Waajjirri Maallaqaa Aanaa Mayyuu Mulluqqee madda baajataa Idilee bara 2018ttiin Keellaan Fayyaa Dhaloota 2ffaa (Comprehensive Health Post) dorgomsiisee hojjachuu barbaada


Addis Zemen(Jan 31, 2026)

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Lakkoofsa Caalbaasii 002/2018

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Mayyuu Mulluqqee madda baajataa Idilee bara 2018ttiin Keellaan Fayyaa Dhaloota 2ffaa (Comprehensive Health Post) dorgomsiisee hojjachuu barbaada

waan ta’eef dorgomtoonni seera qabeessaa fi ulaagaalee armaan gaditti ibsaman guutuu danda’u kamiyyuu dorgomuu kan danda’u ta’uu ibsina. 

1. Eyyama Ijaarsaa Sadarkaa G/Galaa kan qabuufi ragaa dhiheessuu kan danda’u.

2. Gibira bara 2017 haaromsee ragaa dhiheessuu kan danda’u.

3. VAT’I galmaa’ee ragaa dhiheessuu kan danda’u.

4. TIN’f kan galmaa’ee raga dhiheessuu danda’u.

5. Dorgomaan gocha malaammaltummaa fi qisaasamaa irraa bilisa ta’uu seerota federaalaa fi naannoo kan kabaju ta’uu qaba.

6. Kanaan dura Keellaa Fayyaa Dhaloota 2ffaa tokkoo fi isaa ol ijaaree muuxannoo hojii dhiheeffachuu kan danda’u.

7. Idaa Mootummaa kamiyyuu irraa bilisa kan ta’e.

8. Dorgomtootni hundinuu sanada orijinaalaa fi waraabbii (copy) dhiheessuu qaba.

9. Sanada caalbaasii kana maallaqa hin deebine Qarshii.2000.00 (kuma lama) kaffalee Waajjira Galiiwwanii A/M/Mulluqqee irraa nagahee bitachuun sanadicha immoo Waajjira Maallaqaa A/M/Mulluqee A/Bit/Bul/Qabeenyaa irraa fudhachuu kan danda’u.

10. Kabachiisa caalbaasii CPO:n wabummaa baankii/maallaqa callaa Qarshii 50,000.00 (kuma shantama) qabsiisuu kan danda’u.

11. Kabachiisa waliigalteef maallaqa waliigala piroojektichaaf qabame irraa 5% qabsiisuu kan danda’u.

12. Dorgomaan kafaltii duursaa (Advance Payment) osoo hin gaafanne piroojekticha eegaluu danda’u ni jajjabeefama.

13. Dorgomaan kamiyyuu konkolaataa hojii kanaaf barbaachisu Kan akka UD fi Sinotruck dursee Abbaa Qabeenya wajjiin waliigaltee seenee dhiheefachuu qaba.

14. Sanada caalbaasii kana guyyaa 22/5/2018 irraa hanga guyyaa 13/06/2018tti iddoolee armaan olitti eerame irraa bitachuun ni danda’ama.

15. Caalbaasiin kun dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni seera qabeessa bakka argamanitti guyyaa 14/06/2018 sa’aatii 3:30tti ifaan banama.

16. Caalbaasiin kun kan cufamu guyyaa 14/06/2018 sa’aatii 10:30tti ifaan cufama.

Hub:- Waajjirichi carraa biraa yoo argate caalbaasicha guutumaan guutuutti ykn gartokkeen haquuf mirga guutuu ni qabaata.

Odeeffannoo dabalataaf karaa lakkoosa bilbilaa 09 15 02 86 28 , 09 39 93 93 04 fi 09 13 78 99 45 irratti bilbiluun gaafachuu ni dandeessu.

Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Mayyuu Mulluqqee


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *