Your cart is currently empty!
Godina Jimmaatti Waajjirri Mallaqaa Aanaa Sigimoo hojii Suphaa Daandii Baadiyyaatiif Magaalaa Aanicha Keessatti Bara Baajataa 2018 Waajjira Daandii fi Loogistikiin Gaggeeffamuuf Maashinoota Suphaa Daandii Baadiyyaaf Magaalaaf Tajaajilan Keessaa Gireedara, Iskaavaatara, Siinootiraakii, Ruulloo, Shaawar Tiraakii fi Sarvisii PICUP Caalbaasii Ifaan wal-dorgomsiisee Sa’atii fi Guyyaan kireeffachuu barbaada
Kallacha Oromiyaa(Oct 23, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Caalbaasii Ifaa Yeroo 2ffaa
Godina Jimmaatti Waajjirri Mallaqaa Aanaa Sigimoo hojii Suphaa Daandii Baadiyyaatiif Magaalaa Aanicha Keessatti Bara Baajataa 2018 Waajjira Daandii fi Loogistikiin Gaggeeffamuuf Maashinoota Suphaa Daandii Baadiyyaaf Magaalaaf Tajaajilan Keessaa Gireedara, Iskaavaatara, Siinootiraakii, Ruulloo, Shaawar Tiraakii fi Sarvisii PICUP Caalbaasii Ifaan wal-dorgomsiisee Sa’atii fi Guyyaan kireeffachuu barbaada. Haaluma kanaan, Dorgomtootni Ulaagaalee armaan gadii guutuu dandeessan dhiyaattanii dorgomuu ni dandeessu.
1. Heeyyama hojii daldalaa kallattiin gosa tajaajilaa/maashinichaa ibsuu danda’u haaraa ykn haaromfamaa kan qabu.
2. Lakk. Addaa kaffalaa gibiraa (TIN Number) kan qabu fi taaksii dabalataa (VAT) kan galmaa’e.
3. Gibira kaffaluu isaanii kan ibsu xalayaa waajjira Galiiwwanii irraa dhiyeeffachuu qabu.
4. Bittaa Mootummaa irratti akka hirmaatanuuf Waraqaa Ragaa dhiyeessummaa dhiyeeffachuu kan danda’u.
5. Kabachiisa Caalbaasii CPO mana Baankiitiin mirkanaa’e qarshii 10,000 (Qarshii kuma kudhan) qabsiisuun dhiheessuu kan danda’u.
6. Dorgomtootni kamiyyuu Sanada Caalbaasii qarshii hin deebine 100 (dhibba tokko) kaffaluun Gaafa Guyyaa 13/2/2018 hanga 4/3//2018 tti W/ra Maallaqaa A/Sigimoo irraa bitachuun dorgomuu ni dandeessu.
7. Dorgomtootni hunduu Ragaa waa’ee Maashinoota Sanaa ibsu hunda Dhiyeessuufi kan Kireeffatan yoo ta’e walii galtee kiraa dhabbata irraa kireeffatan irraa dhiyeeffachuu qabu.
8.Mo’ataan Caal-baasii Guyyaa mo’atee kaasee Guyyaa 5(shan) booda dhihaatee waliigaltee Waajjira Daandiif Logistikii A/Sigimoo wajjin Mallatteessuu qaba.
9. Mo’ataan Caalbaasii Maashinoota kana hanga Aanaa Sigimoo bakka hojiin sun itti hojjatamuutti Dhiyeessuu qaba. Maashinni Kun kan itti barbaadamu haala qilleensa Aanichaan walqabsiisuun Yeroo W/ richi barbaadetti ta’uu qaba.
10. Dorgomtootni Waldaadhaan gurmaa’an waraqaa qaama seerummaa Waldaa sanaa ibsu haaraa ykn haaromfamaa kan qabuu fi waraqaa bakka bu’aa waldaa sanaa qaama gurmeesse irraa kan kennameef dhiyeeffachuu qaba.
11. Dorgomtootni kamiyyuu sanada Caalbaasii kooppii fi Orijinaala kophaa kophaatti evilooppiin samsuudhaan Teessoo fi maqaa guutuu ibsuu kan danda’uun hanga Gaafa Guyyaa 4/3/2018 tti sanduuqa Caal-baasiif qophaa’e keessa buusuu qabu.
12. Dorgomtootni hunduu Sanada Caalbaasii irratti Chaappaa dhaabbaticha ibsu, maqaa fi mallattoo dorgomaa qabaachuu qaba.
13. Caalbaasiin Gaafa Guyyaa 4/3/2018 sa’atii 4;00tti cufamee Gaafa Guyyaa 4/3/2018 Sa’atii 4:30 irratti Waajjira Maallaqaa A/Sigimootti bakka Dorgomtootni yookiin Bakka bu’ootni waraqaa bakka bu’iinsaa Waajjira Abbaa Alangaan mirkanaa’e qaban jiranittii fi yoo argamuu baatanis kan banamu ta’a.
14. Waajirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar tokkee ykn guutummaan guutuutti haquuf mirga qaba. Oddeeffannoo dabaalataaf: 09 65 79 11 57, 09 12 10 94 50, 09 89 03 80 40, 09 17 33 53 68
Waajjira Mallaqaa Aanaa Sigimoo.