Beeksisa Caalbaasii


Addis Zemen(Aug 30, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

ግልጽ ጨረታ ማስታወቂያ

Waajjirri Maallaqaa Go/Sh/Bahaa Bara Baajataa 2018 tti Seektaroota baajaani isaanii isa jalatti bulaniif Kan Tajaajilu-

  1. Meeshaalee Barreeffamaa fi Dhumeeyyii Biiroo
  2. Meeshaalee Elektrooniksii
  3. Meeshaalee dhaabbii /Furniture/
  4. Meeshaalee Quiqullinaa
  5. Gommaa Konkolaataa fi Motorsaaykilootaa
  6. Uffata Seeraa Hojjettota Mootummmaa fi Meeshaalee hojii caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Haaluma kanaan dorgomtoonni ulaagaa armaan gadii guutuu danda’an akka dorgoman ni afeera.

1. Dorgomtoonni Heyyama Hojii daldalaa haaromfame kan qaban/haarawa kan baafatanii fi ragaa kan dhiycessan ta’uu qabu.

2. Dorgomtoonni Galmaa’aa TIN kan ta’anii fi kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaa /VAT/ galmaa’aa kan ta’an Kanaafiis Ragaa dhiyeessuu qabu.

3. Dorgomtoonni Weeb-saayitii Galmee dhiyeesummaa Biiroo maallaqaa Federala irratti kan galmaa’anii fi yeroo ammaa weeb-saayitii irratti galma’aa ta’uu isaanii kan ibsu ragaa koppii isaa qabsiisuu kan danda’an ykn Biiroo Maallaqaa Naannooleetti Galmee dhiycessitootaa irratti kan galmaa’an ta’ee, kanaafis ragaa dhiyeeffachuu qabu

4. Dorgomtoonni ispeesifikeeshinii meeshaalee ittin dorgoman guutuumaan guututti sirritti beekuu qabu.

5. Dorgomtoonni caalbaasichi erga banameen booda sanada caalbaasii irratti jijjiirama ykn fooyya’iinsa gochuu ykn caalbaasii keessaa bahuu kan hin dandeenye ta’uu beekuu qabu.

6.Dorgomtoonni Meeshaaleen Bitaman haala ispeesifkeeshinii kennameefin guutee yoo dhiyeessuu baatee fi dogongorri kamiiyyuu yoo uumame itti gaafatamummaan kan dhaabbata dhiycessichaa /dorgomaa/ ta’uu beckuu qabu.

7. Dorgoman kamiiyyuu gatii baaqqee/tokkoo’ dhiyeessuu qaba.

8. Dorgomtoonni kamiyyuu gatii itiin dorgoman sanada caal-baasii Waajjirri Maallaqaa Go/Sh/Bahaa qopheesse irratti guutuu qabu.

9. Dorgomtoonni Sanada Caalbaasii irratti Sirreeffama, Haqamaa fi Laaqama taasisuu hin qaban.

10. Dorgomtoonni meeshaalee ittin moo’ataa ta’an geejjiba mataa isaanii fi baasii isaanitiin fe’anii dhiyeessudhaaf, waajjiricha waliin waliigaltee mallatteessuu qabu.

11. Dorgomaan kamiiyyuu caal-baasicha irratti hirmaachuuf, kabachiisa caal-baasii: Meeshaalee Barreeffamaa fi Dhumeeyyii, meeshaalee Qulqullinaa, fi Uffata Seeraa Hojjettota Mootummmaa fi Meeshaalee hojii lootii lootidhaan addatti CPO Qarshii 20,000 (kuma Diigdama) qabsiisuu qabu. Kana malees, Meeshaalee Elektirooniksii, Meeshaalee dhaabbii/Furniture/ fi Gommaa Konkolaataa fi Motorsaaykilootaa lootii lootidhaan addatti CPO Qar. 30,000 (kuma Soddoma) qabsiisuu qaba. Haa ta’u malee, Dorgomicha kan hin mo’anne ykn osoo hin darbin hafaan yoo ta’e, mo’achuu dhabuun isaanii erga mirkanaa’ee CPO kabachiisa caal- baasiidhaaf qabsiisan yeruma sanitti kan deebi’uuf ta’a.

12. Dorgomaan kamiiyyuu sanada caal-baasii irratti gatiin dhiyeesse ji’a Sadiif (3) tiif ragga’ee kan turu ta’ee jijjiiramni gatii kan godhamu ji’a sadiin booda bu’aa qorannoo gabaa ykn gatii dorgomtoonni dhiyeessan irratti hundaa’ee kan taasifamu ta’a.

13. Dorgomaan calbaasicha dorgomee moo’ate mana hojii waliin waliigaltee kan mallatteessuu ta’uu isaa beekuu qaba.

14. Dorgomaan caal-baasicha mo’ate waliigaltee erga seenee booda guyyoota hojii walitti aanaan 10(kudhan) keessatti meeshaalee galii gochuun irraa kan eeggamu yoo ta’u guyyaa jedhame keessatti yoo galchuu baatee walii galtee kennaan qajeelfama bittaa MootummaaNaannoo Oromiyaa lakk 02/2004 fi FA 1/2009 akkaataa labsii Bittaa fi Bul/Qabeenyaa lakkofsa 157/2002 tiin tarkaanfin kan fudhatamu ta’uu isaa beekuu qabu.

15. Dorgomtoonni caalbaasicha gufachiisuuf yaalan caalbaasiin ala kan ta’an ta’ee, qajeelfama bittaa Mootummaa 02/2004 fi akkaataa labsii lakkofsa 157/2002 tiin kan gaafataman ta’uu isaa beekuu qabu.

16. Dorgomtoonni meeshaalee dhiyeessan guutumaan guututti orijinaala ta’uu qabu.

17. Dorgomaan kamiyyuu ispesifikeshinii meeshaalee gatii kennee ittin injifateen ala filannoo biraa dhiyeessun hin danda’amu.

18. Dorgomtoonni Baay’ina meeshaalee barbaadamu kan isin beeksifnu gatiin Caal-baasi ittiin moo’atame erga adda bahee booda ta’au beskan qabu

19 Dorgomtoonni Sanada caal-baasii ittin dorgoman maallaga hin dechine Qar. 200 (dhibba lama) kaffaluun beeksifni Gaazexas Addis Zamaniin guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kadha shan) walitti aansudhaan sanada caal-baasi Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Bahas biiroo lakkoofsa 15 ti dhiyaachuun bitachuu ni danda’s

20. Dorgomaan kamiiyyuu poostaa sanada caal-baasii itin saamsamee dhiyaatu irratti maqaa dhaabbata isaa fi teessoo isaa qiza siriin itsee chaappaa dhaabbatichaa itti dhahuun sanada caal-baasiii irrattii mallatteessee chappaa itti dhahuudhaan sanada caal-baasii Orijinala fi kooppii adda addattí poostaan saamsudhaan dhiyeessun qaba.

21 Sanadni caal-baasii beeksifni Gaazexaa Addis Zamaniin guyyaa babe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) walitti aansudhaan sa’ati 2:30 hanga 11:30 tti gurguramuun dorgomtoonni sanadni caal-baasi guyyaa beeksifni caal-baasichaa bahee irraa eegale hanga guyyaa hojii guyyaa 16 ffaa (guyyaa kudha jahaffa) hanga sa’a 6:00 tti saanduga caal-baasichaaf qophaa’e keessa galchuun guyyuma kana sa’a 6:00 tti saamsamee sa’a 8:30 tti iddoo dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni caal- baasicha irratti hirmaachuu barbaadan argamanitti banama.

22.Dorgomtoonni Manni hojii bittaa meeshaa raawwata dorgomaa moo’ataa ta’ee filatame waliin waliigaltee mallatteessuun dura gatii ittiin moo’ate osoo hin jijjiirin baay’ina dhiyeessii ajaja itti kennu irraa %20 hir’isuu ykn dabaluu akka danda’u beekuu qabu

23. Dorgomaan caal-baasiicha mo’achuun erga beekamee meesshaalee gatii walii galaa irraa Waajjirichatti kabachiisa walii-galtee % 10 CPO qabsiisuu qaba.

24. Dorgomaan kamiiyyuu meeshaalee ittin dorgomu Meeshaalee Barreeffamaa fi Dhumeeyyii, Meeshaalee Qulqullinaa fi Uffata Seeraa sanadni caal-baasii Hojjettoota Mootummaa fi meeshaalee hojii osoo hin banamin samuudaa qaamaan dhiyeessuu qabu. Kana malees, Meeshaalee Elektirooniksii fi Meeshaalee dhaabbii /Furniture/ samuudaa qaamaan ykn fakkiidhan (Footoodhaan) Ispesifikeshiniitin karaa ifa ta’een deeggaramee caal-baasichi osoo hin banamin samuudaa poostaan saamsamee maqaa fi teessoo qixa sirriin chaappaa itti godhee dhiyeessa qaba.

25. Dorgomaan Kamiiyyuu qajeelfama waajjirichi baasu irratti dirqama isaa bahuu qaba.

26. Haaluma armaan olitti ibsameen dorgomtoonni dirqama caal-baasichaa bahachuu yoo baatanii fi walii galtee seenaan seeran yoo raawwachuu baataan kabachiisa caal-baasichaa fi kabachiisa walii galtee qabsiisan dhalamanii wajjirichaaf galii ta’ee qajeelfama bittaa Mootummaa lakk. 02/2004 fi FA 1/2009 fi akkaataa labsii lakkofsa 157/2002 tiin waajirichi tarkaanffii kan fudhatu ta’uu isaa beekuu qabu.

27. Dorgomaan kamiyyuu sanada caal-baasii irratti ibsa sirrceffama, yaada fi gaaffi yoo qabaate sanadni caal-baasii osoo hin banamin guyyaa 5(shan) dura waajjirichaaf dhiyeessuu qaba. Kana malees, waajjirichis sanada caal-baasii irratti sirreeffama ykn yaadni fooya’insaa yoo jiraate sanadni caalbaasii osoo hin banamin guyyaa 5(shan) dura dorgomtoota kan beeksisuu ta’uu beekuu qabu. Haa ta’u malee guyyaa jedhame kana booda sirreeffamni taasifamu, yaadas ta’ee gaaffiin dhiyaatu fudhatama kan hin qabne ta’uu beekamuu qaba.

28. Waajjirri Maallaqa Godina Shawaa Bahaa filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutumaa guututti haquudhaaf mirgi isaa kan eegame ta’uun isaa beekamuu qaba.

Hubachisaa-

  • Dhaabbanni dorgomu kamiiyyuu ulaagaa ittin dorgoman guutumaa guututti qixa sirriin mirkaneeffatee hubachuu qaba. Yoo kana ta’uu baate dogongora uumamu kamiifiyyuu sirreeffamni kan hin godhamne ta’uu ibsina.
  • Dorgomtoonni Gatiin dhiyyeesaan VAT duraa ta’uu isaa fi VAT bodaa ta’uu isaa ifattii sanada caal baasii gatiin irratii dhiyyaturu irratii ibsuu gabu
  • Teessoon:- Magaalaa Adaamaa Mana Marii Daldalas Fuuldura
  • Lakkofsa Bilbilaa +251 22 211 4336 Bilbilanii dubbisuun ni dandeessu

Bulchiinsa Motummaa N.Oromiyaatti Wajjira Maallaqaa Go/Shawaa Bahaa