Your cart is currently empty!
Godina Qellem Wallagaatti Waajjirri maallaqaa Aanaa Laaloo Qilee bara baajetaa 2018 keessaa seekteroota Aanichaatiif: Daldaltoota Heyyama Seeraa Qaban Irraa Wal-Dorgomsiisee Caalbaasii Ifaadhaan meeshaalee armaan gadii Bituu Barbaada.
Kallacha Oromiyaa(Oct 23, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Caalbaasii Ifaa
Godina Qellem Wallagaatti Waajjirri maallaqaa Aanaa Laaloo Qilee bara baajetaa 2018 keessaa seekteroota Aanichaatiif: Daldaltoota Heyyama Seeraa Qaban Irraa Wal-Dorgomsiisee Caalbaasii Ifaadhaan meeshaalee armaan gadii Bituu Barbaada.
1. Meeshaalee Dhumataa biiroo keessaa, Uffata Seeraa Hojjettootaa, Meeshaalee Elektirooniksii, Gommaa Konkolaataa fi Mootorsaayikilii, Meeshaalee Ijaarsaa
Ulaagaalee caalbaasichaaf barbaachisan
1. Heyyama seeraafi lakk.TIN kan qabu.
2. Gibira bara 2017 kan kaffalee fi heyyama bara 2018 kan haareffate.
3.Galmaa’aa VAT kan ta’e.
4. Meeshaalee armaan olitti ibsaman kana qulqullinaa fi baayinaan hanga waajjira maallaqaa Aanaa Laaloo Qileetti dhiyeessuu kandanda’u
5. Tokkoo tokkoon Sanada caalbaasii qarshii hin deebine qar.400.00 (dhibba afur) waajjira Maallaqaa irraa bitachuu kan danada’u.
6. Sanada caalbaasii poostaa dhaan cufee maqaa dhaabbatichaa mallattoo dhaan chaapessee gaafa caalbaasii harkatti qabatee dhiyaata.
7. Guyyaa galmee14/2/2018 hanga 11/3/2018 bitatee /ttee dorgomuu kan danda’u.
8. Guyyaa caalbaasiin itti banamu gaafa 12/3/2018 dorgomaan sanadaa caalbaasii poostaan cufee maqaa dhaabbatichaa irratti barreessuun mallatteessuun chaaphaa itti godhee saanduqa caalbaasii keessa buusa rratt sanadi .guyyuma kana ganama keessaa sa’atii 3፡00 irratti saanduqi caalbaasii cufamee, sa,aatti 3:30caalbaasii bakka dorgomaan ykn bakka bu’aa seera argametti banama.
9. Dorgomaan dokimentii heyyama orjinaala fi koppii isaa dhiyeessuu kan danda’u.
10. Dorgomaan injifate ykn mo’ate ergaa ajajni bittaa kennamee booda guyyaa 15n keessatti meeshaalee dhiyeessuu kan danda’u.
11. Mo’ataaf kaffaltiin kan raawwatamuuf meeshaa dhiyeessee seekteraa fi ogeessa dhimmi isaa ilaallatuun ergaa mirkanaa’een booda ta’a.
12. Bakka galmee Waajjira maallaqaa Aanaa Laaloo Qilee kutaa A/Ho. Bittaa lakk9 galmaa’uu qaba.
13. Akaakuu irratti dorgomuun tokkoon tokkoon irraati dorgomeef CPO qarshii 2% Qabsiisuu kan danda’u.
14. Bittaan gatiinisaa 100,000 fi isaa o lta’eef dhiyeessaan kaffaltii waraqaa raga VAT dhiyeeffachuu kandanda’u.
15. yaabsisuu fi buusuun kan mo’ataa ti.
16. Meeshaan kun kan dhiyaatu yeroo hojii mootummaatti.
Hubachiisa Waajjirrichi filannoo biraa yoo argate gutummaa guutuutti ykn gar tokkeen caal baasicha haquuf mirga guutuu qaba. Yaada dabalataaf Lakk bilbilaa 09 20 43 07 62, 09 10 13 40 58 ykn 09 13 48 91 83
Waajjira Maallaqaa Aanaa Laaloo Qilee.