Addis Zemen (Sep 16, 2026)
Waamicha Caalbaasii
Lakk.Caalbaasii: BU-5/20/104
Waajirri Maallaqaa Aanaa Diiduu Gamoo Abbaa Darbii 3 (G+3) Waajjira Bulchiinsa Aanaa Diiduutiif bara Baajataa 2019 keessa ramadameen, Magaalaa b. Orijin Laaloo keessatti turtii guyyootaa 730 keessatti hojjatamee xumuramuu caalbaasii ifaan baasee dhaabbilee hojii ijaarsaa irratti heyyama seera qabeessaa qaban dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.
Kaanafuu:
1. Dorgomtoonni dorgomuuf fedhii qaban ragaalee armann gadi dhiyeessuu qabu
I. Dorgomstoonni ragaa gahumsa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa ykn Ministeera Konistirakshinii Federaalaa irraa gosa (Category) GC-4/ BC-3 fi isaa ol kan ta’e qabuu fi kan bara baajata 2019 E.C haaromfame dhiyeessuu kan danda’u.
II. Ragaa VAT fi TIN kaffalaa gibiraa Abbaa Taayitaa Galiiwwaniin kenname kan dhiyeeffachuu kan danda’u.
III. Hayyamni daldalaa daldalaa yeroo caalbaasii fi Mirkaneessa Galmee Daldalaa qaamolee hayyamaman irraa kan bara 2019 haaromfate dhiyeessuu kan danda’u.
IV. Ragaa Qulqullina Taaksii/Tax clearance certificate/bara 2018 Abbaa Taayitaa f. Galiiwwanii biyya keessaa irraa kan kenname kan dhiyeeffachuu danda’u.
V. Ragaa Dhiyyeessummaa Ejensii Bittaa Mootummaa fi Bulchiinsa Qabeenya Itiyoophiyaa /Public Procurement and Property Administration Agency (PPPAA) Tarree Dhiyeessitootaa irratti galmaa’uu (Suppliers list) kan g dhiyeeffachuu danda’u.
2. Caalbaasiin hojimaata Caalbaasii Dorgommii Biyyaalessaa National Competitive Bidding (NCB)tiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, dorgomtoota biyya keessaa ulaagaa guutan hundaaf akkaataa sanada caalbaasii irratti ibsameen ta’a
3. Hirmaattonni caalbaasii wabummaa kabachiisa caalbaasii Qarshii 500,000 (Kuma dhibba shan qofa) guyyaa caalbaasiin yaada itti kennamee booda yeroo turtii guyyoota 148’f kan hojjatu ta’uu qaba; wabii caalbaasiitiif Qarshii 500,000 (Kuma dhibbaa shan) bifa CPO qofaan Baankii irraa maqaa Waajjira Maallaqa Aanaa Diiduu’n dhiyaachuu qaba.
waajjira Maallaqa Aanaa Diiduu’n dhiyaachuu qaba.
4. Hirmaataan caalbaasii mo’ate gatii waliigalaa keessaa Wabii Hojii (performance bond) 10% qabsiisuudhaan mana hojichaa waliin waliigaltee mallatteessuu kan danda’u ta’uu qaba.
5. Dorgomtoonni ulaagaa guutuuf fedhii qaban odeeffannoo dabalataa argachuu fi sanadoota caalbaasii, tuuta guutuu kan kaayyoo caalbaasiidhaaf barbaachisaa ta’e dabalatee, Waajjira Maallaqaa Aanaa Diiduu Kutaa Adeemsa Bittaa dhaquun sa’aatii hojii mootummaatti dhiyaachuun Qarshii 3,500.00 (kuma sadiif dhibba shan) Herrega Lakk. 1000056003987 tti galchuun nagahee galii waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwaanii A/Diiduu fiduun bitachuu ni danda’u. Tuuta sanadoota caalbaasii guutuu Afaan Oromoo fi Ingiliffaan qophaa’an, dorgomtoota fedhii qabaniin, guyyaa jalqabaa beeksisi bahe irraa eegalee hanga guyyaa xumuraatti bitamuu ni danda’a.
6. Dhaabbanni caalbaasii kana irratti hirmaatu Waajjira Bulchiinsa Aanaa Diiduu irratti argamuudhaan (site visit) gochuun isaa waraqaa ragaa daawwannaa mana hojii keenyaa fudhachuudhaan, xalayaa kana sanada teeknikaa keessatti saamsudhaan dhiyeessuu qaba.
