Bulchiinsa Magaalaa Shaggar K/M/L/X/L/ Daadhiitti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dambal Xaafoo bara baajataa 2018 tiif kan tajaajilu: Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhaabbii,Meeshaalee Elektirooniksii, Uffata Seeraa Hojjettootaa fi_Gommaawwan konkolaataa Seektaroota Mootummaa Aanicha jalatti argamaniif dorgomsiisee caal-basiidhaan bituu barabaada


Kallacha Oromiyaa(Aug 14, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Caalbaasii

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar K/M/L/X/L/ Daadhiitti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dambal Xaafoo bara baajataa 2018 tiif kan tajaajilu: Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhaabbii,Meeshaalee Elektirooniksii, Uffata Seeraa Hojjettootaa fi_Gommaawwan konkolaataa Seektaroota Mootummaa Aanicha jalatti argamaniif dorgomsiisee caal-basiidhaan bituu barabaada.

Ulaagaalee Dorgommichaaf Barbaachisan:-

1. Heyyamaa Daldalaa haarome kan qabu,

2. Galmaa’aa “VAT” ta’uu isaaf ragaa kan qabu, gibira bara 2017 kan kaffale,

3. Lakkoofsa (TIN) fi tarree dhiyeessitootaa keessa jiraachuu ragaa dhiyeeffachuu Kan danda’u,

4. Dorgomaan kamiyyuu Caal-baasii yoo guutan “VAT” itti ida’uun gatii meeshaalee teechisuu qabu.

5. Dorgomaan kamiyyuu Caal-baasiin erga banamee booda yaada jijjiiruu ykn fooyyesuu fi caal-baasii keessaa of baasuu hin danda’amu.

6. Dorgomaan kamiyyuu kabachisa caalbaasii % 1 Maallaqaan ykn CPO dhan, gatii walii gala tiin herreegee galchuu qaba

7. Caal-baasii burjaajessuu fi dogoggorsuu qaamni yaalii godhe caal-baasii dhaaf gatii or qabsiise mootummaaf galii ta’e caal-baasii keessaa haqama. Fuula duras caal-baasii mootummaa irratti akka hin hirmaanne taasifama.

8. Qaamni caal-basii mo’ate xalayaan ykn bilbilaan guyyaa itti himame ykn beeksifame irraa eegalee guyyoota hojii shan keessatti kabachiisa waliigaltee %10 (CPO) dhiyeessuun walii galtee mallatteessuu qabu.

9. Qaamni caalbaasii Mo’ate walii galtee mallatteessuuf eeyyamamaa ta’uu yoo baate maallaqni qabsiise mootummaaf galii ta’ee dorgomaa lammaffaaf kennama.

10. Dorgomtooni sanada gatii dorgommii caal-baasii orjinaalaa fi Koppii isaa poostaa adda addaatiin erga saamsanii booda duuba poostaa irratti orjinaalaa fi koppii jechuudhaan erga ibsanii lamaan isaa poostaa tokkoon (mother envelop) fayyadamuun hapheedhaan ykn samiidhaan cuqqaalanii dhiyeessuu qabu,

11. Gatiin kabachiisa caal-baasii qabsiifame qaama mo’atameef battalumatti kan deebi’u yoo ta’u qaamni mo’ate walii galtee mallattessee hanga meesha dhiyeessee xumurutti tura.

12. Dorgomaan kamiyyuu sanadaa haqamaa fi laqamaa kan dhiyeessu yoo ta’e fudhatama hin qabu.

13. Dorgomaan kamiyyuu meeshaa gaafatameen ala yoo dhiyeesse waajjirri kan hin fudhanne ta’uu isaa beekuu qabu.

14. Waajirichi meeshaalee walii gala bituu keessaa 20% dabaluu ykn hir’isuu ni danda’a.

15. Dorgomtootni kamiyyu sanada caal-baasii, qarshii hin deebine 500 (dhibba shan qofa) kaffaluun waajjira Maallaqaa Aanaa Dambal Xaafoo kutaa bittaatii bitachuu danda’a.

16. Beeksisni caal-baasii guyyaa beeksisni kun gaazexaa Kallacha Oromiyaarratti maxxanfamee bahe irraa eegalee guyyoota hojjii 15 kan turu ta’ee gaafa guyyaa 16 sa’aatii 8:00 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu’aan isaanii argamanitti kan banamu ta’a

17. Waajirichi filannoo fooyya’aa yoo argate caal-baasicha guutummaanis ta’e walakkaadhaan haquu mirga guuruu qaba.

Odeeffannoo dabalataaf Lakk. Bilbilaa 09 27 81 20 93/ 09 24 94 28 77

 Waajira Maallaqaa Aanaa Dambal Xaafoo