Waajjirri Maallaqaa A/H/Galaan Beeksisa Caalbaasii Ifaa hojii ijaarsa Gamoo Waajjira Bulchiinsa A/H/Galaaniif dorgomsiisee kennuu barbaada – test3.diretenders.com

Waajjirri Maallaqaa A/H/Galaan Beeksisa Caalbaasii Ifaa hojii ijaarsa Gamoo Waajjira Bulchiinsa A/H/Galaaniif dorgomsiisee kennuu barbaada


Addis Zemen (Nov 02, 2026)

Beeksisa Caalbaasii Ifaa 1ffaa

Lakk. Addaa Bittaa: WBAG/SCI/CIB-01/2019

Waajjirri Maallaqaa A/H/Galaan Beeksisa Caalbaasii Ifaa hojii ijaarsa Gamoo Waajjira Bulchiinsa A/H/Galaaniif dorgomsiisee kennuu barbaada.

Lakk.

Maqaa

Pirojektii

Gosaa pirojektii

Godina

 

Aanaa

 

Kaba- chiisa caalbaaisaa

Turtii

piro-jektii/caldays

Galii

waggaa isaa olaanaa/PACT/

Sadarkaa kontiraaktera/level of contractor

1

Ijaarsa Waajjira Bulchiinsa Aanaa  Hawwaa Galaan

Gamoo

 

Qellem

Wallaggaa

H/Galaan

 

500,000

 

–

–

Kontiraaktara waliigalaa/Gamoo gulantaa/ sadarkaa 5ffaa fi 4ffaa BC4/ GC-5&4 qaban hundi

 

Ulaagaaleen dorgommii akkaataa armaan gadiitiin ta’a.

  1. Lammummaan isaa Itoophiyaa kan ta’e.
  2. Hayyama daldalaa haaromee fi Galmeessa daldalaa kan qabu.
  3.  Waraqaa raga Tin fi VAT Kan qabu.
  4. Waraqaa qulqullinaa kaffaltii gibiraa kan bara 2019 kan dhiyeeffatu.
  5. Waraqaa gahumsa ogummaa sadarkaa kontraktaraa gabatee armaan olii itti ibsame haaromee/haaraa kan qabu.
  6. Waraqaa ragaa galmee dhiyeessitoota keessattii galmaa’ee kan qabu (EGP/FPPA) supplier list.
  7. Adabbii bittaa mootummaa irraa akka hin dhorkamne ragaa kan dhiyeeffatu.
  8. Walitti bu’insa faayidaa hin mallee argachuu madde irraa bilisa kan ta’e.
  9. Caalbaasiin erga banamee booda yaada dorgommii dhiyaatee jijjiiruu, gatii fooyyessuu fi caalbaasii keessaa baasuun hin danda’amu.
  10. Dorgomaan dokumentii faayinaansii fi teeknikaa akkaataa QD 24.1 kan dhiyeessu ta’ee dhumarratti sanadni teeknikaa fi faayinaansii guutuun poostaa keessa tokko (mother post) keessatti saamsamee gara alaa isaa irratti odeeffannoo pirojektii dabalatee maqaa abbaa pirojektii maqaa dhaabbata/ dorgomaa fi hojiichaa odeeffannoo barbaachisoo ta’e hunda qabaachuu qaba.
  11. Poostaan saamsamee hundiisaa gagaadhaan erga cufamee booda chaappaa dhaabbataan chaappeffamee mallattoodhaan kan mirkanaa’e ta’u qaba.
  12. Dorgomaan wabummaa kabachiisa caalbaasii (CPO) ykn xalayaa haala irratti hin hundoofne (unconditional) hanga qarshii gabatee armaan olii ibsameen maqaa Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Hawwaa Galaaniin kan guyyoota 118 ol turu Baankii irraa kan dhiyeeffatu.
  13. Dorgomaan kamiyyuu bakka hojii kanaa fi hojii kanaan walqabatan (site visit) gochuun dirqama.
  14. Dugda poostaa hundaa irratti:
    • Maqaa pirojektii
    • Maqaa abbaa pirojektii
    • Maqaa fi teessoo kontraktaraa
    • Maqaa dokumentii poostichi baatu qabaachuu qaba.

Guyyaa sanadii caalbaasii itti gurguramu guyyaa gaazexaa irratti maxxanfamee bahe irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 20 sa’aa 2:30 hanga 6:30 tti waaree dura sa’aa 8:00 hanga 11:30 waaree booda ta’ee; guyyaa sanadii caalbaasii itti deebii’u guyyaa 21a tahee guyyichi ayyaana ykn sanbata irra yoo oole guyyaa itti aanu hanga sa’aatii 4:00 waaree duratti qofa. Guyyaa sanadii caalbaasii itti saamsamu guyyaa dhuma 21a tahee sa’aatii 4:30 waaree duratti kutaa galma waajjira Maallaqaa bakka dorgomtootni ykn bakka bu’oonni isaanii argamanii fi taajabdootni jiranitti saaqama. Iddoon galmee waajjira Maallaqaa Aanaa Hawwaa Galaan ta’ee kutaa bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa lakk. kutaa 4. Caalbaasii kana dhaabbanni kontraktaraa mo’ate maashinii hojii kanaaf barbaachisu hundaa waliin guyyaa caalbaasii mo’atee waadaa malatesssee irraa eegalee guyyaa 15 keessatti iddoo hojii sanatti argamuun hojii kan eegalu ta’a.

15. Waajjirri filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar tokkeen ykn guutummaa guututti haquu danda’a. Bakka caalbaasiin itti cufamu Waajjira Maallaqaa Aanaa Hawwaa Galaan ta’ee bakki itti banamus Waajjiruma Maallaqaa Aanaa Hawwaa Galaan ta’a. Dorgomaan sanada caalbaasii bitachuuf qarshii hin deebine 2500 (kuma lamaa fi dhibba shan) akkaawuntii baankii daldalaa 1000075446164 kan Waajjira Maallaqaa Aanaa Hawwaa Galaaniitti kaffalee nagahee seeraa kan dhiyeessu.

  • Guyyaa caalbaasiin cufamu (Bid closed date): guyyaa 21ffaa sa’aatii 4:00.
  • Guyyaa caalbaasiin banamu (Bid opening date): guyyaa 21a sa’aatii 4:30.

Guyyaa qilleensa irra oolu (published on): Addis Zemen

Hubachiisa: Dorgomaan mo’ate qarshii isaatin hojjetee yeroo qarshiin argamu fudhachuuf fedha kan qabu.

Godina Qellem Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Hawwaa Galaan


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *