorgomaan qarshii 2,000(kuma lama) baankiitti galchuun nagahee baankii fiduu qaba. Dorgomaan “VAT” fi ragaa galmee TIN, hayyama daldalaa seera qabeessa ta’ee fi ragaa galmee seera qabeessa ministeera konistiraakshinii ykn Abbaa Taayitaa konistiraakshinii Oromiyaa biratti fudhachuuf galmaa’uu qaba, iyyata waliin dhiyaachuu qaba.

4. Dorgomtoonni odeeffannoo dabalataa argachuu, sakatta’uu fi sanada caalbaasii, Dareekteera Bittaa, Qabeenyaa fi Bulchiinsa Faayinaansii irraa argachuu ni danda’u.

5. Caalbaasiin hundi wabii caalbaasii maallaqa 500,000 (Qarshii kuma dhibbaa shan qofa) guyyaa caalbaasiin yaada itti kennamee booda guyyoota 120f kan hojjetu ta’uu qaba, Wabii caalbaasiitiif Qarshiin 500,000 (Qarshii kuma dhibba shan qofa) bifa Maallaqa Callaa ykn wabii Bankii Haala irratti hin hundoofne Baankii irraatti Maqaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaatiin dhiyaachuu qaba.

6. Caalbaasiin akkaataa hojimaata caalbaasii Ifaa biyyoolessaa labsii bittaa mootummaa Rippaabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itoophiyaa keessatti argamuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, dorgomtoota ulaagaa guutan hundaaf banaadha kunis (Sadarkaa lama: Sadarkaan jalqabaa madaallii duraa fi teeknikaadha & lammaffaan. sadarkaa madaallii faayinaansiidha).

7. Sanada caalbaasii guutuu Afaan Oromiffaan qophaa’e dorgomtoota fedhii qabaniin bitamuu ni danda’a, Iyyata barreeffamaa, waraqaa ragaa galmee VAT, Ministeera ljaarsa ykn Abbaa Taayitaa ljaarsa Oromiyaa irraati ragaa galmee haaromfame, waraqaa ragaa galmee daldalaa haaromfame, hayyama daldalaa haaromfame, Ragaa galmee kaffalaa gibiraa fi gibira Qulqulleessuun Biiroo Galii Oromiyaa ykn ERCA irraa fi EGP keessatti galmaa’uun teessoo armaan gadittiibsamee fi ol kaffaltii hin deebine birrii Itoophiyaa 2000 (Qarshii kuma lama) nagahee gara Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii hanga guyyaa hojii 21ffaa fi sa’aatii hojii mootummaatti guyyaa beeksisa jalqabaa gaazexaa irratti bahe irraa eegalee bitachuun ni danda’ama.

8. Yeroon xumuraa caalbaasii (gahumsa teeknikaa fi dhiyeessii faayinaansii of danda’ee) dhiyaachuun guyyaa hojii 22fffaa sa’aatii biyya keessaa sa’aatii 4:30 ykn sana dura guyyaa jalqaba gaazexaa irratti beeksise irraa eegalee ta’a. Guyyaan digdamii lammaffaan guyyaa hojii yoo hin taane, guyyaa hojii battalumatti itti aanu ta’a.

9. Orijinaallifi waraabbii sanadoota gahumsa teeknikaa adda addaan envelope cufame keessatti “Orijinaal fi waraabbii sanadoota gahumsa teeknikaa” jedhamee mallatteeffame keessatti kan kaa’amuu fi envelope lamaan envelope alaa guddaa keessa kaa’amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa caalbaasii irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta’u, “bakka koreen caalbaasii jirutti qofa banama” jedhamee ifatti kan barreeffamu yoo ta’u, Wabii Caalbaasii qofaatti saamsuun sanada teeknikaa orijinaala waliin ni kaa’ama.

10. Orijinaalli fi kooppiin sanadoota dhiyeessii faayinaansii addaan baafamee envelope cufame keessatti kan mallatteeffame “Orijinaal fi Koppii Sanadoota Dhiyeessii Faayinaansii” jedhamee kan mallatteeffame yoo ta’u, envelope lamaan envelope alaa guddaa keessa kaa’amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi Odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta’u, “Bakka Koreen caalbaasii jirutti qofa banama” jedhamee ifatti kan barreeffame ta’uu qaba.

11. Lamaanuu Piroppozaala Teeknikaa fi Faayinaansii keessatti Envelope haadha tokko keessa kan kaa’amu yoo ta’u envelope alaa kun teessoo dhiyaannaa fi Odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabuu fi “Bakka jirutti qofa banamuu kan qabu ta’uu qaba kan Koree caalbaasii”.

12. Biiroon Miisooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Caalbaasii kana guutuu isaa/gartokkee isaa haquudhaaf mirga guutuu qaba.

Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Daariikteera Bittaa Fi Bulchiinsa Faayinaansii Mooraa sarbet darbii 4ffaa

Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *