Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa bara baajataa bara 2018 bittaa meeshaalee fi tajaajila lootii garagaraatiin qoodamee ibsame kan armaan gaditti tarreeffaman kana waldorgomsiisee bituu ni barbaada


Addis Zemen(Sep 26, 2025)

ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ። Please read the detailed instructions below. 

Waamicha Caalbaasii ifaa

Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa bara baajataa bara 2018 bittaa meeshaalee fi tajaajila lootii garagaraatiin qoodamee ibsame kan armaan gaditti tarreeffaman kana waldorgomsiisee bituu ni barbaada:

loototni kunis Lootii 1ffaa. Bittaa Uffata seera hojjattoota,Lootii 2ffaa hojjattoota, Meeshaalee quiqullinaa Lootii 3ffaa Tajaajlia Hooteela, Lootii 4ffaa Meeshaalee piroomooshiinii Lootii 5ffaa Bittaa Goommaa konkoolaataa fiLootii 6ffaa Bittaa meeshaalee Barreeffama.

Kanaafuu Ulaagalee armaan gadii guutachuudhaan dorgomuu ni dandeessuu

1. Dorgomaan kamiyyuu wabii/kabachiinsa caalbaasii/Qarshii 50,000 (Qarshii kuma shantama) lootii tokko tokkoon isaatiif qabsiisuun, gosa kabachiinsa caalbaasii bifa /CPO/ tiin ykn wabii baankii haal-duree tokko malee yoo xiqqaate ji’a afuriif hojiirra ooluu, maqaa Korporeshinii Misooma Paarkiiwwan Industirii Oromiyaatiin, sanada orijinaala waliin dhiyaatuu qaba.

2. Dorgomtoonni sanada caalbaasii tokkoon tokkoon isaanii Waajjira Kutaa faayinaansii KMPIO imaa, guyyaa beeksifni caalbaasii kun gaazexaa irratti maxxanfamee hanga Onkololeessa 4/2018 ALI tti guyyaa hojii fi sa’aatii hojiitti kaffaltii hin deebine Qr.1000/ Qarshii kuma Tokko Qofa/ kaffaluun Sanadaa caalbaasii bitachuu ni danda’u.

3. Dorgomaan kamiyyuu Ulaagaa seera kan akka Eeyyama daldalaa kan haarome.galmee vaatii,galmee TIN, galmee galmeessa daldalsa,waraqaa qulqullummaa gibira wajjira galii irraa, galmee tarree dhiyeessitootaa
waraabbii/koppii /godhaan dhiyyeessuu qabu.

4. Dorgomaan kamiyyuu sanadoota caalbaasii teeknikaa fi faayinaansii gaafatame ‘envelope’ tokkoon, orjinaala fi koppiin addaan baasee mallatteessee, sima envelope tokkoo ta’een dhiyeessuun kan dhiyaatu yoo ta’u, guyyaa beeksisa kana keessatti ibsametti saanduqa kanaaf qophaa’ee keessa galchuun dorgomuu ni danda’aa.

5. Mo’aataan Caalbaasii kan murtaa’uu akkaataa SBD kutaa 3 keessatti kan tuqame ta’a.

6. Caalbaasichi hanga Onkololeessa 5/2018 ALI sa’aatii 4:00 tti kan galuu fi kan cufamuu yoo ta’u, guyyaa kanuma keessa sa’aatii 4:30 ALI bakka koreen bittaa KMPIO fi Kutaa Bittaabakka dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni seeraa fi taajjabdoonni isaanii argamanitti ni banama

7. Caalbaasii kana kan injifate meeshaa geejjibaa mataa isaatiin gara mana kuusaa meeshaalee KMPIO’tti kan fiduu yoo ta’u, erga galcheen duuba kaffaltii
ni argata.

8. Lootii 3ffaan waliigaltee wagga kan hidhamu ta’ee haala tajaajilaan kan kanfalamu ta’a.

8. Korporeeshiniichi filannoo fooyya’aa yoo argate, mirgi caalbaasii guutummaatti ykn gartokkoon haquu seeraan kan eegamedha.

Teessoon Galmee: Meksikoo, Imbaasii Rippabiliika Sudaan Cinaa Kallattii
Bahaatti Finfinnee, Ethiopia Lakk.Bilbilaa+251911562160/0913812486

Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa