Godina Boorana Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dhaas bara baajataa 2018tiif dhaabbii,elektirooniksi, faarniicharii, gommaa meeshaalee baarreeffamaa, konkolaataa kan biiroo bituu waan barbaaduuf dorgomtoonni ulaagaalee armaan gadii guuttan akka dorgomtan affeeramtaniittu


BARRIISAA(Aug 30, 2025)

Beeksisa Caalbaasii

Godina Boorana Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dhaas bara baajataa 2018tiif dhaabbii,elektirooniksi, faarniicharii, gommaa  meeshaalee baarreeffamaa, konkolaataa kan biiroo bituu waan barbaaduuf dorgomtoonni ulaagaalee armaan gadii guuttan akka dorgomtan affeeramtaniittu.

Ulaagaalee dorgomtootaand toolbes

  1. Dorgomtoonni damee hojii dhiyeessii meeshaalee kana irratti gurmaa’aniifi raga hayyama daldalaa bara 2018 haroomsifamee kan qaban.urbanisedbom
  2. Dorgomtoonni galmaa’aa VAT ta’uu isaanii ragaa dhiyeeffachuu qabu.
  3. Dorgomtoonni tarree dhiyeessitootaa keessatti galmaa’aa ta’uu isaaniitiif raga dhiyeeffachuu qabu.
  4. Dorgomtoonni xalayaa gibiraa bara 2017 kaffaluu isaanii Waajjira A/T/G gibira saassabu irraa dhiyeeffachuu qabu. 
  5. Waldaaleen IMX kabachiisa caalbaasiitiif akka wabummaatti xalayaa Waajjira IMX Bulchiinsa Magaalaa ykn Bulchiinsa Aanaa irraa fidachuu kan danda’u ta’uu ykn dorgomtoonni dhuunfaan dorgoman yoo jiraatan kabachiisa caalbaassii Qarshii 5000 ykn CPO Baankii Daldala Itiyoophiyaatti qabsiisuu qabu.
  6. Dorgomtoonni hojii armaan dura hojjattamaniif qulqullinnaan hojjachuu isaanitiifi adabbii bittaa irraa bilisa ta’uu isaanii ragaa dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu qabu.
  7. Dorgomtoonni xalayaa waldhabbii dhuunfaa irraa bilisa ta’uu kan ibsu dhiyeeffachuu qabu.
  8. Gatiin dorgomtoonni dhiyeessan haala qabatama gabaa naannootiin walmadaaluu qaba.
  9. Baay’inni meeshaalee dhiyaatuu paarsantii 20% dabaluus ta’e hir’achuu ni danda’a.
  10. Dorgomtoonni ulaagaa taa’e kana guutaniifi qulqullina meeshaa gaafatame kana eeguudhaan gatii gadi aanaa dhiyeeffatan kan mo’atan ta’u.
  11. Dorgomtoonni sanada yaadaa dorgommii dhiyeessan irratti maqaa, teessoo, mallattoo isaanii barreessuu qabu.
  12. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha guutumaan guututtii ta’ee gartokkeen haquuf mirga guutuu qaba.

Odeeffannoo dabalataaf lakkoofsa bilbilaa 09 31 45 11 44 fi 09 13 45 98 35 bilbiluu dandeessu.

Godina Boorana Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Dhaas


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *