Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Horroo tif bara 2018 Sekteroota Aanaa Horroo jala jiraniif Meeshaalee barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Biiroo keessaa, Elektroonikisii, Farnicharoota, Uffata seeraa Hojjettootaa, Gommaa, Kallamaderii Daldaltoota Hayyama seera qabeessa qaban wal- dorgomsiisee Caal-baasii ifaatiin bituu barbaada


Kallacha Oromiyaa(Sep 04, 2025)

ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ። Please read the detailed instructions below. 

Caalbaasii Ifaa Lakk 15/1/2018

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Horroo tif bara 2018 Sekteroota Aanaa Horroo jala jiraniif:- Meeshaalee barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa,Meeshaalee Biiroo keessaa, Elektroonikisii, Farnicharoota, Uffata seeraa Hojjettootaa, Gommaa, Kallamaderii Daldaltoota Hayyama seera qabeessa qaban wal- dorgomsiisee Caal-baasii ifaatiin bituu barbaada.

1. Heyyama daldalaa seera qabeessa kan qabaniif Gibira bara 2017/2018 xalayaa caal-baasii irraatti hirmachuu danda’aan (Tax Cleaners) waajjira Galiiwwaan irraa dhiyeeffachuu kan danda’uu ta’uu qabu.

2. Galmaa’ota Taaksii Dabalata Qabeenyaa (VAT),Galmee kaffalaa Gibiraa (TIN Number) Waraqaa Galmee ragaa daldalaa kan qabaniif raga kan dhiyeeffachuu danda’an.

3. Galmee dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa’anii raga dhiyeeffachuu kan danda’aan fi bittaa isaa 20,000 (Qarshii kuma digdamaa) oli ta’eef 3% (with holding) kaffaluuf fedhii kan qabu.

4. Waajjirichi akka barbaachisummaa isaatti meeshaalee bitu hanga 20% dabalee ykn hir’isee kan bitu ta’uu isaa beekee kan dorgomu.

5. Dorgomtootni sanadaa caal-baasicha waajjira Galiwwaan Aanaa Horrootti Qarshii hin deebinee 500.00(dhibba Shaan) kaffaluun Sanadaa caal-baasii Waajjira Mallaqaa Aana Horroo irraa fudhachuu dandessu.

6. Beeksifni kun guyyaa ba’ee irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) Keessaati sa’a hojii mootummaatti 2:30-6:30 tti akkasumaas sa’a booda 7:30-11:30 ta’ee gaafa guyyaa hojii 15 Godina Horroo Gudurruu Wallaggaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Horrootti sanada caal-baasii dhiyeessa gatii keessaan poostaa samii qabu kan cuqalameen ykn samsameen orijjinala fi koppii isaa sanduqaa caal-baasii mana hojii keenyaan qophaa’e keessaa galchuu qabdu.

7. Sanduuqni caalbaasichaa guyyoota hojii 15 (kudha shan) banaa ta’ee turuun gaafumaa guyyaa kana sa’a 11:00 irratti cufamee guyyumaa kan 11:30 irraatti bakka dorgomtootni ykn bakka bu’ooni sirna baniinsa caal-baasicha irraatti hirmatanii xalayaa bakka bu’iinsa seera qabessa ta’ee qabatanii argamanitti Waajjira Mallaqaa Aanaa Horroo tti banama.

8. Dorgomtootni kamiyyuu Kabachiisa Wabummaa caalbaasicha qarshii 150,000 (kuma dhibbas tokkoo fi kuma shantama) CPO baankiin mirkanaa’ee maqaa waajjirrichan qabsisuu qaba akkasumas dorgomaan mo’ate gosa meeshaa mo’ate irraatti mana hojiichaa waliin waliigaltee kan mallatteessuu fi meeshaa mo’ate irratti ida’ama waliigalaa keessa dhibbantaa (%10) CPO qabsiisuu dirqama qaba.

9. Dorgomtootni caal-baasicha mo’atan hundii gosa meeshaa walii galtee raawwatan hundaa baasil mataa isaaniin waajjira Maallaqaa Aanaa Horrootti dhiyeessuun galii gochuu qabu.

10. Waajjirichi karaa fooyya’aa yoo argatee guutummaa guutuutti ykn gar-tokkeen haquuf mirgaa qaba.

Bakka Itti Argamuu;- Oddeeffannoo dabalataaf. Lakk. Bilbilaa 09-10-33-86-39 ykn 09- 10-04-34-06 Godina Horroo Gudurruu Wallaggaattil

Waajjira Maallaqaa Aanaa Horroo