Your cart is currently empty!
Godina Wallaggaa Lixaatti Aanaa Begii Meeshaalee adaadaa bittuu barbaada.
Kallacha Oromiyaa(Aug 28, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Caalbaasii
Caalbaasii Bittaa Meeshaalee Bara 2018
Godina Wallaggaa Lixaatti Aanaa Begii Bara Baajetaa 2018tti Waajjiroolee Mootummaa Aanichaa keessa jiraniif caalbaasii ifaan dorgomsiisee Meeshaalee Dhumaatoo Biiroo, Meeshaalee Barreefamaa, Meeshaalee Dhumatoo Barnootaa, Meeshaalee Qulqullin, Meeshaalee Leenjii Teekinikaa ogummaa,Uffata Seeraa Gommaa Konkolaataa, Meeshaalee Ijaarsaa, Meeshaalee Dhaabbatoo, Meeshaalee Elektirooniksii,Fanicheerii fi Motorsaayikiloota dorgomsiisee bittuu barbaada.
Ulaagaalee caalbaasii dorgomichaaf barbaachisu
1.Hayyama daldalaa hara’ee kan qabu.
2.Ragaa gibira bara kanatti kan itti kaffalame kan dhiyeessuu.
3.Galmaa’aa VAT ta’uu isaaniif ragaa kan dhiyeessuu.
4.Lakkoofsa eenyummaa kaffaltii gibira/lakkoofsa TIN) kan qabu.
5.Galmee dhiyeessitoota meeshaalee irratti galmaa’ee jiraachuu isaatiif raga kan diyyeefatu.
6.Kabaachisa caal- baasiitiif dhibantaa 2% (Dhibbantaa lama) CPO Baankiin mirkanaa’e qabsiisuuf qaba.
7.Waan gurguratu irraa 2% (dhibbantaa lama) Mootummaaf kaffaluuf fedha ,kan qabu.
8.Poostaa fi sanada caal-baasii irratti chaappaa dhaabbaticha daldalaa irraa jiraatee samsaamee dhiyaachuu qaba.
9. Dorgommiin adeemsifame erga raawwtamee booda mo’atan guyyaa (10) hin caale keessatti waajiraa wajjiin walii galtee mallatteessuu qaba.
10. Mo’ataan guyyoota 10 kan hin caalee keessatti dhiyaatee waadaa yoo mallatteessuu baatee kabaachisaa walii galtee kan dhaalamu ta’a.
11. Meeshaalee gaafatamaan hunda dhiyeessuu isaa irraa jiraata. waajjirraa Maallaqaa Aanaa Begiitti
12. Sanada Caal-baasii haqamaa fi laqamaa qabu dhiyeessuun hin danda’amu.
13. Ragaawwaan barbaadaman hundinuu Orijinaala fi fottoo koppii dhiyaachuu qaba.
14. Iddoon sanadni caal-baasii itti gurguramu waajjirraa maallaqaa Aanaa Begii kutaa bittaa Lakk 07 ta’a.
15. Yeroon sanadni caal-baasii itti gurguramu guyyaa beeksifni kun gazeexaan ba’ce irra eegaalee guyyaa hojii mootummaa ta’uun qarshiin 300 (Dhibba sadii) kaffaluun bitaachuun ni danda’uu.
16. Sanadii Caal-baasii kun kan cuufamu guyyaa 05/13/2013 sa’aatii 11:30 irratti ta’a.
17. Sanadii caal- baasii kan banamu guyyaa itti aanuu 03/01/2018 sa’aatii 3:00 dorgomaan ykn bakka bu’an seeraa jiruutti geeggeffamaa guyyaan baninsa sanbataa irraa yoo oolee guyyaa itti aanuu ta’a.
18. Dorgomaan ykn bakka bu’an seeraa yoo argamu baatee baninsaa poostaa hin guufachisuu
19. Sanadii caal-baasii erga cufamee booda sanadii dhiyaatu fudhatama hin qabu. Hubaachiisa:- Waajjirrichi filannoo bira yoo argate guutummaa guutuutti ykn walakaan isaa haquf mirgaa qaba.
Dorgomaan bira irratti hunda’udhaan gatii dhiyeessuun hin danda’amu. Odeeffannoon dabalata. Lakk. Bilbilaa 0917181225, 0917088803 ykn 0912682560
Waajjirraa Maallaqaa Aanaa Begii