Godina Qellem Wallaggaatti Waajjirii Maallaqaa Aanaa Sadii Caanqaa bara bajataa 2018tti Meeshaalee Elektrooniksii, Meeshaalee Farniicheraa, Meeshaalee barreeffamaa , Meeshaalee Barnootaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhumataa Biiroo keessaa, Meeshalee Dhaabbii, Gommaa konkolaata fi Uffannaa seeraa hojjetootaa Daldaaltota heyyema seera qabeessa ta’e qaban wal dorgoomsiisee dhiyeessuu barbaada


Kallacha Oromiyaa(Sep 04, 2025)

ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ። Please read the detailed instructions below. 

Caalbaasii Ifaa

Godina Qellem Wallaggaatti Waajjirii Maallaqaa Aanaa Sadii Caanqaa bara bajataa 2018tti Meeshaalee Elektrooniksii, Meeshaalee Farniicheraa, Meeshaalee barreeffamaa , Meeshaalee Barnootaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhumataa Biiroo keessaa, Meeshalee Dhaabbii, Gommaa konkolaata fi Uffannaa seeraa hojjetootaa Daldaaltota heyyema seera qabeessa ta’e qaban wal dorgoomsiisee dhiyeessuu barbaada.

Ulaagaa caalbaasii

1. Gibira hojii bara 2017 kaffalee heyyema hojii bara 2018 kan haareffate heyyema haara’a kan qabu.

2. Galmaa’aa VAT ta’uu isaa Waraqaa raga federaalaa ykn A/T/Galiiwwanii irraa kan dhiyeeffatu..

3. Lakk. Eenyummeessa kaffalaa gibiraa (TIN) kan qabu.

4. Tarreeffama dhiyeessitootaa keessa jiraachuu isaaf raga kan qabu.

5. Adabbii bittaa irraa walaba akka ta’e ragaa kan dhiyeeffatu.

6. Sanada Caalbaasii qarshii hin deebine qar.300(dhibba sadii) Lakk.ACC. 1000213390582 CBE irratti galchuun nagaa waajjira Galiiwwanii A/S/Canqaatti jijjiirachuun kan dhiyeeffachuun bitachuu kan danda’u

7. Kabachiisa Caalbaasii erga gatiin caalbaasii ragga’ee kan deebi’u Qarshii 5000(kuma shan) qabsiisuu danda’u.

8. Mo’ataan Caalbaasichaa Kabachiisa Walii galtee qarshii 20,000(kuma digdama) Lakk.ACC. 1000213390582 CBE irratti galchuun silippi bankii dhiyeessee Walii galtee mallatteessuu kan danda’u.

9. Mo’ataan meeshaalee gaafatame kaffaltii dursaa malee baajata mataa isaan dhiyeessee galii ta’ee /galii godhee booda qarshiin isaa kan kaffalamuuf ta’a.

10. Mo’ataan caalbaasichaa meeshaalee ajajame guyyaa ajajame irraa eegalee guyyoota 5-10 giddutti dhiyeessuu kan danda’u.

11. Sanadoota dorgommiif barbaachisan Orijinaalaa fi koppii Poostaa adda addaa keessa gochuun orijinaalli isa kam, koppiin isa kam akka ta’e adda baasee saamsuun laachuu isaa poostaa guddaa tokko keessatti Saamiin saamsee dhiyeeffachuu kan danda’u.

12. Dugda duubii poostaa hundi isaa iyyuu Maqaa dorgomaa, Teessoo dorgomaa, Mallattoo dorgomaa, Chaappaa dorgoamaa fi lakk. Bilbilaa dorgomaa qabaachuu qaba.

13. Yeroo galmee caalbaasii Hagayyaa 29/12/2017 hanga Fulbaana 12/01/2018 sa’aatii 10:00irratti kan geggeeffamu ta’a.

14. Bakki galmee Waajjira Maallaqaa A/S/Canqaa kutaa lakk. 9tti ta’a.

15. Yeroon Cufiinsa Saanduqa Caalbaasii Fulbaana 12/01/2018 Saa’atii 10:30am tti ta’s

16. Guyyaan caalbaasiin itti banamu Fulbaana 15/01/2018 bakka dorgomaa/Bakka bu’aan dorgomaa seera qabeessa ta’e argametti Sa’aatii 4:00 am irratti ta’ee, bakki Kutas Bittaa fi Bulchiinsa qabeenyaa Waajjirichaa lakk. 9 ffaatti. ta’a.

17. Bakki Wal harkaa fuudhiinsa Mana kuusaa Waajjira maallaqaa A/S/Canqaatti ta’a

Hubachiisa Waajirichi Filannoo Biroo yoo argate Caalbaasicha gar-tokkeen ykn Guutummaatti haquu ni danda’a

Odeeffannoo dabalataaf : +251917583414

Waajjira Maallagan Aanaa Sadii Caangaa.