Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Adaamaatti Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Bara Bajaata 2019tti Meeshaalee bituu barbaada. – test3.diretenders.com

Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Adaamaatti Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Bara Bajaata 2019tti Meeshaalee bituu barbaada.


Kallacha Oromiyaa (Sep 24, 2026)

Beeksisa Caalbaasii Marsaa 1ffaa Bittaa Meeshaalee Bara Baajata 2019

Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Adaamaatti Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Bara Bajaata 2019tti hojii Mootummaatiif Bittaa Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhumataa Adda Addaaa Kan Biroo, Uffata Dambii caalbaasii ifaatiin baasee dhaabbilee ulaagaalee armaan gadii guutan dorgomsiisee bituu barbaada

Kanaafuu:- Dorgomtoonni caalbaasii kana irratti hirmaachuu barbaaddan Ulaagaa kanaa gaditti ibsame kan guuttan affeeramtanii jirtu.

1. Dorgomtoonni dorgommii irratti hirmaachuu barbaaddan Hayyama daldalaa seera qabeessa ta’ee Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhumataa adda addaa kan biro fi uffata dambii irratti kan qabanii fi hayyama isaanii kan haaromsiisan fi Gibra Mootumaa kan kafalan ta’uu qaba.u

2. Daldaltoonni galmaa’aa VAT kan ta’aniifi Tin number kan qaban ta’uu kanaafis ragaa dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu qaba

3. Daldaltonni galmee ragaa biroo maallaqaa fedeeraalaa irratti dhiheessaa fi galmaa’aa ta’uu isaa kan ibsuu kooppii isaa qabsiisuu kan danda’u ta’uu fi ykn Biiroo Maallaqaa naannoo irraa galmee dhiheessitootaa (Supplier list) irratti kan galmaa’an ta’uu fi kanaaf ragaa dhiheeffachuu kan danda’an ta’uu qaba.

4. Dorgomtoonni sanada calbaasii fudhatan irratti chaappaa dhaabbaticha isaanii ibsuu fi Mallattoo qabaachuu qaba. Akkasumas sanadni caalbaasii poostaa lamaan (2) Orjinaalaa fi kooppiin qophaa’ee saamsamee adda bahee dhiyaachuu qaba.

5. Dorgomtoonni meeshaa moo’atan baasii geejjibaa isaanitiin fee’anii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaatiif dhiheessuu qabu.

6. Dorgoomaan caalbaasii irratti hirmaatu kamuu kabachiisa caalbaasii sanada caalbaasiif dhihaate meeshaalee barreeffamaa 5000(kuma shan), meeshalee qutqullinaa 4000(kuma Afur), meeshaalee dhumataa adda addaa kan biro 5000(kuma shan) fi uffata dambii 3000(kuma sadii) irratti CPO Cheekii Baankiin mirkanea’e qabsiisuu qaba. Dorgomaan caalbaasii moo’atame moo’atamuu isaanii erga mirkanaa’ee booda CPOn kabachiisa Caalbaasiitiif qabsiisan kan deebi’uuf ta’a.

7. Dorgomtoonni Sanada caalbaasii irratti dorgomuu barbaaddan sanada caalbaasii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Garee Bittaa Bulchiinsa Faaynaansii fi Qabeenyaa Lakkoofsa Biiroo 2tti dhiyaachuun kan hin deebine qarshii 100 (Dhiba tokkoo) kafalanii beeksifni Gaazeexaa Bakkalachaa tiin guyyaa bahe irraa eegalee guyyaahoji walitti aanuu 15(kudha shan )f Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Garee Bittaa Bulchiinsa Faaynaansii fi Qabeenyaa Lakkofsa Biiroo 2tti dhiyaachuun bitachuu ni danda’u.

8. Sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Gaazeexaan kallachaa Oromiyatiin bahe irraa eegalee itti fufiinsan guyyaa hojii kudha shan (15) gurguramee guyyaa hojii 16ffaa Sa’aatii 2:30 hanga Sa’aa 6:00tti sanduqa sanada caalbaasiif gophaa’ee keessa galee sa’aa 6:00tti sanduuqni saamsamee guyyama san sa’aatii hojii sa’aa 8:00tti dorgomtoonni ykn bakka buutoonni iddoo argamanitti ifaatti ni banama.

9. Akkuma olitti ibsme guyyaan 16ffaa caalbaasiin banamu ayyaana ykn cufaa yoo ta’e guyyaa hojii itti aanuutti kan banamu ta’a

10. Waajirichi haala fooyya’aa yoo argate guutuumaan guutuutti ykn gar- tokkeen caal-baasicha haquudhaaf mirga qaba.

Teessoon:- Magaalaa Adaamaa Humnaa ibsaa, Dhaabbaata Ethiotelecom dugda duuba Odeeffannoo Dabalataatiif Lakk, Bilbilaa +251222111426

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *