Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Fadisitti bara baajataa 2019 Ijaarsa Proojektii Masoob Aanaa Fadis keessatti Waajjira Bulchiinsaatiin Hojjetamuuf qajeelfama raawwii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa bu’uura godhachuudhaan mala bittaa caalbaasii ifaan dorgomsiisee ijaarsisuu barbaada. – test3.diretenders.com

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Fadisitti bara baajataa 2019 Ijaarsa Proojektii Masoob Aanaa Fadis keessatti Waajjira Bulchiinsaatiin Hojjetamuuf qajeelfama raawwii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa bu’uura godhachuudhaan mala bittaa caalbaasii ifaan dorgomsiisee ijaarsisuu barbaada.


BARRIISAA (Aug 19, 2026)

Beeksisa Waamicha Caalbaasii Marsaa 1ffaa Ijaarsa Proojektii Masoob
Aanaa Fadis Lakk.Addaa Caalbaasii: 01/2019

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Fadisitti bara baajataa 2019 Ijaarsa Proojektii Masoob Aanaa Fadis keessatti Waajjira Bulchiinsaatiin Hojjetamuuf qajeelfama raawwii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa bu’uura godhachuudhaan mala bittaa caalbaasii ifaan dorgomsiisee ijaarsisuu barbaada. Kanaaf, dorgomtootni ulaagaalee armaan gaditti tarreeffaman guuttan akka dorgomtan waamichi isiniif taasifamee jira.

Ulaagaanis:-

1) Ragaa seera qabeessummaa ibsu qaama dhimmichi ilaallatu irraa dhiyeeffachuu kan danda’u.

2) Hayyama daldalaa haarayoome ykn haarayaa dhiyeeffachuu kan danda’u.

3) Ragaa hayyama ga’umsa ogummaa qaama dhimmichi ilaallatu irraa mirkanaa’eef dhiyeeffachuu kan danda’u.

4) Ragaa hayyama ijaarsaa bara baajataa 2019’f qaama dhimmichi ilaallatu irraa haarayoomsee dhiyeeffachuu kan danda’u.

5) Dorgomaan dorgommiif dhiyaatu kamiyyuu hojii gamoo g+2 fi isaa ol kanaan dura fudhatee hojjatee xumuree ragaa kaffaltii xumuraa fi waraqaa ragaa qeebalchiisuu isaa ibsu waajjira abbaa piroojektii hojjachiise irraa dhiyeeffachuu kan danda’u.

6) Ragaa VAT (taaksii dabalata qabeenyaa) galmaa’uu isaa fi TIN waajjira galiiwwanii irraa dhiyeeffachuu kan danda’u.

7) Ragaa kaffaltii gibiraa kamiyyuu VAT (taaksii dabalata qabeenyaa) dabalatee kaffaluusaa waraqaa qulqullinaa biiroo ykn waajjira galiiwwanii irraa kennameef dhiyeeffachuu kan danda’u.

8) Ragaa dhiyeessummaa keessatti galmaa’uu isaa kan ibsu qaama dhimmi ilaalu irraa dhiyeeffachuu kan danda’u.

 9) Dorgomaan dorgommiif dhiyaatu kabachiisa caalbaasii gatii tilmaama waliigalaa ijaarsaa bu’uura godhachuun % 0.5 CPO qofa maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Fadisiin qophaa’e dhiyeeffachuu kan danda’u.

10) Dorgomaan dorgommiif dhiyaatu caalbaasii yoo moo’ate kabachiisa waliigaltee gatii tilmaama waliigalaa ijaarsaa bu’uura godhachuun% 10 CPO qofa maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Fadisiin qophaa’e dhiyeeffachuu kan danda’u.

11) Dorgoomtootni sanada yaada dorgommii dhiyeeffatan ulaagaa baninsa teeknikaa fi faaynaanshiyaalaaf yeroo dhiheeffatan qulqullinaanii fi walduraa duubaan qindeessuun chaappaa fi mallattoo fuula hunda irratti gochuun dhiheeffachuu danda’u.

12) Dorgomtootni ragaa sanada yaada dorgommii caalbaasii orjinaalaa fi koppii poostaa saamsee dhiheeffachuu kan danda’u.

13) Dorgomaan caalbaasii moo’ate dorgommii moo’atuun isaa guyyaa ibsameef irraa eegalee guyyaa hojii sadii keessatti dhufee mana hojii abbaa piroojektii hojjachiisuu waliin waliigaltee hojii raawwachuu kan danda’u.

14) Dorgomtootni ragaa sanada caalbaasii maallaqa hin deebine qarshii 5000 (kuma shan) guyyaa beeksisni kun bahe sa’aa 2:30 irraa eegalee guyyaa hojii 15 (kudha shan)keessatti hanga sa’aa 11:30 Waajjira Maallaqaa Aanaa Fadis irraa bitachuu ni dandeessu.

15) Caalbaasiin guyyas 13/12/2018 irraa jalqabee hanga guyyaa 4/13/2018tti guyyaa hojii 15 banas koruudhaan guyyaa 16ffaa guyyaa 5/13/2018 sa’aa 3:30 irratti cufamee sa’na 4:30 irratti iddoo dorgomaan ykn bakka bu’aan secra qabeessaan bakka bu’e jirutti ykn hin jirretti Waajjira Maallaqaa Asnaa keessatti ni banama.

16) Bu’aan caalbaasii yoo rakkoon qunname makee guyyouta hoji walitti sanan 5 keessatti dorgontootas fi moo’ataaf ni ibsams.

17) Waajjirichi caalbaasii baase irratti carraa fooyya’aa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen ykn gintummaa guututti haquuf mirga qaba.

Hubachiisa:-Dorgomtooni kamiyyuu beeksisa waamicha caalbaasii fi dabalataan qajcelfa ma dorgomtootas gadi fageenyaan hubabini beckou fi guutuun dirqama. Odeeffannoo dabalataaf: Waajjira Maslloque Aanaa Fadisitti bilbila: 0921 843 077 bilbilus ni dandeessu.

Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maaliagaa Aanaa Fadlis


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *