Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Baabbilee bara baajataa 2019 keessa ijaarsa piroojaktii Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baabbileetiif gamoo G+2 caalbaasiin dorgomtoota hojii ijaarsa waliigalaa gamoo (General Contracter) irratti bobba’aniin dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada – test3.diretenders.com

Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Baabbilee bara baajataa 2019 keessa ijaarsa piroojaktii Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baabbileetiif gamoo G+2 caalbaasiin dorgomtoota hojii ijaarsa waliigalaa gamoo (General Contracter) irratti bobba’aniin dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada


BARRIISAA (Sep 27, 2026)

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Baabbilee bara baajataa 2019 keessa ijaarsa piroojaktii Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baabbileetiif gamoo G+2 caalbaasiin dorgomtoota hojii ijaarsa waliigalaa gamoo (General Contracter) irratti bobba’aniin dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.

Kanaaf, dorgomtootni ulaagaa armaan gadii guutan dorgomuu ni dandahu.

1. Gibira bara 2018 kaffalee hayyama hoji ijaarsaa waliigalaa gamoo qabanii bara 2019 kan haaromsame dhiheeffachuu qabdan.

2. Waraqaa ragaa dhiheessummaa hojii ijaarsaa irratti ittiin galmooftan dhi- heeffachuu qabdan.

3. Waraqaa ragaa qulqullinaa Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii irraa dhi- heeffachuu qabdan.

4. Adabbii bittaa mootummaa irraa dhoorkamuu :-Bittaa mootummaa kami- yyuu irraa kan hin dhoorkamne ta’uu isaa Ejansii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa ykn BMO irraa ergameen ragaa isaa ilaaluun kan mirkanaa’u ta’a.

5. Hayyama ogummaaa ijaarsaa gamoo sadarkaa koontiraaktaraa G+5 fi isaa ol dhiheeffachuu qabdan.

6. Dorgoomtoonni hundi galmaahaa taaksii dabalata qabeenyaa(VAT) tahuu isaatiif ragaa dhiheeffachuu kan dandahuu fi lakkoofsa eenyummaa kaffa- laa gibiraa (TIN) kan qabuu fi ragaa isaa dhiheeffachuu kan dandahu.

7. Dorgomaan hundi kabachiisa caalbaasii qarshii kuma dhibba lama (200,000) CPO baankiin mirkanaa’e maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Baabbileetiin hojjatame dhiheessuu qaba.

8. Sanadni dhihaatu tartiibaan kaahamuu qaba. Sanadni tartiiba hin qabne dorgommiin ala taha.

9. Dorgomtootni hundi ulaagaalee pirojektii irratti dorgomuuf barbaachisu sanada caalbaasii keessatti ibsame hunda tokkollee osoo hin hir’isne sanada isaanii keessa ta’uu qaba.

10. Dorgomaan hundi guyyaa beeksifni kun Gazeexaa Bariisaatiin bahee irraa eegalee sanada caalbaasii guyyaa hojii 21 (digdamii tokko) walitti aanu keeysatti qarshii hin deebine kuma shan (5000.00) Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Aanaa Baabbileetti kaffaluun nagahee fudhatta- nii yeroo hojiitti Kutaa Adeemsa Bittaa fi Bulchinsa Qabeenyaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Baabbileetti fudhachuu ni dandeessan.

11. Sanadni caalbaasichaa orjinaalaa fi kooppiin poostaan saamsamee gaafa guyyaa 22 (digdamii lamaa) Waajjira Maallaqaa Aanaa Baabbileetti hanga sa’aatii 6:30tti sanduuqatti galee guyyuma sana waaree booda sa’aatii 8:30tti bakka dorgomtootni ykn kanneen seeraan bakka bu’aman duratti ni banama.

12. Guyyaan caalbaasichi banamu kun guyyaa hojiitiin ala yoo ta’e guyyaa itti aanu sa’aatii wal fakkaataa irratti banama.

13. Dorgomtootni caalbaasicha irratti moohaman kabachiifni caalbaasii guyy- aa lama keeysatti ni deebi’aaf. Dorgomaan caalbaasicha moohate immoo guyyaa moohuu isaa xaliyaan beeksifamee irraa eegalee guyyaa hojii shan(5)keeysatti gatii bittaa waliigalaa keeysaa 10% kabachiisa waliigaltee qabsiisuun waliigaltee seenuu qaba.

14. Sanadni haqaa fi laaqa qabu, akkasumas ragaan sirritti hin mul’anne fud- hatama hin qabu.

15. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar tokkeen ykn guu- tummaa guututti haquuf mirga guutuu ni qaba.

Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Baabbilee


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *