Addis Zemen (Apr 14, 2026)
Beeksisa Caalbaasii 2ffaa
Oromiyaa Biroodkaastingi Neetworkii;-Bittaa Tajaajila Eegumsaafii Qulqullinaa Caalbaasii Ifaan dorgomsiisee qaxaruu barbaada. Kanaafuu dhaabbileen tajaajila kana kennuu barbaaddan fedhii fi gahumsa qabdan ulaagaa armaan gadii irratti hundaa’uun dorgomuu dandeessu.
1. Dorgomtootni hayyama daldaalaa haareffame ykn haaraa kan qaban; gibira kan kaffalan fi lakkoofsa kaffaltii taaksii (TIN) kan qabanii fi galmaa’an; akkasumas kaffaltoota Taaksii dabalata Qabeenyaa (VAT) galmaa’aa ta’uu isaanii kan ittiin mirkanaa’u ragaa dhiyeessuu kan danda’an.
2. Unkaan sanada caalbaasii kan qophaa’e yoo ta’u; guyyaa sanadni caalbaa- sii kun Gaazexaa Addis Zaman irratti bahee eegalee hanga 16/08/2018tti damee waajjira keenya Finfinnee Boolee Showa Suuppar Maarkeetii fuula dura Appartamaa jiru darbii 4ffaa Lakkoofsa 20tti Yookiin Biiroo Adaa- maatti Kutaa Faaynaansii Lakkoofsa 087 argamuun sanada caalbaasichaaf qophaa’e Qarshii hindeebine 300 (Dhibba sadi) kaffaluun bitattanii guut- tanii galchuun isin irraa eegama.
3. Unkaan caalbaasichaa Invilooppiiwwan lama:- Wixinee/piroppozaala maallaqa ibsu Oorjinaalaa fi koppii isaa poostaa saamsameen dhiyaachuu qaba.
4. Caalbaasichi bakka dorgomtootni/bakka buutootni seeraa argamanitti, guyyaa 16/08/2018 sa’aatii 4:00tti cufamee guyyuma kana ganama keessaa sa’aatii 4:30tti damee waajjira keenya Finfinnee Boolee Showa Suuppar Maarkeetii fuula dura Appartamaa jiru darbii 4faa Lakk .20 tti ni banama.
5. Dorgomtootni hundi sanada dorgommii guutanii guyyaa 16/08/2018 gal- chuu qabu.
6. Dorgomtootni wabii kabachiisa caalbaasichaatiif CPO Qarshii 100,000 (kuma dhibba tokko) dhaan qabsiisuu qabdu.
7. Qaxarriin eegumsaafii qulqullinaa kun kan raawwatu OBN Biiroo Miidiyaa Koompleexii Finfinnee keessatti. Akkasumas hojjattoonin eegumsaafii qul- qullinaaf qaxaraman Afaan Oromoo dhaggeeffachuu, dubbachuu, barrees- suufii dubbisuu sirriitti beekuu qabu.
8. Qaamni caalbaasicha mo’ate, mo’achuun isaanii akkuma ibsameen, haalu- ma waliigalteetiin hojii isaa eegaluu qaba.
9. OBN filannoo biroo yoo argate; caalbaasicha gutummaanis ta’ee gamisaan haquuf mirga qaba.
Odeeffannoo dabalataatiif lakkoofsa bilbilaa 022-112-21-73/011-554-16- 23 irratti bilbiluun gaafachuu ni dandeessu.
Oromiyaa Biroodkaastingi Neetworkii