Your cart is currently empty!
Waajjirri Daandiiwwaniifi Loojistiksii Go/Ho/Gu/Wallaggaa Ijaarsa Pirojektoota Riqaalecfi Toorota Daandiilee armaan gadii kanneen Aanaa Godina keenya gara garaa keessatti argaman hojjechiisuuf Caalbaasii Ifaa baasee Dhaabbilee Eeyyama hojii ijaarsa seera qabeessa ta’e qaban dorgomsiisce hojjechiisuu barbaada.
Addis Zemen(Feb 02, 2026)
BEEKSISA WAAMICHA CAALBAASII IFAA
Waajjirri Daandiiwwaniifi Loojistiksii Go/Ho/Gu/Wallaggaa Ijaarsa Pirojektoota Riqaalecfi Toorota Daandiilee armaan gadii kanneen Aanaa Godina keenya gara garaa keessatti argaman hojjechiisuuf Caalbaasii Ifaa baasee Dhaabbilee Eeyyama hojii ijaarsa seera qabeessa ta’e qaban dorgomsiisce hojjechiisuu barbaada.
|
Lakk
|
Maqaa Piroojektii
|
Dheerina |
Godina |
Aanaa
|
Hojiin Itti Xumuramuu Guyyaa Moobilaayizeeshinii Dabalate |
Lakkoofsa Addaa Bittaa Caalbaasii |
|
1 |
Riqaa Laga Liibanoo 2ffaa |
20M
|
HGW |
Amuruu
|
360 |
WDLGHGW/SCI/0011/2018
|
|
2 |
Gaararoo-Caruu
|
6.2km
|
HGW |
A/Dongoroo |
360 |
WDLGHGW/SCI/009/2018
|
|
3 |
H/Nagaasoo-Laga Miicaa
|
6.5km
|
HGW |
J/Jaartee
|
360 |
WDLGHGW/SCI/008/2018
|
|
4 |
G/Galleessa -K/Durbaa
|
17.34km |
HGW |
A/Dongoroo |
360 |
WDLGHGW/SCI/0012/2018
|
Kanaafuu:
1.Dorgomtoonni fedhii qabaniifi ragaalee armaan gadii dhiyeessuu danda’an:-
I. Dorgomtoonni Waraqaa ragaa Gahumsaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa ykn Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Federaalaa irraa baafatanii jiran Riqaa Laga Liibanoo 2ffaafi Toora Daandii G/Gaaleessa-K/Durbaaf G-C-3 fi R-C-2 fi isaa oliifi Toora daandii Gaararoo-Caruufi H/Nagaasoo-Laga Miicaaf immoo GC-5 RC-4 fi isaa ol qabaatanii Baajata 2018’f kan haaromfatanii kan qaban.
II. Ragaa VAT fi TIN Kaffalaa gibiraa Abbaa Taayitaa Galiiwwan Sadarkaan jiraniin kenname dhiyeeffachuu kan danda’u.
III. Ragaa qulqulleessuu Taaksii/Tax clearance Certificate/ gibira bara 2017 A.L.I Kaffalanii Caalbaasii bara baajata 2018 A.L.I irratti hirmaachuu danda’uu isaaniif Xalayaa Abbaa Taayitaa Galiiwwan Sadarkaan jiraniin kennamerraa dhiyeeffachuu kan danda’u. IV. Ragaa Dhiyeessummaa Ejensii Bittaa Mootummaafi Bulchiinsa Procurement and Qabeenya Itiyoophiyaa/public Property Administration Agency/Tarree Dhiyeessitootaa irratti galmaa’uu (Suppliers List) dhiyeeffachuu kan danda’u.
2. Caalbaasii hojmaata caalbaasii Dorgommii Biyyaalessaa /National Competitive Bidding/(NCB)tiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, dorgomtoota biyya keessaa ulaagaa guutan hundaaf akkaataa sanada Caalbaasii irratti ibsameen ta’a.
3. Dorgomtoonni Caalbaasii Wabummaa Kabachiisa Caalbaasii (Bid security) Turtiin yeroo isaa guyyoota 28 seera qabeessummaa booda dabalatee guyyoota 90’fturuu danda’u kan qarshii:500,000.00(kuma dhibba shan) /bifa CPO tiin ykn wabii baankiin mirkaneeffame/ Bank Guarantee ) sanada teekinikaa haadhoo waliin waajjira Daandiiwwaniifi Loojistiksii Godina Ho/Gu/Wallaggaatiif maqaa pirojektii ibsuun dhiyeeffachuu qabu. Dorgomaan Caalbaasii moo’ate gatii waliigalaa keessaa Kabachiisa Caalbaasii (performance bond) 10% qabsiisuudhaan Waajjira keenya waliin waliigaltee mallatteesuu kan danda’u ta’uu qaba.
4. Waajjirri keenya moo’ataaf kaffaltii dursaa (Advance Payment) hin Kaffalu. Kanaafuu, dorgoomaan haalaan of qopheessee hojiitti galuu qaba.
5. Dorgotoonni ulaagaa guutaniifi fedhii qaban guyyaa beeksisni gaazexaa irratti maxxane irraa eegalanii hanga guyyaa xumuraatti waajjira Galiiwwan Godina Horroo Guduruu wallaggaa kutaa Lakk.4tti dhiyaachuun sa’aatii hojii mootummaatti Qar.500.00( Dhibba shan) kan hin deeebine kaffaluun bitachuu ni danda’u.
6. Dorgomtootni Sanada Dokimantii Teekinikaalaa uwwisa(Envelope) maqaadhaan Saamsame akkasuma chaappaa seera qabeessa dhaabbatichaa, gagaadhaan dibameefi Mallatteeffame Teekinikaa haadhoo Orijinaala tokkoofi Teekinikaala Koppii 1ffaafi koppii 2ffaa) qofa qofaatti saamsuudhaan sadan isaanii immoo bakka tokkotti poostaa tokko keessatti galchuudhaan “Sanada Teekinikaa” jechuun barreessuudhaan galchuu qabu. Dorgomtootni Sanada Dookimeentii Mallaqaa Dhiyeessii(Financialy Document) uwwisa (Envelope)maqaadhaan saamsame akkasuma chaappaa seera qabeessa dhaabbatichaa, gagaadhaan dibameefi mallatteeffame (Sanada Faayinaanshaalii haadhoo Orijinaala tokkoofi Faayinaanshaalaa Koppii 1ffaafi koppii 2ffaa) qofa qofaatti saamsuudhaan sadan isaanii immoo bakka tokkotti poostaa tokko keessatti galchuudhaan “Sanada Faayinaanshaalaa” jechuun barreessuudhaan galchuu qabu. Wabiin Kabachiisa Caalbaasii Uwwisa (Envelope) alaa keessa kaa’amee bifa fudhatama qabuun poostaa of danda’een Sanada Teekinikaa( Technical Document) alatti hidhamuun dhiyaachuu qaba. Dhuma irratti dorgomaan poostaawwan, “Teekinikaalaa”, “Faayinaanshaalii”fi “wabii kabachiisa calbaasii”bakka tokkotti poostaa guddaa tokkootiin saamsuudhaan chaappaa seera qabeessa dhaabbatichaa, gagaadhaan dibameefi mallatteeffame saanduqa calbaasii maqaa mana hojii keenyaatiin qophaa’e keessatti galchuu qabu.
7. Caalbaasiin kun guyyaa beeksisni Gaazexaa irratti bahe irraa kaasee guyyaa hojii digdamii tokkoof(21) qilleensa irra oolee booda gaafa guyyaa hojii 22ffaa (digdamii Lammmaffaa) waaree dura Sa’aatii 3:30tti saamsamee sa’aatii 4:00tti ifatti ni banama. Haata’u malee guyyaan 22ffaan(Digdamii Lammaffaan) guyyaa hojii yoo ta’uu baate,guyyaa hojii mootummaa itti aanutti sa’aatii walfakkaataatti saamsamee akka banamu ni ta’a. Caalbaasiin hundi wabii kabachiisa caalbaasii ibsame waliin ta’uu qaba. Sanadni yaada dorgommii dorgomtootaa yeroo dabarsee dhiyaate ni kufa( Late bidders will be rejected). Sanadni dorgommii dorgomtootaa Waajjira Maallaqaa Godina Ho/Gu/Wallaggaa Darbii 1ffaa bakka dorgomtootni ykn bakka bu❜oonni seera qabeessaa argamanitti ifatti ni banama.
8. Madaalliin sadarkaa lamaan gaggeeffama. Oddeeffannoo Ulaagaa Duraa Teekinikaa(Qualification information first) fi Caalbaasii Faayinaansii dorgomtoota gahumsaa (Financial Bids of qualified bidders Next) qaban itti aansuun kan raawwatamu ta’a. Sanadni caalbaasii Faayinaansii Dorgomtoota kanneen Madaallii Teekinikaa darbanii banamuu kan danda’u akkaataa qajeelfamni bittaa ajajuun ta’ee; Sanada Caalbaasii faayinaansii dorgomtoota ulaagaa hin guutnee hin banamu.
9. Dorgomaan Pirojektii Riqaafi Toora Daandii Godina kana keessatti hojjetamaa jiraniifi kan barri waliigaltee isaanii bara 2017 fi isaa achi ta’anii hojii of harkaa kan qaban yoo xiqqaate Fiizikaala hojii isaa 70% fi isaa ol irra kan gahe ta’ee qaama hojjechiisu irraa xalayaa dhiyeeffachuu kan danda’u qofatu dorgomuu danda’a.
10. Dorgomaan kamiyyuu sanada yaada dorgommii caalbaasii tokko qofa dhiyeessuu qaba..
11. Dookimentiin (Ragaan) sirrii hin taane yoo dhiyaate dorgommiitiin ala ta’a.
12. Waajjirichi caalbaasii baase kana guutummaan guutuutti ykn gar- tokkeen haquuf mirga qaba.
Oddeeffannoo Dabalataaf:
+2519-40-30-81-27
+2519-17-84-15-49
Waajjira Daandiiwwaniifi Loojistiksii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa