Waajjirri Maallaqaa Aanaa Baddannoo Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannootiif Ijaarsa Gamo0 G+1 Kontiraata Guutuun Hojjachiisuuf Kontiraaktaroota ijaarsaa sadarkaa fi ulaagaa armaan gadii guutan caalbaasii ifaa kanaan dorgomsiisee ijaarsisee xumursiisuu barbaada. – test3.diretenders.com

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Baddannoo Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannootiif Ijaarsa Gamo0 G+1 Kontiraata Guutuun Hojjachiisuuf Kontiraaktaroota ijaarsaa sadarkaa fi ulaagaa armaan gadii guutan caalbaasii ifaa kanaan dorgomsiisee ijaarsisee xumursiisuu barbaada.


Kallacha Oromiyaa (Sep 10, 2026)

Beeksiisa Caalbaasii Ifaa Biyyaalessaa Marsaa Iffaa

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Baddannoo Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannootiif Ijaarsa Gamo0 G+1 Kontiraata Guutuun Hojjachiisuuf Kontiraaktaroota ijaarsaa sadarkaa fi ulaagaa armaan gadii guutan caalbaasii ifaa kanaan dorgomsiisee ijaarsisee xumursiisuu barbaada.

1. Gosa fi Bakka Hojii Ijaarsaa:

  • Gosa Hojii:
  • Ijaarsa Gamoo Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo.
  • Iddoo Ijaarsaa:
  • Naannoo Oromiyaa,Godina Harargee Bahaa,Aanaa Baddannoo,Magaalaa Baddannoo keessatti.

2. Ulaagaa Dorgomtootaa (Eligibility Criteria):

Dorgomtoonni caalbaasii kana irratti dhiyaatan ragaalee seeraa kanneen armaan gadii dhiyeessuu qabu:

1. Eeyyama daldalaa ijaarsaa seera qabeessa ta’e fi bara baajataa kuraa (2018/2019 E.C) irratti haaromfamedhiyeeffachuun dirqama.

2. Sadarkaa Kontiraaktarummaa:GC-3 /BC-4 fi isaa ol (Sadarkaa 3ffaa fi isaa ol) kan ta’e dhiyeeffachuun dirqama.

3. Ragaa ga’umsa ogummaa kontraaktarichaa (professional competence Certificate)ibsu dhiyeeffachuun dirqama.

4. Ragaa galmee dhiyeessitoota bittaa mootummaa (PPPA Supplier List Registration).

5. Ragaa galmee kaffaltii Taaksii dabalataa (VAT Registration Certificate) fi Ragaa Lakkoofsa addaa kafalaa gibiraa TIN Waajjira Galiiwwaniirraa dhiyeeffachuun dirqama.

6. Ragaa gibiraa kan bara dhiyoo (Tax Clearance Certificate) bittaa mootummaaf tajaajilu dhiyeeffachuun dirqama.

7. Bittaa Mootummaarraa kan hin dhoorkamin tahuu Ragaa agarsiisu Qaama aangoon kannameef iirraa dhiyeeffachuun dirqama.

8. Ragaa Muuxannoo hojii qabaachuu isaanii ibsu akkaatuma sanada Caalbaasii keessatti ibsameen sanada waliigaltee hojii kanaan dura hojjatee fi xalayaa galataa fi xalayaa walharkaa fuudhinsaa qaama hojicha hojjateef irraa dhiyeessuu qabu.

9. Dorgomtoonni sanada caalbaasii guutuu (Complete Bid Document) bitachuuf eeyyama daldalaa kaffaltii gibiraa bara dhiyoo agarsiisuun, Waajjira Maallaqaa Aanaa Baddannoo, Kutaa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa,Magaalaa Baddannoo dhufuun maallaqa hin deebine Qarshii 1,000 (Kuma Tokko) kaffaluun bitachuu ni dandeessu.

10. Caalbaasiin kun kan gatiin (List cost of bid) fi Ragaa teeknikaatiin itti waldorgoman waan taheef Dorgomtoonni sanada caalbaasii(gatii fi Teknika) orjinaalaa fi garagalcha (Copy) isaa addaan baasuun,poostaa adda addaan saamsameen mallattoo sumudaa isaatiin mirkaneessee dhiyeessuu qabu.akkasumaas dorgomaan fuula sanada yaadaa fi gabatee gatii fuula hundarratti mallattoo fi sumudaa isaatiin mirkaneessuun irra jiraata.dabalataan sanadni haqaa fi laaqaa qabu fudhatama hin qabu.

11. Doromaan Gatii barbaachisu gabatee gatii keessatti erga guuteen booda dhumarratti iddoo Cuunfaa gabatee gatii (sumary) waliigalaaf qophaaye irratti akkaatuma gaafatameen guutuu qaba.

12. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasii 200,000(Kuma Dhibba lama qofa) Ragaa Bankiidhaan Qarshii mirkanaa’e CPO qofaan maqaa”Waajjira Maallaqaa Aanaa Baddannoo” kanaan qopheessanii sanada teknikaa waliin poostaa tokko keessatti saamsuun dhiyeessuu qabu.kabachiisni Caalbaasii Dorgomtoota Moohamaniif guyyaa bu’aan caalbaasii ifa tahe irraa kaasee kan deebi’uuf yoo tahu Dorgomaa Moohateef immoo hanga Kabachiisa Waliigaltee qabsiisutti kan turu taha.

13. Caalbaasiin kun Gaazexaa irratti bahee erga labsamee eegalee guyyoota hojii walitti aanan 15 (Kudha Shan) qilleensa irra tura.

14. Caalbaasiin kun guyyaa gaazexaa irratti irraa eegalee guyyaa 16ffaa irratti ganama sa’aa 4:00 irratti saamsamee,guyyichuma sana sa’aa 4:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni seeraa argamanitti Magaalaa Baddannoo, Waajjira I/A Bulchaa keessatti ifatti ni banama.(Guyyaan cufiinsaa fi baniinsaa guyyaa hojii yoo hin taane,guyyaa hojii itti aanu irratti raawwatama).

Hubachiisa:

  • Manni hojichaa filannoo fooyya’aa yoo argate, caalbaasii kana gartoodhaanis ta’e guutummaatti diiguuf mirgi isaa seeraan eeggamaadha.
  • Sanada fakkaataa (sobduu) dhiheessuun ykn yaada maallaqaa sanada teeknikaa keessatti ibsuun caalbaasii irraa ala nama taasisa.
  • Sanada Teeknikaa fi Sanada Maallaqaa wal-jijjiiruun postaa keessa kaa’uun kufaatii caalbaasiitiif sababa ta’a. Waajjirri dogoggora kanaaf itti gaafatamtummaa hin fudhatu.
  • Kontraakterri kamiyyuu Biiroo ykn Waajjiraalee Zoonii waliin seenaa waliigaltee addaan kutuu (termination) qabu xiinxala teeknikaa irratti kan kufu ni ta’a.

Odeeffannoo Dabalataaf: Waajjira Maallaqaa Aanaa Baddannoo, Magaalaa Baddannoo

Odeeffannoo Dabalataatiif Lakk. Bilbilaa: 0974757111 ykn 0922048650

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Baddannoo


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *