Waajjirri Maallaqaa Godina Q/Wallaggaa Beeksisa Caalbaasii Ifaa hojii ijaarsa piroojektii sarara Daandii Koyyee-Gomboo fi Qaaqee-Tullu Gophoo kan waajjira Daandiiwwaniifi Loojistiksii Godina Qellem Wallaggaa dorgomsiisee Kennuu barbaada


Addis Zemen(Oct 30, 2025)

ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ። Please read the detailed instructions below. 

Beeksisa Caalbaasii Ifaa 1ffaa
Lakk.Addaa Bittaa: GQW/SCI/CIB/D/01/2018

Waajjirri Maallaqaa Godina Q/Wallaggaa Beeksisa Caalbaasii Ifaa hojii ijaarsa piroojektii sarara Daandii Koyyee-Gomboo fi Qaaqee-Tullu Gophoo kan waajjira Daandiiwwaniifi Loojistiksii Godina Qellem Wallaggaa dorgomsiisee Kennuu barbaada.

Lakk

 

Maqaa Toora Dandii

 

Dheerina (KM)

 

Godina

 

Aanaa

 

Kabachiisa Caalbasii

 

Turtii Pirojektii (Cal.Days)’

 

Galii waggaa isa Olaanaa (PACT)

Sadarkaa Kontiraakteraa (Category of Contactor)

1

Qaaqee-Tullu

Goophoo

 

15.29

 

Q/Wallaggaa

D/Waabaraa

500,000

 

180

 

150,000,000

 

RC3/GC3 fi isaa olii

 

2

Koyye-Gomboo

 

4.39

 

Q/Wallaggaa

J/Horroo

 

300,000

 

180

 

50,000,000

 

RC4/GC4 fi isaa olii

 

Ulaagaalee dorgommii akkaataa armaan gadiitiin ta’a.

1.Lammummaan isaa Itoopiyaa kan ta’e

2. Haayyama Daldalaa haaromee fi Galmeessa Daldaalaa kanqabu

3. Waraqaa raga TIN fi VAT kanqabu

4. Waraqaa qulqullinaa kaffaltii Gibiraa kan bara 2017 kan dhiyeeffatu.

5.Waraqaa gahumsa ogummaa sadarkaa Kontiraakteraa gabatee armaan olittitti ibsame haaromee/haaraa kan qabu.

6. Waraqaa ragaa Galmee dhiyeessitotaa keessatti galmaayee kan qabu (EGP/FPPA) supplier list)

7. Adabbii bittaa mootummaa irraa akka hin dhorkamne ragaa kan dhiyeeffatu.

8. Walitti bu’insa faayidaa hin mallee argachuu madde irraa bilisa kan ta’e.

9.Caalbaasiin erga banamee booda yaada dorgommii dhiyaatee jijjiiruu,gatii fooyyeessuu fi caalbaasii keessaa of baasuun hin danda’amuu.

10. Dorgomaan Dokimantii faayinansiifi teekinikaa Akkaataa QD 24.1 kan dhiyeessu ta’ee Dhumarattis Sanadinni Tekinikaa fi faayinaansii guutuun poostaa qeenxee tokko (Mother post) keessatti saamsame gara alaa isaa irratti odeeffannoo pirojektii dabalatee,Maqaa abbaa pirojektii, maqaa dhaabbatichaa/Dorgomaa fi hojichaa odeeffannoo barbaachisoo ta’e hunda qabaachuu qaba.

11. Poostaan saamsame hundiisaa samiidhaan erga cuufamee booda chaaphaa dhaabbataan chaapheeffamee mallattoodhaan kan mirkana’ee ta’uu qaba.

12. Dorgomaan Wabummaa kabachiisa caalbaasii (CPO) ykn Xalayaa Haala irratti hin hundoofne(Un conditional) Hanga qarshii gabatee armaan olitti ibsameen Maqaa Waajjira Daandiiwwaniifi Lojistiksii godina Qellem wallaggatiin kan guyyoota 118 ol turu Baankii irraa kan dhiyeeffatu ..

13. Dorgomaan kamiyyuu Bakka Hojii kanaa fi Hojii kanaan wal qababatan (Site Visite) gochuun dirqama.

14. Dugda poostaa hundaa irratti :-

  • Maqaa piroojektii
  • Maqaa Abbaa piroojektii
  • Maqaa fi Teessoo kontiraakteraa
  •  Maqaa Dookimantii Poostichi baatu qabaachuu qaba.
  • Guyyaa Sanadi Caalbaasii itti gurguramu guyyaa gaazexaa Addis zaman irratti maxxanfamee bahe irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 20 sa’a 2:30 hanga 6:30 tti waaree dura sa’a 8:00 hanga 11:30 waaree booda ta’ee:
  •  Guyyaa sanadi caalbaasii itti deebi’u guyyaa 21 ffaa tahee guyyichi ayyaana ykn sanbata irra yoo oole guyyaa itti aanu hanga saatii 4:00 waaree duraatti qofa.
  • Guyyaa sanadi caalbaasii itti saaqamu guyyaadhuma 21ffaa tahee saatii 4:30 waaree duraatti kutaa galma xiqqaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Qellem Wallagga bakka dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seera qabeessa ta’an argamanii fi taajjabdoonni jiranitti saaqama.
  • Iddoo galmee waajjiira Maallaqaa Godina qellem wallagga ta’ee Kuta Bittaaf Bulchinsa Qabeenya Lakk. kutaa 9
  • Caalbaasii kana dhaabbanni Kontiraakteraa mo’atee maashinii hojii kanaaf barbaachiisu hunda waliin guyyaa caalbaasii mo’atee waadaa Mallatteesse irraa eegalee guyyaa kudha shan gidduuti iddoo hojii kanaatti argamuun hojii kan eegaluu ta’a.

15. Waajjirri filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquu danda’u.

Bakka caalbaasiin itti cuufamu waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Qellem Wallagga Galma xiqqaa ta’ee bakki itti banamuus Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Qellem Wallagga Galma xiqqaa ta’a.
Dorgomaan Sanada Caalbaasii bitachuuf qarshii hin deebinee 2000(kuma Lama) akkaawuntii siinqee 1051654201215 kan waajjira Maallaqaa Godina Qellem Wallaggatti kaffalee nagahee seeraa kan dhiyeessu.

Waajjirri Maallaqaa Godina Q/Wallaggaa


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *