Godina Shawaa Lixaatti Manni qopheessaa Magaalaa Ejeree bara baajataa 2019 tti Hojii ijaarsa pirojektootaf kan oolu meeshaalee bituu barbaada. – test3.diretenders.com

Godina Shawaa Lixaatti Manni qopheessaa Magaalaa Ejeree bara baajataa 2019 tti Hojii ijaarsa pirojektootaf kan oolu meeshaalee bituu barbaada.


Kallacha Oromiyaa (Sep 24, 2026)

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk. MQME/01/2019

Godina Shawaa Lixaatti Manni qopheessaa Magaalaa Ejeree bara baajataa 2019 tti Hojii ijaarsa pirojektootaf kan oolu meeshaalee ijaarsaa adda addaa Labsii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 fi Qajeelfama Bittaa mootummaa naannoo oromiyaa Lakk.02/2004 irratti hundaa’udhaan caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Ibsa Bal’inaan

Haaluma kanaan Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa kallacha oromiyaa irratti bahee jalqabee gosoota fi waliigala odeeffannoo meeshaalee bitamuuf barbadamanii kan ibsuu sanda’an sanada caalbaasii gosa bittaa tokko tokkoon qophaa’ee kan hin deebine qarshii 1050.00 (kuma tokoo fi shantama) Lakkoofsa herreega baankii siinqee 1063366611225 maqaa Mana Qopheessaa Magaalaa Ejereetin jiru irratti kanfaluunguyyoota hojii mootummaa naga’ee galii ittiin  kanfalame qabachuun Mana Qopheessaa Magaalaa Ejeree kutaa Lakkofsa 4 dhufuudhaan bitachuu ni dandeessu.

Dirqama Dorgomtootaa (Ulaagaa Dorgomtootni guutuu qaban)

1. Gibira bara 2019 kan kaffalanii fi heyyama meeshaalee ijaarsaa haarome kan qaban, ragafooto koppii isaa qabatamaan dhiyeessuu kan danda’an.

2. Galmaa’aa taaksii dabalata qabeenyaa kan ta’anii fi footo koppii sartifikeettii VAT dhiyeessuu kan danda’an.

3. Tarree dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa’anii fi ragaa galmee dhiyeessummaa ministeera maallaqaa fi walta’iinsa Diinaagdee irraa dhiyeessuu kan danda’an.

4. Dorgomtootni kabachiisa caalbasii (CPO) dhaaf maallaqa calla Qr.300,000.00(Qarshii kuma dhibba sadi) Lakkoofsa herreega baankii siinqee 1063366611225 maqaa Mana Qopheessaa Magaalaa Ejereetin jiru irratti galchuudhan sanada caalbaasichaa haadhoo waliin dhiyeessuu qabu.

5. Dorgomtoonni gatii meeshaalee tokko tokkoon ittiin dorgoman sanada caalbaasii irratti qofa guutudhaan orijinaala/hadhoo isaa fi koppii/ waraabbii isaa adda addatti (qofa qofaatti) Poostaa gaazexaa irratti gagaadhaan saamsun guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 qilleensa irra turuudhan gaafa guyyaa 16ffaa bara 2019 ganama keessaa sa’aatii 4:00 tti Mana Qopheessaa Magaalaa Ejerce Lakk.4 tti saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa’e keessa galchuun caalbaasichi ni cufama.

6.Caalbaasiin kun gaafa guyyaa 16 bara 2019 ganama keessaa sa’aatii 4:30tti dorgomtotni ykn bakka bu’oonni seeraa isaanii fi qaamoleen irratti hirmaachuu barbaadan bakka argamanitti ni banama. Dhaabbatni caalbaasicha galche ykn bakka bu’aan yoo jiraachuu batees poostaan isaanii ni banama.

7. Dorgomtootni moo’atan. yeroo waliigaltee |mallatteessangatii waliigalaa meeshaalee mo’ataanii 10% wabummaa raawwii caalbaasichaa baankiidhaan kan raggaasifame (CPO) seera qabeessa ta’e dhiyeessuu qabu. Dorgomtootni moo’ataa fi moo’ataman (calbaasicha kufan) moo’atamaan calbaasichaa erga ifa ta’ee booda kabachiisa caalbaasii caalbaasicha wajjiin galchan battalumatti fudhachuu ni danda’u.

8.Dorgomtootni caalbaasii kana moo’atan baasii kamiyyuu danda’uudhaan meeshaalee irratti moo’atan mana kuusaa Mana Qopheessaa Magaalaa Ejereetti fi Iddoo ijaarsaa Manni Qopheessaa Magaalaa Ejeree gaafatetti dhiyyeessuu qabu.

9. Kanfaltiin maallaqa Gatii meeshaalee dhiyaataniif taasifamu akka mijaa’u dhiyyeessan kamiyyuu herreega baankii Siinqee qabaachuu fi beeksisuu qabu.

10. Waajjirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gartokkee ykn guutumaan guututti haquudhaaf mirga qaba.

11. Dorgomaan kamiyyuu meeshaa irratti dorgomu modela ykn gosa isaa ibsee kan hin galchine yoo ta’e dorgommiidhaan ala ni ta’a.Ragaa Dabalataan barbaadamuuf lakkofsa bilbilaa 09 24-90-41-69/ 09-65-22-13-01 Teesson Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejeree Finfinneerraa gara Ambootti km 44

Mana Qopheessaa Magaalaa Ejeree


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *