Godina Harargee Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gammachiis Bara Bajataa 2018 kanatti Seektaroota Aanaafi Waajjiraalee Gandootaa hundaaf caalbaasii ifaa baasee meeshaalee dhumataa biiroo keessaa, meeshaalee ijaarsaa, meeshaalee dhaabbii biiroo keessaa, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee elektirooniksii, meeshaalee faarniicharootaa, meeshaalee qulqullinaa, gommaa konkolaataa, meeshaalee jijjiirraa konkolaataa fi uffata seeraa hojjettootaa dorgomsiisuun bituu barbaada


Addis Zemen(Aug 20, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Beeksisa Caalbaasii

Godina Harargee Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gammachiis Bara Bajataa 2018 kanatti Seektaroota Aanaafi Waajjiraalee Gandootaa hundaaf caalbaasii ifaa baasee meeshaalee dhumataa biiroo keessaa, meeshaalee ijaarsaa, meeshaalee dhaabbii biiroo keessaa, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee elektirooniksii, meeshaalee faarniicharootaa, meeshaalee qulqullinaa, gommaa konkolaataa, meeshaalee jijjiirraa konkolaataa fi uffata seeraa hojjettootaa dorgomsiisuun bituu barbaada.

Qajeelfama dorgomtootaa(Ulaagaalee)

1. Dorgomaan tarreeffama dhiheessitootaa keessatti galmaa’uu isaa waraqaa ragaa dhiheeffachuu kan danda’u.

2. Dorgomaan gibira kaffaluu isaa kan mirkaneessu waraqaa ragaa Waajjira Galiiwwanii irraa dhiheeffachuu kan danda’uufi hayyama daldalaa bara 2017 haaromfame YKN hayyama daldalaa haaraa dhiheeffachuu kan danda’u.

3. Dorgomaan kaffalaa Taaksii Dabalata Qabeenyaa (VAT) galmaa’uu isaa kan agarsiisu waraqaa ragaa dhiheeffachuu kan danda’u.

4. Dorgomaan yakka adda addaafi malaamaltummaa irraa bilisa ta’uu isaa kan mirkaneessu qaama dhimmi ilaalu irraa waraqaa qulqullinaa dhiheeffachuu kan danada’uufi qajeelfama Fedaraalaa fi Naannoo kan beeku, kan kabajuufi kan hojii irra olchuu ta’uu qaba.

5. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasii/CPO Qar 30,000 (Kuma Soddoma qofa) Maallaqa callaa ykn Baankii irraa ajaja kaffaltii kan ittiin kennamu cheekii mirkanaa’een ykn wabummaa baankii qabsiisuu kan danda’u.

6. Dorgomaan kamiyyuu sanada yaada dorgommii dhiheessan irratti maqaa, mallattoo fi iddoo isaanii barreessuufi qulqullinaas saamsuu qabu.

7. Sanadichi yeroo dhihaatu haqaa fi laaqaa kan hin qabne, Orijinaalaa fi Kooppii, Qaama Aangoo Qabuun kan mallataahee fi sumudaa kan qabu a Aangoo Qabuun kan mallataah ta’uu qaba.

8. Dorgomaan erga caalbaasiin banamee booda yaada jijjiiruus ta’ee fooyyeessuus, akkasumaas dorgommii keessaa bahuu kan hin dandeenye ta’uu itti amanuu qaba.

9. Dorgomtootni caalbaasii gufachiisuuf yaalan caalbaasii keessaa akka bahan ni taasifama, akkasumas caalbaasii mootummaan baasu kamiyyuu keessatti akka hin hirmaanne qaama dhimmi ilaaluu waliin akka ta’u ni taasifama.

10. Dorgomtoonni meeshaalee mo’atan guutumaan guutuutti ykn meeshaa mo’atan keessaa meeshaan tokko yoo hafe maallaqa CPOn qabsiisan ni dhaalama,

11. Dhaabbanni guyyaa waliigalteen itti waliigalame keessatti meeshaalee mo’ate guutumaan guutuutti dhiheessuu qaba, yoo hin dhiheesine ykn hin galchine kaffaltaa irraa guyyaatti 0.01 ni adabama.

12. Gatiin gurgurtaa sanada caalbaasii tokkoo Qarshii 300 (Dhibba sadi qofa), iddoo qarshiin itti kafalamu Waajjira Galiiwwan Aanaa Gammachiis; iddoon sanadni caalbaasii itti argamu Waajjira Maallaqaa Aanaa Gammachiis Kutaa Adeemsa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa.

13. Caalbaasichi gaafa guyyaa 12/12/2017 hanga 30/12/2017 guyyoota hojii 15 (kudha shaniif) qilleensarra kan turu ta’a.

14. Gaafa Guyyaa 15ffaa jechuun Hagayya 30/12/2017 sa’aatii 8:00 irratti cufamee guyyaa sana sa’aatii 8:30 irratti kan banamu ta’a.

15. Hubachiisa:- Waaj/Maallaqaa Aa/Gammachiis caalbaasii kanarra fooyya’aa yoo argate, YKN rakkoon addaa yoo mudate caalbaasii kana gar tokkeen ykn guutumaan. guutuutti haquu ni danda’a.

16. Odeefannoo dabalataa argachuuf God/Har/Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gammachiis Lakkoofsa bilbilaa 09 23 95 55 02/ 09 10 37 65 39 nu argachuu dandeesu.

Godina Harargee Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gammachiis