Godina Wallagga Lixaatti Waajjirri Mallaqa Meeshaalee adaadaa kireeffachuu barbaada.


Kallacha Oromiyaa(Aug 28, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Caalbaasii ifaa

Godina Wallagga Lixaatti Waajjirri Mallaqa A/Lataa Sibuu Meeshaalee armaan gaditti tarreeffamaan dorgomsiisee bituu barbaada. Meeshaalee Barreeffama, Meeshaalee Qulqullinaa fi Dhumataa biiroo adda adda, Meeshaalee Dhaabbii, Uffata seeraa hojjetootaa, meeshaalee Elektironiksii, Meeshaalee Ijaarsa addaa adda, Meeshaalee dhaabbii naannootti hojjetaman, Gomma konkolataa, Meeshaalee ogummaa WBLTO, Maxxansa garaa garaa, afeerraa nyaataa, akkaasumaas Aanicha keessatti Mana Waajjiraf ta’u kireeffachuu barbaada.

Ulaagaalee Dorgommiif barbaachisan

-Gibira bara 2017 kaffalee Heyyama daldala bara 2018 kan haaromfame kan qabu.

-Tarreeffama dhiyeessitootaa kessatti galma’uu isaaf raga kan dhiyeeffatu

-Galma’a VAT fi lakkofsa eenyummaa kaffalaa Gibiraa yoking(TIN) qabaachuu isaaf raga kan dhiyeeffatu.

-Dorgomtoonni Ragaa teekinikaa fi dhiyeessi Gatii isaanii akkasumas fotoo koppii fi orijinaala postaa qofa qofaatti erga samsaani booda postaa arfanuu poostaa tokkon, ta’ee poostan hundi samiin ykn Gagaan samsanii dhiyeessu kan danda’an.

-Sanada caalbaasii bitachuuf qar 200.00 kan hin deebine wajjira A/T Galiiwwanii A/L/Sibuutti kaffal u kan danada’u.

-Dorgomtooti sanada dorgommii dhiyeessan irratti maqaa, teessoo, lakk, Bilbila fi mallattoo isanii barreessuu qabu,akkasuumas chappaa seeraa kan qabu ta’uqaba.

-Kabachiisa caal-baasii CPO’n mirkanaa’ee dorgommii booda kan deebi’u qarshii 10.000.00 qabsiisuu kandanda’u.

-Dorgomaan sanada caal-baasii Gatii guutuu irratti haqaa fi laaqaa godhe fudhatama kan hin qabne ta’u fi gatiin gutamu vat% dabalatee kan gutamu ta’uu isaa

-Mo’ataan dorgommichaa utuu waliigaltee hin godhin dura modela (samuda) meshaa gaafatamee dhiyeessuu kan danda’u

– Mo’ataan caal-baasichaa kabaachiisa caal-baasichaa gatii walii galaa keessaa %10 cheekii baankii ykn maallaqa calla qabsiisuu Kan danda’uu.

-Mo’aataan meeshaalee ajaajame kana keessaa osoo hin hir’isin dhiyeessuu kan danda’u.

-Meeshaalee ajajame kana geejjiba mataa isaatiin waajjira maallaqaa aanaa Lataa Sibuutti dhiyeessuu kan danda’u

-Waajirichi baayina meeshaa dabaluu ykn hir’isuu ni danda’a.

Meeshaaleen dhiyaatu akkataa moodela gaafatameen ykn orijinaala ta’uu hubattanii gatii keessan itti yaaddanii guutu qabdu.

-Guyyaa sanadi dorgommii itti dhiyaatu guyyaa 22/12/2017 hanga 08/01/2018 poostaa samsameen ta’a.

 Bakka sanadi itti dhiyaatu waajjira maallaqaa aanaa Lataa Sibuutti ta’a.

-Sanadi caal-baasii kan cufamu guyyaa gaafa 08/01/2018 waaree booddee sa’aatii 10:00 irratti ta’s

-Caal-baasin kun kan banamu guyyaa gaafa 09/01/2018 ganama sa’aatii 3:00 irratti ta’a. bakka dorgomtoonnii ykn bakka bu’ootni seeraa bakka argamanitii ta’a, yo argamuu baatan garuu bakka isaan hin jirreetti kan banamu ta’uu isaa isin beeksifna.

Hubachlisa:-Waajjirichi caal-baasii kana yoo filannoo biraa argate gutummattii ykn gar tokkee isan haquaf mirga qaba.

Waajjirri Mallaga A/ Lataa Sibuu