Your cart is currently empty!
Godina Harargee Lixaatti Wajjirii Maalaqaa Bu/Magaalaa Baddeessaa Waajiiroota Bu/Mag/Baddeessaa jala jiraniif meeshaalee Dhumoo fi Dhabbo,kan akka meshaalee baruu,quliquliina, Elaktironiiksii, farnicharota, gommaa konkolaataa, Uffata seeraa fi kkf caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu Dhabbattooni Ulaagaa armaan gadii guuttan akka dorgomtan affeeramtanii jirtu
Kallacha Oromiyaa(Aug 21, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Caalbaasii Lakk.01/2018
Godina Harargee Lixaatti Wajjirii Maalaqaa Bu/Magaalaa Baddeessaa Waajiiroota Bu/Mag/Baddeessaa jala jiraniif meeshaalee Dhumoo fi Dhabbo,kan akka meshaalee baruu,quliquliina, Elaktironiiksii, farnicharota, gommaa konkolaataa, Uffata seeraa fi kkf caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu Dhabbattooni Ulaagaa armaan gadii guuttan akka dorgomtan affeeramtanii jirtu.
1. Meeshaa gaafatamee qulqullinnaan Dhiyeesuf Gibira waggaa kan kafale fi Hayyama daldalaa kan haroomfatee ta’uu isaa raga dhiyeessuu kan danda’u.
2. Dorgomaan facaatii dhiiyyeesitoota keessaa galma’uu isaanii ragaa dhiyyeessuu kan danda’an ta’uu qaba
3. Dorgomatooni Taksii Dabalataa (VAT) galma’aa ta’uu isaa ragaa dhiyeessuu qaban.
4. Kabachisaa Caalbaasii qarshii 40,000.00 (kuma afurtama) CPOn Baankii seera qabeessaan mirkanaa’e Caalbaasin osoo hin banamin qabsisuu qaban.waldaaleen IMX qaama issaan gurmeeyissee irraa xalayaa wabumaa hamma qarshii gaafatameef wabii ta’u isaanii kan ibsu fidachu ni-danda’u.
5. Dorgomtoonni Sanada caalbaasii maallaqa hin deebine qarshi Qar.500.00 {dhiba shan} Abba Taayitaa Galiiwwanii galchudhaan sanadaa caalbaasii Waajjira Maallaqaa Bu/Mag/Baddeessaa irraa fudhachun (bituun) ni dand’ama.
6. Caalbaasin Guyyaa Beeksisni kun bahee irraa eegalee guyyootaa hojji 15f dorgomtootaaf bana ta’a.
7. Dorgomtoonni Sanada caalbaasii guutanii Orijinaala fi koppii tokko guyyaa beeksifnii kun bahee irraa egalee guyyootaa hojjii waliti anan 15f sanduqaa dhimaa kanaf qopha’e keessaa galchu ni dandeessan.
8. Caalbaasin guyyaa 16ffaatti sa’aa 4:00 cufamee Sa’aa 4:30tti dorgomtoonni ykn baka bu’aan (xalayaa baka bufamu issaa kan ibsuu) isaanii bakka argaman itti ni banama.
9. Dorgomtoonni ykn bakka bu’aan isaani jiraachuu baatanis caalbaasiin ni banama.
10. Baniinsi caalbaasii guyyaa hojii mootummaatiin ala yoo ta’e guyyaa hojjii mootummaa itti aanu banama.
11. Mo’ataan (Dorgoman) Meeshaalee ittin dorgomani mo’atan baassii geejibaa,Fee’insa fi busiisa offii isaaniitiin hanga kuta Qabeenyaa Wajjira Mallaqaa Bu/Mag/Baddeessaatti fiidani galii gochuu qaban. Dorgomtooni Meeshaalee barbadamu qulqullinaa fi baayyina barbadameen gutumaan guutuutti galchuu qaban.
12. Sammudni meeshaalee dorgomtootaan dhiyaatan dorgomtoota caalbaasii mo’amaniif nideebi’aaf
13. Meeshaaleen dhiyaate qulqulinna kan hin qabne yoo ta’e daldalaan(Dorgoman) baasii isatiin meeshaa jjjiru qaba
14. Waajiri yaada fooyya’aafi filatamaa yoo argate caalbasii gartokkeenis ta’e guutumaan guutuutti haquuf mirga qaba.Odeefannoo Dabalataatiif Lakk.Bilbilaa 0920445588 ykn 091239908
Waajjira Maallaqa Bul/Magaalaa Baddeessaa, Baddeessaa.