Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Waacillee manneen hojii mootummaa Aanicha keessatti argaamanif Bittaa Meeshaalee Dhaabbii /Furniture, Dhumataa, Elektirooniksii, Uffata Seeraa fi Gommaawwaan Konkolaataa kan bara bajaata 2019 tiif caal-baasii ifaatiin wal-dorgomsisee bituu barbada. – test3.diretenders.com

Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Waacillee manneen hojii mootummaa Aanicha keessatti argaamanif Bittaa Meeshaalee Dhaabbii /Furniture, Dhumataa, Elektirooniksii, Uffata Seeraa fi Gommaawwaan Konkolaataa kan bara bajaata 2019 tiif caal-baasii ifaatiin wal-dorgomsisee bituu barbada.


Kallacha Oromiyaa (Sep 10, 2026)

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Waacillee manneen hojii mootummaa Aanicha keessatti argaamanif Bittaa Meeshaalee Dhaabbii /Furniture, Dhumataa, Elektirooniksii, Uffata Seeraa fi Gommaawwaan Konkolaataa kan bara bajaata 2019 tiif caal-baasii ifaatiin wal-dorgomsisee bituu barbada.

Kanafuu, qaamni caal-baasii irrattii dorgomtootni hirmachuu barbaddaan, bu’urumaa kanaa gaditti ibsameen dhiyaatanii dorgomuu ni dandeessu.

1. Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaanittin heeyyamaa daldalaa isaanii seera qabeessa ta’ee, facaatii dhiyyeesitoota supply list/ kennaa tajajilaa biyyaa keessa ragaa sanadootaa ittin galma’an fi Ragaa lakkofsa TIN footoo koppii isaa sanadaa caal-baasii walin qabsisaan dhiyyeesuu qabu.

2. Caal-baasii bara bajaata 2019 irraatti hirmachu akka danda’an Waajjira Galiwwannii irraa gibira Bara 2019 Kan ittin kaffalan ragaa footoo koppii dhiyyeffachu dirqama qabu.

3.Dorgomtooni dhiyaatan galma’aa taaksii dabaltaa (VAT) galmaa’uu isaanitiif ragaa footoo kooppii dhiyeeffachuu kan danda’aniif Bittaa mana hojichaaf dhiyyeessaan keessaa VAT %7.5 irraa cite Sanduqaa mootummaattii galii kan ta’u isaa beekuu dirqama qabu.

4.Dorgomtootni sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Kun Gaazexaa Kallalcha oromiyaatiin qilleensarra oolee eegalee guyyota hojii 15/ kudha shan/keessaattii yeroo hundaa sa’aati hojii mootummaa maallaqaa hin deebine qr. 200.00 (dhibba lama) kaffaluun Adeemsa Hojii Bittaa fi Bulchinsa Qabeenyaa Tajaajila Puulii Walii galaa waajjira maallaqaa Aanaa Waacilleetti dhiyaachuun sanadicha bitachuus ta’e deebisu ni danda’u.

5.Dorgomaan kaamiyyuu kabachiisa Caalbaasiif kan olu gatii tilmammaa bittaa waligalaa %1 maqaa waajjira maallaqaa Aanaa Waacilleetiin CPO Baankiidhaan mirkanaa’e, Unconditional Baankii Gaaraantii ykn IMX yoo ta’an bu’uraa Danbii Carraa Hojii Uumuuf fi Ogummaa Naannoo Oromiyaa Diriirsuuf bahe lakk. 226/ 2014 xalayaa deeggarsa qama isaan hundesse irraa Odeeffaannoo guuttuu waajjira isaanii gurmeessee kan ibsuf, caalbaasii irraattii dorgommaan ibsudhaan sanada Orijinaala caalbaasicha waliin qabsiisee dhiyeessuu dirqamaa qabu.

6. Dorgomaan kaamiyyuu Ragalee Orginal yeroo gaafatamee dhiyyeessuudhaaf fedhii kan qabu ta’u isaa beekun dirqamaa isaati.

7. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa Bittaa meeshaalee Dhaabbii /Furniture, dhumataa, Elektirooniksii, Uffata seeraa fi Gommaawwaan konkolaataa poostaa saamsameen, Orjinaalaa fi kooppii addaan baasuun guyyaa 10/01/2019 hanga sa’aati 4:00tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Waacilleetti Saanduqa Caalbaasicha kanaaf qophaa’e keessa galchuu qabu.

8.Caalbaasichi Bittaameeshaalee Dhaabbii/Furniture,dhumataa,Elektirooniksii,Uffata seeraa fi Gommaawwaan konkolaataa gaafa guyyaa 11/01/2019 sa’aati 4:30tti dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seeraa isaanii, akkasumas
De taajjabdoonni bakka argamanitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Waacillee keessatti ni banama.

9. Moo’ataan caal-baasii meeshalee ittiin mo’atee hundaa hangaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Waaacilleetti dhiyeessuu dirqama qaba.

10. Afaan caal-baasichii ittinii geggeeffamuu Afaan hojii mootummaa Naannoo Oromiyaati.

Waajjirichi filannoo fooyyee yoo argatee caal-baasichaa guutummaan guututti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan kan eegamedhaa.

Odeeffannoo dabalataaf Lakk.Bil.; 0919250611, 0910174346 ykn 0937848707

Waajjira Maallaqaa Aanaa Waacillee