Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan mana jireenyaa gurguruu barbadaa


Kallacha Oromiyaa(Jan 29, 2026)

Beeksisa caalbaasii

R/Himataan Indaalki Salamoon fi R/Himatamaan Obbo Zalaalam Kaasuu jidduu falmii raawwii jiru ilaalchisee mana jireenyaa maqaa Obbo Zalaalam Kaasuutiin galmaa’ee Magaalaa Maqii Ganda Odaa keessatti ballina M² 200 irratti argamu, lakk.kaartaasaa 540/01/M-02 ta’e,gatii ka’umsa caalbaasii qarshii 804,758.50n gaafa  guyyaa 24/6/2018 sa’atii 6:00-6:30tti waan gurguramuuf namoonni dorgomtanii bitachuu barbaaddan gatii ka’umsaa caalbaasii 1/4 CPO qabsiisuun bakka manichi itti argamutti argamuun dorgomtanii bitachuu kan dandeessan ta’uufi mo’ataan caalbaasichaa gatii caalbaasii ittiin mo’ate guyyaa caalbaasii mo’ate irraa kaasee guyyoo 10 keessatti galii gochuu akka qabuufi yeroo jedhame keessatti kan hin kaffalle ykn dirqama isaa osoo hin bahatin yoo hafe caalbaasiin marsaa 2ffaa bahuun akkasumas gatii qabeenya kanaa kan hir’ate yoo ta’e garaagarummaa uumameefi kisaaraa kaffaluuf kan dirqamu ta’uu manni murtii ajajeera. 

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan

 


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *