waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii bara baajata 2018 Meeshaalee adaadaa bituu barbaada.


Kallacha Oromiyaa(Aug 21, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Caalbaasii Ifaa Lakk.01/2018

waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii bara baajata 2018 tiif baajata dilee fi Galii keessatiin Meeshaalee barreeffamaa, Uffata Dambii hojjettootaa, Meeshaalee Qulqullinaa adda addaa, Hojiilee Maxxansaa adda addaa, Meeshaalee Dhaabbii, fi Meeshaalee Elektirooniksii adda addaa, Meeshaalee ijaarsaa adda addaa, Meeshaalee BLTO fi gommaa konkolaataa labsii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 fi Qajeelfamaa bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa lakk. 02/2004 irratti hundaa’uudhaan caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Ibsa Bal’inaan

Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahee jalqabee gosa meeshaalee fi odeeffannoo waa’e meeshaalee bitamuuf barbaadamanii kan ibsu sanada caalbaasii qophaa’ef Qar. 300.00 (Dhibba sadii) kan hin deebine kaffaluudhaan yeroo hundumaa sa’aatii hojii mootummaa Waajjirra Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii dhufuudhaan bitachuun ni danda’ama.

Dirqama Dorgomtootaa

1. Gibira bara kanaa kan kaffalanii fi damee daldalaa meeshichaatiin heeyyama daldalaa haarome kan qaban, raga qabatamaa dhiyeessuu kan danda’an.

2. Galmaa’aa Taaksii dabala qabeenyaa “VAT” kan ta’anii fi ragaa dhiyeessuu kan danda’an.

3. Tarree dhiyeessitootaa Ministeera Maallaqaa keessatti kan galmaa’anii fi ragaa galmee dhiyeessummaa ministeera Maallaqaa (qaama sadarkaan jiru) irraa dhiyeessuu kan danda’an.

4. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii dorgoman irratti qarshii 50,000 (Kuma shantama) (CPO)n kan qabsisee sanada caalbaasichaa waliin dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni Maayikiroo fi xixiqqaa (IMX) Gosa bittaa fi baay’ina maallaqa irratti dorgoman ibsuudhaan qaama isaan hundeesse irraa waajjira keenyaaf kallattiidhaan xalayaa wabummaa caalbaasichaa dhiyeessuu ni danda’u.

5. Dorgomtoonni gatii ittiin dorgoman sanada caalbaasiichaa irratti guutuudhaan Orijinaalaa fi koppii Koophaa Koophaattii poostaadhaan saamsudhaan Orjinaalii fi Koopii ammo bakkaa tokkootii poostaa Guddaadhaan Saamsamee maqaa fi ragaa guutuu dhaabbata isaanii irratti barreessun dhiyyeefachuu qaba.

6. Sanada Caalbasii kana guyyaa 15/12/2017 hanga 29/12/2017 sa’aatii 8:00 tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyiitti Qaaman dhiyyataanii bittachuun saanduuqa kanaaf qophaa’etti galchuu ni danda’u. Caalbaasichi gaafa guyyaa 29/12/2017 sa’aatii 8:00tti cufamee dorgomtoonni ykn bakka buutonni isaanii bakka argamanitti guyyuma kana sa’aatii 8:30tti ni saaqama.

7. Dorgomtoonni mo’atan yeroo waliigaltee mallatteessan gatii waliigalaa meeshaalee mo’atan irratti 10% wabummaa raawwii caalbaasichaa baankiidhaan kan raggaassame (CPO) seera qabeessa dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni mo’ataman (caalbaasicha kufan) mo’ataa fi mo’atamaan caalbaasichaa eega ifa ta’ee booda kabachiisni caalbaasii dura dookumantii caalbaasii wajjin galchan battalumatti fudhachuu ni danda’u.

8. Dorgomtoonni mo’ataa baasii kam iyyuu danda’uudhaan meeshaalee mo’atan mankuusaa Waajjirri  Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyiitti dhiyeessuu qabu.

9. Waajjinichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gartokkees ta’ee guutumaan guutuutti haquudhaaf mirga guutuu qaba. Odecfannoo dabalataa yoo barbaaddan Lakk. Bilbilaa 0913777129 ykn 0913723160

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyil