Godina Qellem Wallaggaatti Waajjirri Maallaqaa Bul/Magaalaa D/Dolloo Sekteraalee Magaalichaaf kan oolan bara baajataa 2018tti Meeshaalee Barreeffamaa, Qulqullinaa fi Meeshaalee Biiroo keessaa, Meeshaale Elektirooniksii, Meeshaalee Farniicharii, Uffata Seeraa Hojjettootaa fi Gommaa Konkolaataa tajaajila sekteraalee Magaalichaaf kan oolu dhiyeessitoota Seera Qabeessa ta’an Caalbaasii ifaan wal dorgomsiisee irraa bituu barbaada


Kallacha Oromiyaa(Sep 04, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Caalbaasii

Godina Qellem Wallaggaatti Waajjirri Maallaqaa Bul/Magaalaa D/Dolloo Sekteraalee Magaalichaaf kan oolan bara baajataa 2018tti Meeshaalee Barreeffamaa, Qulqullinaa fi Meeshaalee Biiroo keessaa, Meeshaale Elektirooniksii, Meeshaalee Farniicharii, Uffata Seeraa Hojjettootaa fi Gommaa Konkolaataa tajaajila sekteraalee Magaalichaaf kan oolu dhiyeessitoota Seera Qabeessa ta’an Caalbaasii ifaan wal dorgomsiisee irraa bituu barbaada

Haaluma kanaan dhiyeesitootni ulaagaa armaan gadiitti tarreeffaman guutuu kan danda’an dorgomuu ni danda’a.

1. Gibiraa Bara 2017 kaffalee Hayyama hojii Bara 2018 kan haaromsatee fi koppii isaa kan dhiyeessuu danda’u.

2. Koppii Waraqaa Ragaa Galma’aa VAT fi Lakk.TIN qabachuu isaa ibsuu kan dhiyeeffachuu danda’u.

3. Koppii Waraqaa ragaa dhiyeessummaa qaama Seera qabeessa irraa kennameef kan dhiyeessuu

4. Waraqaa Adabbii bittaa Mootummaa irraa bilisa ta’uu isaa ibsuu kan dhiyeeffachuu danda’u.

5. Sanada Caalbaasii Qar. 500.00 (Dhibba Shan) W/Galiiwwanii/B/M/D/Dollootti kaffaluudhaan bitachuun Nagahee isaa Poosta waliin dhiyeessuu kan danda’u.

6. Kabachiisa Caal baasii yeroo Sanada Caalbaasii galchuu Qarshii 4,000.00 (Kuma afur) CPO Baankii Qabsiisuun Poostaan saamsuun ykn IMX yoo ta’e Xalayaa Deggersaa kallattiin Waajjira Keenyaaf Barraa’e kan dhiyeessu.

7. Meeshaalee dhiyaachuu qaban hunda W/ra Maallaqa Bul.M.D.Dolloo tti geejjibsiisee waajjirichatti galchuu qaba.

8. Dorgomaan meeshaalee Sanada Caalbaasii irratti Gaafataman hunda isaa gatii isaa guutuun deebisuun ni dirqamama

9. Dorgomaan Ragaa barbaachisuu Sanada Faayinaansii Orjinaala Tokkoo(1) fi Koppii Tokko(1) akkasumas Sanada Teekinikaa Orijinaala Tokkoo(1) fi Koppii Tokko(1) Poostaa Kaakii addaa addaan saamsamee arfan isaa immoo poostaa Kaakii guddaa tokko keessatti saamsuun waajjira Maallaqaa Bul/M/D/Dolloo kutaa Bittaa Lakk. 4 tti Saanduqaa Caalbaasii kanaaf ka’ameetti galchuu qaba.

10. Guyyaa Galmee Gaafa Guyyaa 29/12/2017 hanga 23/01/2018tti sa’a hojii Mootummaatti ta’a.

11. Guyyaa Poostan dorgomtoota itti dhiyaatu Gaafa Guyyaa 26/01/2017 Waaree dura Sa’aatii 02:30 hanga sa’atii 03:30tti ta’ee, Gafuma Guyyaa 26/01/2017 Sa’atii 4:00 irratti W/ra Maallaqa B/M/D/Dollootti Kutaa A/Bittaatti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni Seeraa jiranitti Koree Caalbaasiin Saaqama.

12. Waajjirichi filannoo adda biraa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeenis ta’e ykn guutummaan guutuutti haquu danda’a

Odecfannoo dabalataa kan barbaaddaniif Lakk. Bilbilaa Waajjirichaa kan ta’e 057 555 1661 ykn bilbiluun 0575550715

 Waajjirri Maallaqaa Bul/Magaalaa Dolloo