Your cart is currently empty!
Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gursum bara Baajata 2018′ tif kan oolu ayaataa dheedhii Nageenyaa fi Milishaa caalbaasii ifaatiin waldorgomsisee bituu barbaada
Addis Zemen(Sep 23, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gursum bara Baajata 2018′ tif kan oolu ayaataa dheedhii Nageenyaa fi Milishaa caalbaasii ifaatiin waldorgomsisee bituu waan barbaaduuf dorgomaan ulaagaa asii gadii guuttan dorgomuu ni dandeessu.
Ulaagaalee Qajeelfama Dorgomtootas
- Dorgomaan Hayyama daldalaa seera qabeessa nyaataa dheedhiin kan qabu fi heyyama daldalaa bara 2018 akka qajeelfamaa waajjira daldalaatti kan haaromse.
- Dorgomaan Tarreefama dhiyeessitoota keessatti kan galmaa’e jiruufi galmee Tarreefama dhiyeessitoota haaromee keessatti galmaa’aa ta’uusaanii ragaa dhiyeessu kan danda’an.
- Ragaa kaffaltii gibira bara 2017 akkaa qajeelfamaa A/T/Galitti dhiheessuu kan danda’u.
- Dorgomaan Galmaawaa taaksii dabalata qabeenyaaf (VAT) ykn ToT ragaa dhiheessuu kan danda’u.
- Sanadni caalbaasii haqaa fi laaqa qabu fudhatama hin qabu.
- Gatiin meeshaa dhiyaatu Taaksii (VAT) ykn TOT dabalatee guutuu isin irra jiraata.
- Dorgomaan fuula sanadaa hunda irratti sumuda (stamp) isaanii dhahuun mallatteessuu qaba.
- Dorgomaan kabachiisa caalbaasiif Cpo maallaqa Itiyoophiyaa Qarshii gatii waliigalaa caalbaasicha irraa 2% Jechunis Qr. 10,000 (Kua Kudhan) ykn CPO baankiidhaan mirkanaa’e dhiyeessuu qaba.
- Dorgomaan mo’e meeshaalee mo’atan hanga Mankuusa (Istoora) Waajjira Maallaga Aanaa Gursum geessuu qaba.
- Dorgomaan Caalbaasicha gufachiisuuf yaalan kabachiisni caalbaasii irraa dhaalamu fi caalbaasii fuula duraa irraa kan ugguramu tahuun hubatamuu qaba.
- Dorgomaan sanada caalbaasii guyyaa beeksifni kun gaazexaa Addis zaman irratti bahe irraa kaasee Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum kutaa lakk. 3 irraa qarshii (200) kan hin deebincen bitachuu danda’a.
- Caalbaasiin eega baname booda yaada fooyyeesuun ykn Caalbaasii keessa of-baasuun goonkuma hin danda’amu.
- Dorgomaan caalbaasii erga mo’ee booda guyyoota hojii 15 (kudha shan) keessatti waliigaltee mallatteessuu qaba.
- Dorgomaan erga mo’ee guyyaa hojii 15 (kudha shan) keessatti yoo waliigaltee hin mallatteesine dorgomaa lammaffaa baheef carraan kennama.
- Quamni bittaa raawwatu meeshaa ykn tajaajila gaafate irratti % 20 dabalu ykn hir’isuu mirga qaba
- Bakka/Iddoon Sanduuqni Caalbaasii ykn sanadni itti dfliyaatu Waajjira MWD Aanaa Gursum kutaa Garree bittaa ta’a.
- Waajjirichi filannoo fooyya’e yoo argatee caalbaasicha guutummaan guutuutti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf mirga guutuu qaba.
- Caalbaasiin kun guyyaa 13/1/2018 irraa jalqabee hanga guyyaa 03/2/2018 banaa ta’uudhaan guyyaa 03/2/2018 sa’aa 11:00PM irratti cufama. Caalbaasiin kun guyyaa 04/2/2018 sa’aatii 3:00 AM bakka dorgomtootni ykn bakka bu’oonni dorgomtootaa seera qabeessa to argamanitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursumitti kan banamu ta’a
Odeeffannoo dabalataaf:- Lakkoofsa Mobaayilii 0920902865, 0913234372, 0989505331
Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum.
Godina Harargee Bahaatti Waajjira Mallagaa Aanaa Gursum