7. Akkaataa sanadni dokimantii Teeknikaalaa fi Faayinaanshiyaalii itti dhiyaatu:
a. Orijinaalli fi waraabbiin sanadoota gahumsa teeknikaa adda addaan envelope cufame keessatti “Orijinaal fi waraabbii sanadoota gahumsa teeknikaa” jedhamee mallatteeffame keessatti kan kaa’amuu fi envelope lamaan erga qofaa qofaatti saamsamanii booda envelope alaa guddaa keessa kaa’amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa caalbaasii irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta’u, “koreen caalbaasii irratti qofa banamu” jedhamee ifatti kan barreeffame yoo ta’u, Wabii Kabachiisa Caalbaasii (CPO) qofatti saamsuun sanada tecknikaa orijinaala waliin ni kaa’ama.
b. Orijinaallii fi Waraabbiin sanadoota dhiyeessii faayinaansii addaan baafamee envelope cufame keessatti kan mallatteeffame “Orijinaalii fi Waraabbii Sanadoota dhiyeessii Faayinaansii” jedhamee kan mallatteeffame yoo ta’u, envelope lamaan qofaa qofaatti erga saamsamanii booda envelope alaa guddaa keessa kaa’amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi Odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta’u, “Bakka Koreen caalbaasii jirutti qofa banama” jedhamee ifatti kan barreeffame ta’uu qaba.
c. Lamaanuu Piropozaala Teeknikaa fi Faayinaansii keessatti Envelope haadha tokko keessa kan kaa’amu yoo ta’u envelope alaa kun teessoo dhiyaannaa fi Odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabuu fi “Bakka Koree caalbaasii jirutti qofa banamuu kan qabu ta’uu qaba”.
d. Chaappaa, mallatteessuu fi mallattoon caalbaasii akkaataa qajeelfama dorgomtootaatiin ibsameen ta’uu qaba.
e. Sanada caalbaasii qopheessuu keessatti dorgomtoonni ragaa caalbaasii sanada caalbaasii keessa jiru qorachuun irraa eegama. Sanadni dhiyeessii faayinaansii cufamee kan turuu fi saanduqa kanaaf qophaa’e keessatti bakka odiitarri ykn qaamni maamilichi hayyamame kamiyyuu jirutti, hanga dhiyeessiin faayinaansii(S) dorgomtoota gahumsa qaban beeksisaan himamutti cufamee kan turu ni ta’a.
g. Koreen maamilaan ramadame bu’uura deebii kennuu isaanii sanada caalbaasii irratti hundaa’uun gahumsa dorgomtootaa ni madaala, ulaagaa madaallii iguutuu qaba, waraqaa ragaa caalbaasii keessatti ramadame hojiirra oolchuudhaan, dorgomaan sadarkaa kanatti ni kufa yoo ta’e sanada caalbaasii irratti deebii hin kennu yookiin walsimsiisaa teeknikaa isa xiqqaa sanada caalbaasii irratti himatame galmaan gahuu dhabuu isaati
h. Dhiyeessiin faayinaansii dorgomtoota ulaagaa Teeknikaa ulaagaa guutan ykn Fitted fi isaa ol ta’an qofatu guyyaa banamuu faayinaansii ni banama. Faayinaansii baname dorgomtoota ulaagaa guutuu hin qabne (i. e Ulaaga guutuu qabaachuu qaba osoo hin banamin ni deebi’a). Maamilchi guyyaa fi sa’aatii banamuu faayinaansii dorgomtootaaf ni ibsa.
i. Sanada sobaa dhiyeessii faayinaansii yookiin sanada gahumsa teeknikaa irratti agarsiisuuf yaaliin yoo godhame caalbaasichi akka kuffisu ni taasisa.
j. Maamilichi “Sanada Gahumsa Teeknikaa” “Sanada Dhiyeessii Faayinaansii” envelops keessatti dogoggoraan kaa’amuu ykn faallaa kanaatiin, kan dorgomaan fiduuf itti gaafatamummaa hin fudhatu.
8. Caalbaasiin guyyaa beeksisni gaazexaatiin ba’ee kaasee guyyaa hojii Digdamii tokkoof (21) qilleensa irra oolee gaafa guyyaa 22ffaa (digdamii lammaffaa) waaree dura sa’a 4:00 irratti cufaamee, sa’a 4:30 irratti ifatti ni baanama. Hata’uu malee, guyyaan 22aan (digdamii lammaffaan) guyyaa hojii yoo ta’u baate, guyyaa hojii mootummaa itti aanuutti sa’a walfakkaataatti cufaame akka banamu ni ta’a. Caalbaasiin hundi wabii kabaachisa caalbaasii ibsame waliin ta’uu qaba. Sanada Yada doorgomii dorgomtootaa yeroo dabarsee dhiyaate ni kufa (Late bids will be rejected). Sanada Yada doorgomii dorgomtootaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Diiduutti bakka dorgomtoonnii ykn bakka bu’oonni seeraa qabeessaa argamanitti ifaati ni banama.
9. Hojiirra oolmaan caalbaasichaa guyyaa caalbaasiin baname irraa eegalee guyyoota kaalaandarii 120 ta’a.
10. Waajjirichi faayidaa argame bu’uureffachuun caalbaasii bahe kana guutummaa guutuutti ykn gar-tokkeen haquuf mirga qaba.
Odeeffannoo Dabalataaf
Wajjiraa Maallaqaa Aanaa Diiduu
Bilbila:- +251913-4345-73
Waajjira Bulchiinsa Aanaa Diiduu
Bilbila:- +251917-113-798
Aanaa Diiduu, Laaloo
Waajjira Bulchiinsa Godina I/A/Booritti Waajjira Bulchiinsa Aanaa Diiduu