Your cart is currently empty!
Kolleejjiin Barnoota Barsiisotaa,D/Dolloo Beeksisa Caalbaasii Ifaa hojii ijaarsa pirojektii IJAARSA BABAL’ISUU KBB D/DOLLOO dhaabbata Kontiraakteroota dhuunfaa Sadarkaa BC2/GC3 fi isaa olii dorgomsiisee Kennuu barbaada
Addis Zemen(Oct 30, 2025)
ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ። Please read the detailed instructions below.
Beeksisa Caalbaasii Ifaa 1ffaa
Lakk.Addaa Bittaa: SCI/CIB/KBB01/2018
Kolleejjiin Barnoota Barsiisotaa,D/Dolloo Beeksisa Caalbaasii Ifaa hojii ijaarsa pirojektii IJAARSA BABAL’ISUU KBB D/DOLLOO dhaabbata Kontiraakteroota dhuunfaa Sadarkaa BC2/GC3 fi isaa olii dorgomsiisee Kennuu barbaada.
Ulaagaalee dorgommii akkaataa armaan gadiitiin ta’a.
1. Lammummaan isaa Itoopiyaa kan ta’e.
2. Hayyama Daldalaa haaromee fi Galmeessa Daldalaa kan qabu.
3. Waraqaa raga TIN fi VAT kan qabu.
4. Waraqaa gahumsa ogummaa sadarkaa GC 3 fi BC 2 isaa olii haaromee/haaraa kan qabu.
5. Waraqaa qulqullinaa kaffaltii Gibiraa kan bara 2017 kan dhiyeeffatu.
6. Waraqaa ragaa Galmee dhiyeessitotaa keessatti galmaayee kan qabu (EGP/ FPPA) supplier list).
7. Adabbii bittaa mootummaa irraa akka hin dhorkamne ragaa kan dhiyeeffatu.
8. Walitti bu’insa faayidaa hin malleè argachuu madde irraa bilisa kan ta’e.
9. Caalbaasiin erga banamee booda yaada dorgommii dhiyaatee jijjiiruu,gatii fooyyessuu fi caalbaasii keessaa of baasuun hin danda’amu.
10. Dorgomaan Dokimantii faayinansiifi teekinikaa Haadhoo poostaa kaakii adda addaan saamsamee dhuma irratti lamaansaa iddoo tokkotti poostaa tokkoon akkasumas dokimantii faayinaasii fi teeknikaa Waraabbii 1ffaa fi Waraabbii 2ffaa kaakii adda addaan saamsame booda dhuma irratti hunda isaa poostaa guddaa tokko keessa kabachiisa Caalbaasii waliin ka’aamee saamsamuun dhiyaachuu qaba. Hub: Dokimentiin Faayinaansii hundi Tilmaama Gatii caccabe (Cost break dawn) waliin dhiyaachuu qaba.
11. Poostaan erga cufamee saamsamee booda hundisaa chaaphaa dhaabbataan chaapheffamee mallattoodhaan kan mirkanaa’e ta’uu qaba.
12. Wabummaa kabachiisa caalbaasii (CPO) ykn Xalayaa Haala irratti hin hundoofne(Un conditional bank gurantee) Kan 400,000.00 (kuma dhibba afur ) Maqaa Waajjira Kolleejjii Barnoota Barsiisota Dambi Dollootiin Baankii irraa kan dhiyeeffatu.
13. Dorgomaan kamiyyuu Bakka Hojii kanaa fi Hojii kanaan wal qababatan (Site Visite) gochuun dirqama.
14. Dugda poostaa hundaa irratti :-
- Maqaa piroojektii
- Maqaa Abbaa piroojektii
- Maqaa fi Teessoo kontiraakteraa
- Maqaa Dookimantii Poostichi baatu qabaachuu qaba.
- Guyyaa Sanadi Caalbaasii itti gurguramu guyyaa gaazexaa addis zaman irratti maxxanfamee bahe irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 20 sa’aatii 2:30 hanga 6:30 tti waaree dura sa’aatii 8:00 hanga 11:30 waaree booda ta’ee:
- Guyyaa sanadi caalbaasii itti deebi’u guyyaa 21ffaa tahee guyyichi ayyaana ykn sanbata irra yoo oole guyyaa itti aanu hanga saatii 4:00 waaree duraatti qofa.
- Guyyaa sanadi caalbaasii itti saaqamu guyyaadhuma 21ffaa tahee sa’aatii 4:30 waaree duraatti kutaa galma xiqqaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Qellem Wallagga bakka dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seera qabeessa ta’an argamanii fi taajjabdoonni jiranitti saaqama.
- Iddoo galmee Waajjiira Maallaqaa Godina Qellem Wallaggaa Ta’ee Kutaa Bittaaf Bulchiinsa Qabeenyaa Lakk. kutaa 9.
- Caalbaasii kana dhaabbanni Kontiraakteraa mo’atee maashinii hojii kanaaf barbaachiisu hunda waliin guyyaa caalbaasii mo’ate waadaa nallatteesse irraa eegalee guyyaa kudha shan gidduuti iddoo hojii kanaatti argamuun hojii kan eegaluu ta’a.
15. Waajjirri filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquu danda’u.
- Bakka caalbaasiin itti cuufamu Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Qellem Wallagga Galma xiqqaa ta’ee bakki itti banamuus Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Qellem Wallagga Galma xiqqaa ta’a.
Dorgomaan Sanada Caalbaasii bitachuuf qarshii hin deebine 5000(kuma shan) akkaawuntii Siinqee 1051654201215 kan Waajjira Maallaqaa Godina Qellem Wallaggatti kaffalee nagahee seeraa kan dhiyeessu ta’a.
Biiroo Maallaqaa Oromiyaatti Waajjira Maallagaa Godina Qellem