Hospitaalli Waliigalaa Tulluu Boolloo bara baajataa 2018tti uffannaa seeraa, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa fi dhumataa adda addaa, maxxansaalee, gommaa konkolaataa fi meeshaalee haaromsa jenereetaraa, meeshaalee haaromsa sarara bishaanii, ibsaaf oolan, meeshaalee elektirooniksii, meeshaalee dhaabbii biiroo, qorichoota fi ree’ijantii laaboraatorii fi meeshaalee yaalaa xixiqqaa adda addaa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu waan barbaaduuf dorgomtootni ulaagaalee armaan gaditti tarreeffame guuttan caalbaasicha irratti akka hirmaattan isin beeksifna


Addis Zemen(Sep 04, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Beeksisa  Caalbaasii Ifaa

Lakkoofsa Caalba Caalbaasii 01/2018

Hospitaalli Waliigalaa Tulluu Boolloo bara baajataa 2018tti uffannaa  seeraa, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa fi dhumataa adda addaa, maxxansaalee, gommaa konkolaataa fi meeshaalee haaromsa jenereetaraa, meeshaalee haaromsa sarara bishaanii, ibsaaf oolan, meeshaalee elektirooniksii, meeshaalee dhaabbii biiroo, qorichoota fi ree’ijantii laaboraatorii fi meeshaalee yaalaa xixiqqaa adda addaa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu waan barbaaduuf dorgomtootni ulaagaalee armaan gaditti tarreeffame guuttan caalbaasicha irratti akka hirmaattan isin beeksifna.

1. Dorgomtootni gibira mootummaa kanfaluu kan mirkanneessu ragaa Biiroo Galiiwwanii ykn Abbaa Taayitaa Gumurukaa ykn heeyyama daldalaa haarome, waraqaa galmeessaa daldalaa, TIN, fi waraqaa galmeessa taaksii dabalata qabeenyaa (VAT) dhiyeessuu qabu.

2. Dorgomaan Sanada caalbaasii qarshii hin deebine 500.00 (Dhibba shan) qabachuun Finfinneedha kibba lixaa biyyaatti daandii Jimmaarra km 80 imaluun Magaalaa Tulluu Boolloo Hospitaala Waliigalaa Tulluu Boolloo keessa Gamoo Bulchiinsa Hospitaalichaa lakk. Biiroo  07 tti kanfaluun sanada caalbaasii ibsa meeshaalee qabatų guyyaa caalbaasichi gaazexaa Addis Zaman irratti bahee eegalee guyyoota hojii waliitti aanan 15nif bitachuun ni danda’ama.

3. Dorgomtootni sanada caalbaasii guuttani bakka lakk. 2 irratti ibsametti gaafa guyyaa 16ffaa saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa’e keessatti hanga sa’aatii 6:00tti qofa galchuun kan danda’amu ta’ee caalbaasichi gaafuma kana sa’aatii 8:30tti bakka ibsametti dorgomaan ykn bakka bu’aan iddoo jiranitti yoo jiraachus baatanis caalbaasichi kan banamu ta’a. Gaafa guyyaa 16ffaa sanbata ykn ayyaana yoo ta’e itti aanu kan banamu ta’a.

4. Dorgomtoonni meeshaalee dhiyeesitan iddoo oomisha (brand name) isaa barreessuun dhiyeessuu qabu.

5. Dorgomaan dhiyaatu kamuu kabachiisa caalbaasii Qarshii 30,000.00(Qr. Kuma soddoma) maallaqa callaan ykn CPO baankiin mirkanaa’een maqaa Hospitaala Waliigalaa Tulluu Boollootiin qabsiisuun dhiyeessuu qaba. Dorgomaan caalbaasicha hin mo’anneef kabachiisni caalbaasii battalumatti kan deebi’uuf ta’a.

6. Hospitaalli meeshaalee bituuf caalbaasii itti baase akkaataa barbaachisummaa isaatiin baay’ina isaa dabaluu, hir’isuu fi keessa dhiisuu ni danda’a.

7. Dorgomtootni sanada caalbaasii Invilooppii lamaan orijinaala fi koppii isaa irratti barreessun adda baastanii, maqaa guutuu, teessoo, mállattoo qaama aangoo qabuun fi chaappaa dhaabbatichaa fuula hundarratti taasisuun dhiyeessuu qabu.

8. Dorgomaan caalbaasii mo’atanif erga mo’achuun isaa isa beeksifame kaasee guyyaa 10 keessatti waliigaltee uumuun meeshaalee mo’ate hunda isaa iddoo jiruu Hospitaala Waliigalaa Tulluu Boollootti geejjiba dhuunfaa isaatiin geejjibsisuun fidee galii gochuu qaba.

9. Dorgamaan meeshaalee ajajame hunda isaa galii taasisuun akkuma raawwateen kanfaltiin kan raawwatu ta’a.

10. Hospitaalli filannoo addaa yoo argate caalbaasicha guutumma isaa ykn gar- tokkee isaa haquuf mirga qaba.

Odeeffannoo Dabalataaf Lakkoofsa Bilbilaa 0938673339/0986159993

Hopsitaala Waliigalaa Tulluu Boolloo