Godina Wallaggaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Boojji Coqorsaa bara baajetaa Meeshalee adadaa bituu barbaada.


Kallacha Oromiyaa(Aug 21, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Caalbaasii Bittaa Meeshaalee

Godina Wallaggaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Boojji Coqorsaa bara baajetaa 2018tti Meeshaalee Barreeffamaa fi dhumataa, Meeshalee Ijaarsaa, Gommawwan Konkolaataa fi Doqdoqqee/Motor Saayiklii/, Meeshalee Eleektirooniksii, Farniicherootaa fi Uffata Seeraa hojjettootaa caalbaasii ifaatiin wal-dorgomsiisee bituu barbaada.

Ulaagaa Barbaachisan

1. Hayyama daldaalaa hojii kanaaf barbaachisu kan bara 2018 kan haareffatan.

2. Waraqaa Ragaa dhiyeessumaa kan haara’e Qaama aangoon kennameefiin ykn qaama inni bakka buuse irraa dhiyeeffachuu kan danda’u.

3. Kabachiisa caalbaasiif IMX yoo ta’e qaama isa gurmeesse irraa waraqaa wabummaa dhiyeeffachu qaba, dorgomaa dhunfaa yoo ta’e qarshii 10,000/kuma kudhan/ CPO Baankiin mirkanaa’ee ykn Qarshii callaa dhaan dhiyeeffachu qaba.

4. Ragaa VAT fi TIN dhiyeeffachuu kan danda’u.

5. WIMX yoo ta’e Waraqaa ragaa qaama seerummaa waajjira Daldaalaa carraa hojii uumuu fi Inveestimentii irraa kennamu kan haara’e dhiyeeffachuu kan danda’u.

6. Dorgomaan sanada ittiin dorgomu kan teekinikaa Oriijinaalaa fi koppii akkasumas faayinaansii orijiinalaa fi kooppii poostaa qofa qofaan cufamee poostaa tokko keessatti saamsamee dhiyeeffachuu qaba, akkasumas Maqaa, Mallattoo fi chaappaa dhaabbatichaa,lakkoofsa bilbilaa,Fax yoo qabaate itti guutuun dhiyeessuu qaba.

7. Dorgomaan dogongoraan poostaa orijinaalaa fi kooppii wal jala yoo fuudhe ( misplacement) caalbaasiin isaa kufaa ta’e.

8. Dookumentii caalbaasii qophaa’e waajjira Maallaqaa Aanaa B/Coqorsaa irra qarshii hin deebine 200/dhibba lamaa/n bitatee galma’uu kan danda’u.

9. Caalbaasichii guyyaa inni Gaazexaa kallacha Oromiyaa irratti maxxanfamee ba’ee kaasee guyyaa hojii 15 f qilleensa irra turee gaafa guyyaa 16ffaa sa’atii 4:00 irratti cufamee gaafasuma sa’atii 4:30 irratti banama.haata’u malee guyyaan 16ffaan sanbata yoo ta’e guyyaa itti aanutti ni darba.

10. Waajjirri Filannoo biraa yoo argate caalbaasicha guutumman guututtis ta’e gartokkeen haquu ni danda’a Odeeffannoo dabalataaf Lak.Bilbilaa 0934708790 ykn 0917892344

Waajjira Maallaqaa Aanaa Boojji Coqorsaa


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *