Mana Murtii Ol’aanaa Go/G/G/Oromiyaatti Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Walisoofi Naannawa Ishee mana jireenyaa gurguruu barbadaa


Kallacha Oromiyaa (Nov 19, 2026)

Beeksisa Caalbaasii

R/himataan Dhaabbata Maayikiroo Faayinaansii Viizyiin Fandii Damee Walisoo fi R/himatamtoota Obbo Giddumaa Nadhaa, Aadde Galaanee Baay’isaa, Obbo Gammachuu Lammaa jidduu falmii raawwachiisaa jiru ilaalchisee mana jireenyaa qorqorroo luukii 39 Ganda Baddeessaa Qorichaa keessatti argamu,qabeenyummaa isaa kan raawwiin himatamtuu 2ffaa Aadde Galaanee Baayi’isaa kan ta’e, gatii ka’umsa caalbaasii qarshii 400,000n gaafa 06/04/2019 sa’aatii 3:00 – 6:00tti caalbaasiin waan gurguramuuf namoonni dorgomtanii bitachuu barbaadan iddoo qabeenyi kun itti argamu, Ganda Baddeessaa Qorichaatti argamuudhaan dorgomtanii bitachuu kan dandeessan ta’uu manni murtii ajajeera.

Mana Murtii Ol’aanaa Go/G/G/Oromiyaatti Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Walisoofi Naannawa Ishee

 


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *