Your cart is currently empty!
Waajjirri Maallaqaa Godina Q/Wallaggaa Beeksisa Caalbaasii Ifaa hojii ijaarsa piroojektii Riqicha Qajimajii, Laga Baaduu fi Kombolchaa dhaabbata Kontiiraakteroota dhuunfaa Sadarkaa GC4/RC4 isaa olii kan waajjira Daandiiwwaniifi Loojistiksii Godina Qellem Wallaggaa dorgomsiisee Kennuu barbaada
Addis Zemen(Oct 30, 2025)
ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ። Please read the detailed instructions below.
Beeksisa Caalbaasii Ifaa 1ffaa
Lakk.Addaa Bittaa: GQW/SCI/CIB/R/01/2018
Waajjirri Maallaqaa Godina Q/Wallaggaa Beeksisa Caalbaasii Ifaa hojii ijaarsa piroojektii Riqicha Qajimajii, Laga Baaduu fi Kombolchaa dhaabbata Kontiiraakteroota dhuunfaa Sadarkaa GC4/RC4 isaa olii kan waajjira Daandiiwwaniifi Loojistiksii Godina Qellem Wallaggaa dorgomsiisee Kennuu barbaada.
| Lakk | Maqaa Riqichaa | Bal’ina (M) | Godina | Aanaa | Kabachiisa Caalbasii | Turtii Pirojektii (Cal.Days)ii | Galii waggaa isa Olaanaa (PACT) | Sardaa Kontraakteraa (Category of Contactor) | 
| 1 | Qajimajii | 14 | Q/Wallaggaa | Anfilloo | 400,000 | 180 | 70,000,000 | RC4/GC4 fi isaa olii | 
| 2 | Laga Baaduu | 18 | Q/Wallaggaa | Sayyoo | 450,000 | 180 | 70,000,000 | RC4/GC4 fi isaa olii | 
| 3 | Kombolcha | 12 | Q/Wallaggaa | Y/Walal | 300,000 | 180 | 40,000,000 | RC4/GC4 fi isaa olii | 
Ulaagaalee dorgommii akkaataa armaan gadiitiin ta’a.
1. Lammummaan isaa Itoopiyaa kan ta’e
2. Haayyama Daldalaa haaromee fi Galmeessa Daldaalaa kanqabu
3. Waraqaa raga TIN fi VAT kanqabu
4. Waraqaa gahumsa ogummaa sadarkaa GC 4 fi RC4isaa olii haaromee/haaraa kan qabu.
5, Waraqaa qulqullinaa kaffaltii Gibiraa kan bara 2017 kan dhiyeeffatu.
6. Waraqaa ragaa Galmee dhiyeessitotaa keessatti galmaayee kan qabu (EGP/FPPA) supplier list)
7. Adabbii bittaa mootummaa irraa akka hin dhorkamne ragaa kan dhiyeeffatu.
8. Walitti bu’insa faayidaa hin mallee argachuu madde irraa bilisa kan ta’e.
9. Caalbaasiin erga banamee booda yaada dorgommii dhiyaatee jijjiiruu,gatii fooyyeessuu fi caalbaasii keessaa of baasuun hin danda’amuu.
10. Dorgomaan Dokimantii faayinansiifi teekinikaa Akkaataa QD 24.1 kan dhiyeessu ta’ee Dhumarattis Sanadinni Tekinikaa fi faayinaansii guutuun poostaa qeenxee tokko (Mother post) keessatti saamsame gara alaa isaa irratti odeeffannoo pirojektii dabalatee,Maqaa abbaa pirojektii, maqaa dhaabbatichaa/Dorgomaa fi hojichaa odeeffannoo barbaachisoo ta’e hunda qabaachuu qaba.
11. Poostaan saamsame hundiisaa samiidhaan erga cuufamee booda chaaphaa dhaabbataan chaapheeffamee mallattoodhaan kan mirkana’ee ta’uu qaba.
12. Dorgomaan Wabummaa kabachiisa caalbaasii (CPO) ykn Xalayaa Haala irratti hin hundoofne(Un conditional) Hanga qarshii gabatee armaan olitti ibsameen Maqaa Waajjira Daandiiwwaniifi Lojiistiksii godina Qellem wallaggatiin kan guyyoota 118 ol turu Baankii irraa kan dhiyeeffatu.
13. Dorgomaan kamiyyuu Bakka Hojii kanaa fi Hojii kanaan wal qababatan (Site Visite) gochuun dirqama.
14. Dugda poostaa hundaa irratti :-
- Maqaa piroojektii
- Maqaa Abbaa piroojektii
- Maqaa fi Teessoo kontiraakteraa
- Maqaa Dookimantii Poostichi baatu qabaachuu qaba.
- Guyyaa Sanadi Caalbaasii itti gurguramu guyyaa gaazexaa Addis zaman irratti maxxanfamee bahe irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 20 sa’a 2:30 hanga 6:30 tti waaree dura sa’a 8:00 hanga 11:30 waaree booda ta’ee:
- Guyyaa sanadi caalbaasii itti deebi’u guyyaa 21ffaa tahee guyyichi ayyaana ykn sanbata irra yoo oole guyyaa itti aanu hanga saatii 4:00 waaree duraatti qofa.
- Guyyaa sanadi caalbaasii itti saaqamu guyyaadhuma 21ffaa tahee saatii 4:30 waaree duraatti kutaa galma xiqqaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Qellem Wallagga bakka dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seera qabeessa ta’an argamanii fi taajjabdoonni jiranitti saaqama.
- Iddoo galmee waajjiira W/Maallaqaa Godina qellem wallagga Ta’ee Kuta Bittaaf Bulchinsa Qabeenya Lakk. kutaa 9
- Caalbaasii kana dhaabbanni Kontiraakteraa mo’atee maashinii hojii kanaaf barbaachiisu hunda waliin guyyaa caalbaasii mo’atee waadaa mallatteesse irraa eegalee guyyaa kudha shan gidduuti iddoo hojii kanaatti argamuun hojii kan eegalu.
15. Waajjirri filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquu danda’u.
Bakka caalbaasiin itti cuufamu waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Qellem Wallagga Galma xiqqaa ta’ee bakki itti banamuus Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Qellem Wallagga Galma xiqqaa ta’a.
Dorgomaan Sanada Caalbaasii bitachuuf qarshii hin deebinee 2000(kuma lama) akkaawuntii siinqee 1051654201215 kan waajjira Maallaqaa Godina Qellem Wallaggatti kaffalee nagahee seeraa kan dhiyeessu ta’a.
Waajjirri Maallaqaa Godina Q/Wallaggaa