Your cart is currently empty!
Godina Kibba Lixa Shawaatti Kolleejjii BLTO Ammayyaa bara baajata 2018 meeshaalee adadaa bitu barbaada.
Kallacha Oromiyaa(Aug 21, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Caalbasii Bittaa Meeshaa Marsaa 1faa
Godina Kibba Lixa Shawaatti Kolleejjii BLTO Ammayyaa bara baajata 2018 caalbasii marsaa 1ffaa Bittaa huccuu Seera ,Bittaa meeshaa Barreessa,Bittaa Meeshaa qulqullina,Bittaa meesha dhaabbii, Bittaa Meeshaa Leenjii Barnoota,meeshaa Elekitiroonkis fi Meeshaa Ijaarsa caalbasii ifaa biyyaa keessa waliin_dorgomsise bitu barbaada.
Ulaagaa dorgamaan guuttate dhufu qabun.
1. Eyyama daldaala Gosa meeshaatin kan qabu.
2. Gibira Mootumma kan kaffale Eeyyama isaa kan haroomse.
3. VAT fi TIN lakk-ittin galma,e raga kan dhiyyeeffatu
4. Lakkoofsa Enyummeessa gibira/TIN/raga kan dhiyyeeffatu.
5. Lakk_tokko gubbatti kan ibsamee waraqaa Eeyyamaa daldaala kopi duraa fi duubaa ta’e orjinala fi koppii kan dubbifamu ta’u qaba.
6. Kabachisaa Caalbasii qarshi 5,000(kuma shan)Baankii beekama irra CPO Sanada wajjin dhiyyeeffachuu kan danda’u.
7. Caalbasii gufachisuu kan dhiyyatuu gara fuulduratis ta’e caalbasii kami irrattu akka hin dorgomnee ni taasifama. Kabachiisni caalbasii qabsisee mootummadha galii ta’a. (ni dhalama)
8. Dorgoman caalbasii teessoon isaa ifaattii beekamu qaba. Caalbasiin gazeexa kallacha Oromiyaatiin erga maxxanfamee ba’e booda guyyootaa 15(kudha Shan) guyyaa hojiimootumma qilleensa irra oola.
9. Dorgoman kamiyyuu guyyaa beeksisnii kun ba’ee eegalee ( / /2017 hangaa gaafa guyyaa xummuraa 05/01/2018 ganama keessa hanga sa’aati 4:30 qofatti sanada bitatee qopheeffatee sanduqa kanaa qoopha’etti galchuu danda’a. caalbasiin kan banamu guyyuma xummuraa 05/01/2018 sa’aati 7:30 irratti cufamee guyyumaa sana sa’aati 8:00 bakka dorgomtoonni ykn bakka butoonni jiranitti ni banama.
10. Dorgomtoonni meeshaa ittin dorgoman Saamuda isaa osoo caalbasiin hin banamiin dursanii Kolleejjii BLTOAmmaayyatti dhiyyeessu qabu. Innii gubbaatti ibsame akuma jirutti ta’e meeshaa saamuda dhiyyeessu hin dandenye yoo ta’e footoodhan deegarame dhiyyachu danda’a.
11. Akkuma Lakk-9,fi 10 irratti ibsame kan guute hin dhiyyeefanne dorgomii keessaa ni haqama. Erga caalbasiin baname Yaada jijjiruu, sanada fooyyesu, keessaa of baasun hin danda’amu. Dorgoman caalbasii sanada dhiyyeefatu chappa fi mallattoon dorgomaa irrati ta’u qaba.
12. Sanada dorgoma irra haqaa fi laaqaa qabachu hinqabu. Dogoggoran yoo haqame mallattoo irra ka’u qaba. Meeshaa qulqullina isaa eggatee orjiinala dhiyyeessu qabu.
13. Meeshaa Ispeecifikeeshinii kolleejjin dhiyyeeffate gadi yoo ta’e fudhatama hinqabu. Dorgoma irraa kan sanadni GosaMeeshaa,Baayina omisha isaa, Lakk_ Moodela fi Bara Omishaa isaa ibsamu qaba.
14. Dorgoman meeshaa mo’aate godina kibba lixa shawa A/Ammayyaa Maagalaa Gindooti Kolleejjii BLTO Ammayyattii Geejiba isaatin dhiyyeessun dirqama.
15. Sanadnii caalbasii kan argamu (gurguramu) Kolleejji BLTO Ammayyaa Biiroo Lak_3tti bittachu dandeessu. Bittaan sanadaa qarshi 500(dhibba shan) kan hin deebine lakk.herrega baankii kolleejichaa (baankii Siinqee 1044799330119) irratti galii gochuun Kollejjicha irraa Naga’e galii fudhachu qaba.
16. Caalbasiin erga baname xumuramee Ifaatti firiin caalbaasichaaa kan maxxanu fi mo’aatan kan beeksifamu ta’a.
17. Dorgoman kamiyyuu dorgoma biraa irratti hirkate dhiyyachuu hinqabu. Sanadni caalbasii ifaa yoo ta’u baate gafate ibsaa argachu qaba.
18. Dorgoman erga dorgome mo’aachu isaa beeksifame baayina mi’a gatii osoo hin jijjiirin mo’ata irra 20% hirisun nidanda’ama. Dorgoman wali-galte dhiyyeessi dhiyyatee mallatteessun dirqama qabaata. ta’u baanan caalbasii keessaa ni haqama.
19. Sanadni caalbasii kan dhiyyatu gati meeshaa fi kan ittin geejibsisu dabalatee poostaadhan hapha’e /samsame / saanduqa kana qoopha’eti galu dirqama.
20. Ulagalee kana keessatti tumame meeshaalee caqafame dhiyyeessun dirqama ta’u isaa beekkee dorgomit iseenu qaba. Kana ta’u banan kabachisin caalbasii mootumma dhagali ta’a.
21. Dorgoman tokko meesha airraatti mo’ate wali gala erga dhiyyeessee Mallaqniisaa kaffalamaf. Kana ta’u bannan meeshaa irratti dorgome harcasun ni dhiyyeessa tanan kabachisin caalbasii ni dhalama, mayikiro_interpirayizyoo ta’e dhaabni gurmesse hordofi ni seektara sanaaf akka kaffalamu ni taasisa.
22. kolleejjichi filannoo biraa yoo argate walakkan ykn gutumaattii haquu ni danda’a. Ibsaa dabalataaf Lakk. Bilbila 0966721823, 0932762904 ykn 0113150531
Shawaa KibbaLixatti Kolleejjii BLTO Ammayyaa Gindoo