Your cart is currently empty!
Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mana Murtii Aanaa Walisoo Bittaa Meeshaalee garagara akka : Uffata Dambii hojjatootaa Meeshalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhuumaa fi Meeshaalee Dhaabbii Caalbaasii ifaatiin wal dorgomsiisee bittachuuf dhiheessitootaf waamicha taasisee jira
Kallacha Oromiyaa(Aug 21, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Caalbasii Ifaa Marsaa Jalqabaa Bara 2018
Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mana Murtii Aanaa Walisoo Bittaa Meeshaalee garagara akka : Uffata Dambii hojjatootaa Meeshalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhuumaa fi Meeshaalee Dhaabbii Caalbaasii ifaatiin wal dorgomsiisee bittachuuf dhiheessitootaf waamicha taasisee jira.
Ulaagaalee Dorgommiif Barbaachisan;
1. Hirmaatonni Caalbasii irratti hirmaachuuf hayamaa daldalaa seeraa qabeesa fi gibira bara kana kafalan akkasumas Hayamaa Daldalaa haromfamee fi kafalaa Vaatii kan ta’aan lakk. TIN dhiyeessuu kan danda’an
2. Sanadoota dorgommiif barbaachisan Orijinaalaa fi kophii isaa poostaa adda addaatti samiidhan saamsaani dhiyeefachuu qaba.
3. Saammudaa (Sample) Caalbaasiin duraati dhiyeefaachuu kan danda’u
4. Sanadni Caalbaasichaa Haqamaf Laaqama tokko malee guutamee poostaan saamsamee dhiyyachuu qaba
5. Dorgomtootni sandaa dorgommii dhiyaatu irrattii Maqaa, Teessoo, Lakk.bilbilaa, Chaapaa fi maallattoo isaanii guutuu qabaachuu qaba.
6. Dorgomtootaa dhuunfaa warraa ta’aniif kabachiifni Caalbaasiin booda deebi’uu qarshii 5000 (CPO) Cheekiidhaan deggaramee ykn mallaqaa Callaa Harkaatti kan kaffaalanif waldalee IMX warra ta’anif immoo qarshiin armaan olitti tuqame kanaa irraatti wabummaa qamaa isaan gurmeesse irraa xalayaa seeraa qabesaa ta’ee dhiiyyeefachuu kan daandaa’u wajjiraa Mana Murtii A/Walisootti kan ibsu akkasumasguyya Caalbaasiin bahee qilleensaa irraa ture irraa lakkoofsaa caalbaasichaa kan ibsu dandaa’u warraa dhiyyeeffachuu danda’an qofa ta’u qaba
7. Dorgomtootni guyyaa Caalbaasiin kun bahe irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 14(kudha Afur) keessatti ganama sa’atii 2:30-10:00 tti Mana Murtii Aanaa Walisoo biiroo Lakkoofsa 04 dhiyaachuun qarshii 200 kan hin deebine kaffaludhaan sanada waa’ee caalbaasii ibsu fudhachuun gatii meeshaalee tokkoon tokkoon ittiin dhiyaatu kan ibsu Poostadhaan saamsun guyyaa beeksisni kun bahe kaasee hangaa guyyoota hojii 15ffaatti sa’aatii 8:30tti biiroo lakk.4 tti akka galchitan ta’e caalbaasiin sa’atii 8:40 kan banamu ta’a. Manni Murtiichaa filannoo fooyya’e yoo argate caalbaasiicha irratti hindirqamu.
Ibsa dabalataa
Iddoon Sanadni bitamu Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Godina shawaa kibba lixaa waajjira polisii Aanaa Walisoo Cinaa Mana Murtii Aanaa Walisootii Lakkoofsi-bilbilaa:- 0113664033 ykn 0113410013
Mana Murtii Aanaa Walisoo