Waajjirri Maallaqaa Godina Arsii, deeggarsa baajataa bara 2018 Waajjimi Fayyaa Godina Arsii Biiroo Fayyaa Oromiyaa irraa argateen, Godina Arsii Aanaa Shanan Kooluu bakka”Unkee”jedhamutti Dhaabbilee /Kontiraakteroota Ijaarsa Sadarkaa GC/ BC.5 fi isaa ol qabanii fi Ijaarsa gaafatameef gahumsa madaalu qaban waldorgomsiisee bittaa raawwachuu barbaada. Kanaafuu


Ethiopian Herald(Feb 03, 2026)

Beeksisa Waamicha Caalbaasii Ifaa Biyyaalessaa (NCB)

Mata Duree (Bid Title): Ijaarsa Keellaa Fayyaa Waliigalaa “Unkee”

Waajjirri Maallaqaa Godina Arsii, deeggarsa baajataa bara 2018 Waajjimi Fayyaa Godina Arsii Biiroo Fayyaa Oromiyaa irraa argateen, Godina Arsii Aanaa Shanan Kooluu bakka”Unkee”jedhamutti Dhaabbilee /Kontiraakteroota Ijaarsa Sadarkaa GC/ BC.5 fi isaa ol qabanii fi Ijaarsa gaafatameef gahumsa madaalu qaban waldorgomsiisee bittaa raawwachuu barbaada. Kanaafuu:

1. Dhaabbileen/Kontiraakteroonni bittaa ijaarsaa gaafatameef; Heyyama Waraqaa Ragaa Gahumsa Ogummaa Rogummaa qabu Sadarkaa GC/BC.5 fi isaa ol qabanii fi dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu qabu.

2. Dorgomtoonni Heyyama Daldalaa bara 2018 haaromfame, Waraqaa Ragaa galmeeffama Taaksii dabalata Qabeenyaa /VAT, Waraqaa Ragaa Kaffalaa Gibiraa/ TIN, Waraqaa Ragaa dhiyeessummaa bittaa/”Supplier List” Poortaala e-GP irratti galmaahee fi Ragaa Walitti bu’iinsa faayidaa hin malle dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu qabu.

3. Dorgomtoonni Waraqaa Ragaa (Xalayaa) qulqullina taaksii (gibira) Bara 2017 kaffalanii Xumuruu isaanii ibsu Waajjira Galiiwwan Sadarkaan jiru (qaama gibira sassaabu) irraa dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu qabu.

4. Dorgomtoonni Sanada Caalbaasiif qophaa’e qarshii hin deebine Kuma tokkoo fi dhibba shan (1500.00) Maqaa Waajjira Maallaqaa Godin Arsiitiin Baankii Siinqee Laakkofsa Herrega Baankii: 1071378041218 galii gochuun Garee Bittaa, Waajjira Galiiwwan Godina Arsii Kutaa Lakk.ATG.005 itti Nagahee Galii (RV) itti kutuun Bulchiinsaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa fi Tajaajila Waliigalaa G+1,Kutaa (Room) Lakk. 106 Sa’aa hojii Mootummaa bitachuu/argachuu ni danda’u.

5. Sanada Caalbaasiif qophaa’e gurguruun kan eegalamu; guyyaa Caalbaasiin kun qilleensa irra oole irraa eegalee guyyoota hojii Mootummaa Walitti aanan digdamaaf (20) kan gurguramu yoo ta’u, sanadni yaada dorgommii Caalbaasii (SYDC) hanga guyyaa 21ffaa hanga Sa’aatii 4:00 tti qofa Saanduqa Caalbaasiif qophaa’e keessatti galchuun, guyyama kana sa’aatii 4:30 dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni seeraa fi Miseensonni Koree Teekinikaa Bittaa Ijaarsaa fi Tajaajila Gorsaa Godina Arsii bakka argamanitti Galma Walgahii Waajjira Maallaqaa Godina Arsii Lakk. MWD.209tti ni banama. Ta’us argamuu dhabuun isaanii sirna baniinsa Caalbaasii hin gufachiisu. Guyyaan 21ffaa Sambataa fi Dilbata ykn Guyyaa Ayyaana Ummataa /”Public Holiday” yoo ta’e Caalbaasiin kan banamu guyyaa hojii itti aanu iddoo fi sa’aatii ibsametti ta’a.

6. Dorgomaan kamiyyuu Wabummaa Kabachisiisa Caalbaasiitiif Qr.500,000.00 (Kuma Dhibba Shan) Baankii beekamaa ta’erraa mirkanaa’e “CPO” qofaan Maqaa Waajjira Fayyaa Godina Arsiitiin qophaa’ee erga hapheeffameen booda, Maqaa Abbaa pirojektii, Maqaa Pirojektii, Lakkofsa Addaa bittaa sirrii ta’ee, Maqaa fi Mallattoo bakka bu’aa dhaabbatichaa, Maqaa dhaabbatichaa fi Teessoo dhaabbatichaa irratti barreesssuun Chaappaa dhaabbatichaa itti rukutuun Poostaa Teekinikaalaa haadhoo (Originaala) keessa galchuun hapheessuun dhiyeessuu danda’uu qaba.

7. Dorgomtoonni Ragaa Teekinikaa Haadhoo (Orijinaala) Tokkoo fi Waraabbii (Kooppii) Lamaan qopheessuun Poostaan kophaa kophaatti erga qophaa’een booda, Poostaa haadhoon bakka tokkotti Poostaa hunda irratti Maqaa fi Mallattoo bakka bu’aa dhaabbatichaa, Maqaa dhaabbatichaa, Teessoo dhaabbatichaa fi Chaappaa dhaabbatichaatiin rukutamee hapheeffamee bifa ifa ta’een HAADHOO (ORIJINAALA) irratti HAADHOO (ORIJINAALA) kan jedhuu fi WARAABBII irratti “WARABBII 1ffaa fi 2ffaa” kan jedhu kompiitaraan (qalama gadi hin dhiisnee fi haqamuu hin dandeenyeen) irratti barreessuun dhiyeeffachuu danda’uu qabu. Akkasumas, dorgomtoonni Maqaa Abbaa Pirojektii, Teessoon Abbaa pirojektii fi Maqaa sirrii Pirojektii irratti dorgomuu sirnaan barreessuu qabu.

8. Dorgomtoonni Ragaa Faaynaanshaalaa Orjinaala tokkoo fi Kooppii Lamaan qopheessuun Poostaan kophaa kophaatti erga qophaa’ee hapheeffameen booda, Poostaa haadhoon bakka tokkotti Poostaa hunda irratti Maqaa fi Mallattoo bakka bu’aa dhaabbatichaa, Maqaa dhaabbatichaa, Teessoo dhaabbatichaa fi Chaappaa dhaabbatichaatiin rukutamee hapheeffamee bifa ifa ta’een Orijinaala irratti” Orijinaala” kan jedhuu fi Waraabbii irratti “Waraabbii 1ffaa fi 2ffaa” kan jedhu kompiitaraan (qalama gadi hin dhiisnee fi haqamuu hin dandeenyeen) irratti barreeffamee dhiyaachuu qaba. Akkasumas dorgomtoonni Maqaa Abbaa Pirojektii, Teessoon Abbaa pirojektii,Maqaa sirrii Pirojektii irratti dorgomuu sirnaan barreessuu qabu.

9. Dorgomtoonni gamaaggama Madaallii Teekinikaa Waliigalaa qabxii dhibeentaa 100 keessaa dhibantaa 70 fi isaa ol argatan gara gamaaggama dorgommii faayinaanshaalaaf/gatiif kan darban ta’u.

10. Tokko tokkoo fuula sanada yaada dorgommii Caalbaasii /SYDC/ irratti; Mallattoo bakka bu’aa dhaabbataa fi hin qabu. Chaappaa dhaabbattichaa hin qabne fudhatama hin qabu.

11. Dorgomtoonni caalbaasichi erga banameen booda, yaada dorgommii dhiyeessan irratti fooyya’iinsa sanada caalbaasii dhiyeessuu fi caalbaasiin ala of gochuu hin qaban.

12. Dorgomtoonni Poostaawwan Sanada yaada dorgommii dhiyeessan kamiyyuu irratti “Akeekkachiisa” barreessuu qaban.

13. Saanduqni Caalbaasii erga cufameen booda, Sanadni yaada dorgommii Caalbaasii/ SYDC/dorgomtootaan dhihaatu /Late Bidders/ fudhatama hin qabaatu.

14. Waajjirichi karaa fooyya’aa yoo argate, Caalbaasicha gar-tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquuf mirga guutuu qaba.

Odeeffannoo Dabalataaf Lakk. Bilbilaa :-022-331-1971/72
Asallaa, Oromiyaa, Itoophiyaa
Waajjira Maallaqaa Godina Arsii


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *