Magaalaa Shaggar kutaa M/Sabbataatti W/Maallaqaa A/Meettaa baajata bara 2018tiin Waajjiroolee Aanichaaf Meeshaalee barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektirooniksii, Meeshaalee waajjira keessaa, Gommaa Konkolaataa, Meeshaalee Farniicheraa, Uffata seeraa bituu barbaada


Addis Zemen(Sep 02, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Beekisisa Caal-baasii

Magaalaa Shaggar kutaa M/Sabbataatti W/Maallaqaa A/Meettaa baajata bara 2018tiin Waajjiroolee Aanichaaf

1. Meeshaalee barreeffamaa

2. Meeshaalee Qulqullinaa

3. Meeshaalee Elektirooniksii

4. Meeshaalee waajjira keessaa

5. Gommaa Konkolaataa

6. Meeshaalee Farniicheraa

7. Uffata seeraa

Ulaagaalee guutamuu qaban

1. Facaatii dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa’an.

2. Gibira baraa kaffalanii hayyama hojii bara 2018 tti Kan haareffatan qofa.

3. Galma’aa dabalata taaksii (VAT) fi Kaffalaa gibiraa /TIN/ ta’uu isaaniif ragaa dhiyeessuu kan danda’an

4. Maallaqa baankiin mirkanaa’e /CPO/ hanga qarshii 10,000 tti qabsiisuu kan danda’u; ta’ee qaamaa kamirraayyuu bakka CPO deggersi barreefamaa dhiyaatu fudhatama kan hin qabne ta’ee; Ragaan CPOdhiyaatu poostaa tekinikaa oriijinaalaa waliin dhiyaachuu qaba.

5.Ragaan Tekinikaa oriijinaalaa fi koppiin poostaa adda addaatiin gagaadhaan saamsamee poostaa tokko keessatti ammas gagaan saamsamee dhiyaachuu qaba.

6. Ragaan Faayinaansii oriijinaalaa fi koppiin poostaa adda addaatiin gagaadhaan saamsamee poostaa tokko keessatti ammas gagaan saamsamee dhiyaachuu qaba.

7. Poostaan dhiyaatu hundi Maqaa dorgomaa, Teessoo/Adress/,Chaappaa, Mallattoo dorgomaa lakkoofsa bilbilaa fi waan irratti dorgomu adda baasee fuula hunda poostichaa irratti dhiyeessuu qaba.

8. Meeshaalee qulqullina qabu dhiyeessuu Kan danda’an.

9. Meeshaalee kana hanga mana kuusaa Waajjirichaatti kan dhiyeessan.

10. Gatiin ittiin dorgomamuuf sanada irratti guuttan haqaa fi laaqaa qabaatee jennaan ragichi fudhatma qabaachuu hin danda’u.

11. Guyyaa beeksisi kun maxxanfamee kaasee hanga guyvoota 15(kudha shan) tti poostaa saamsamee. W/Maallaqaa A/Meettaa tti kan dhiyeeffatu.

12. Sanada caal-baasii dorgomaan W/Maallaqaa A/Meettaa dhufee qarshii hin deebinee qar.200 (dhibba lama qofa) kaffaluun bitachuu qabu.

13. Dorgomaan dhiyaatuu bara 2017tti dhiyeessii raawwate irratti dhiyeessicha Yeroo fi qulqullinaan dhiyeessuu isaa qaama dhiyeesseef irraa waraqaa qulqullinaa dhiyeeffachuu qaba.

14. Caal-baasiin Kun qilleensarrakan turu Guyyoota hojii 15(Kudha Shan) guyyya 27/12/2017 irraa eegalee.hanga guyyaa 12/01/2018 sa’atii 8:00 irratti cufama

15. Guyyaa caal-baasiin kun banamu gaafa13/1/2018 saatii 8:00 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu’onni jiraniitti kan banamu;ta’e bakka bu’aan xalayaaa seera qabeesaa qaama: bakka buusee irraa dhiyeefachuu qaba.

16. Waajjirichi haala mijataa yoo argate Caal-baasicha gar- okkees ta’ee; guuttumaan guututti haquul mirga guutuu qaba.

17. Odeefannoo dabalataaf lakk. Bilbilaa moobaayilii 0915943920 ykn 0968149765 tiin gaafachuu ni dandeessu.

Magaalaa Shaggar kutaa M/Sabbataatti W/Maallaqaa A/Meettaa