Your cart is currently empty!
Waajjira Maallaqaa magaalaa Maayaatti Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Awwadaay gosoota meeshaalee caalbaasii dorgomsiisee bituu barbaada
Addis Zemen(Sep 04, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Beeksisa waamicha caalbaa ii 1ffaa kutaa mag/Awwadaay
L.C.WMKMA/N CB/001/2018
Waajjira Maallaqaa magaalaa Maayaatti Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Awwadaay gosoota meeshaalee caalbaasii dorgomsiisee bituu barbaada.
- Gosoota meeshaalee; Isteeshinarii lot 1,
- Elektirooniksii lot 2, Farnichara
- lot 3 Dorgomtootni ulaagaalee armaan gadii guutuu qabdu;
1. Tarreeffama dhiyeessitootaa keessatti kan galma’an ta’uu qabu,
2. Ragaa dirqama kaffaltii gibiraa qabaachuu qabu,
3. Gibira bara 2017 kan kaffalaniifi hayyama haarome kan bara 2018 qabaachuu qabu,
4. Hayyama meeshaa barruu, meeshaa dhumoofi meeshaa dhaabbataa, elektirooniksii dhiyeessuu kan qabaniifi muuxannoo waajjira mootummaaf dhiyessuu kan ragaa qaban,
5. Sanadni caalbaasii haqaafi laaqaa qabu caalbaasiin ala ta’a,
6. Dorgomtonni sanada caalbaasii guyyaa beeksisni kun gaazexaan bahe irraa eegalee guyyaa hojii 15/kudha shan/ keessatti maallaqa hin debinee qarshii 200 /dhibba lama qofa/kaf-, faluun Waajjira Mallaqaa Kutaa Mag/Awwadaay Kutaa Bittaafi Bulchiinsa qabeenyaatii yeroo hojii fudhachuu nidanda’u,
7. Caalbaasichi guyyaa qilleensa irra oolee kaasee guyyaa hojii 15 (kudha shan) booda gaafa guyyaa 16ffaa yoo guyyaan 16ffaan guyyaa hojii ta’uu baate guyyaa hojii itti aanu ganama sa’aa 4:45 irratti cufamee dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni seera qabeessa ta’an iddoo argamanitti lakk. waajjiraa 13 keessatti sa’aatii 8:25 irratti ni banamaa.
8. Meeshaan dhiyaatu qulqullinni isaa kan sadarkaa qulqullina biyyoolessaan mirkanaa’e ta’uu qaba.
9. Qaama taaksii dabalata qabeenyaa “VAT” galmeessu irraa galmaa’uu isaaniif ragaa kan qaban.
10. Gatiin meeshaa dhiyaatu taaksii hunda kan dabale ta’uu qaba.
11. Dorgomaan fuula sanada hundaa irratti sumuda (stamp) gochuun mallatteessuu qaba.
12. Dorgomaan kamiyyuu sanada caalbaasii tokkoof ragaa baankiitiin kan mirkanaa’e /C.P.O/ ykn maallaqa callaan qarshii 15,000 (kuma kudha shan) Baankii Siinqee Kutaa Magalaaa Awwadaayitti kabachiisa caalbaasii qabsiisuu qaba.
13. Dorgomtoota moo’atamaniif kabachiisni caalbaasii yommuu deebi’u kan moo’aniif kabachiisa waliigaltee irratti herreegamaaf.
14. Dorgomtoonni moo’atan meeshaa ittiin moo’atan mana kuusaa Waajjira Maallaqaa Kutaa /Mag/Awwadaayitti konkolaataan ykn akka isaaniif mijatuun geejibuunifi walitti gaxxamsiisuun dhiyeessuu qabu.
15. Dorgomtoonni dhiyeessa gatii yommuu guutan /specification/ sirriifi wantoota walitti hidhamiinsa qaban akka hammatetti beekanii guutuu qabu.
16. Dorgomaan meeshaa gaafatame /specification/ walakkaa guutee walakkaa keessaa dhi- isuu hinqabu, yoo kan gaafatame gabaa keessaa bahe ta’e kan walmadaaluufi isaa olii jiraannaan kanuma ibsee guutuu qaba.
17. Caalbaasicha gufachiisuuf /jallisuuf/ kan yaalan kabachiisni caalbaasii dhaalamee caal- baasii fuuldura bahurrattis dorgomuu hindanda’an.
18. Dorgomaan gatiin dorgommii dhiyeesse hangam akka turu ji’aafi bara ibsee unka yaada dorgomaa irratti guutee dhiyeessuu qaba.
19. Meeshaaleen dhiyaatan sirritti kan saamsaman(packed) ta’uu qabu.
20. Wantoonni meeshaalee dhiyaatu waliin deeman kan dogongoraan osoo hin ibsamin hafan yoo jiratan dorgomaan ibsuu qaba.
21. Fakkiiwwan meeshaalee /sample/ waliigaltee addaa keewwata 13.1 irratti dhiyaatan yeroo baniinsa caalbaasii kan dhiyeessuufi akka barbaachisummaa isaatti fakkiiwwan bi- roo yeroo gaafataman dhiyeessuu qaba. Fkn qalama pirintaraa, qalama ceello, kaarboona harkaa, ajandaa, waraqaa, sanada caalbasii waliin galchuu qaba.
22. Caalbaasiin erga banamee booda yaada jijjiruu, fooyyessuun ykn caalbaasii keessaa ofbaasuun hindanda’amu.
23. Dorgomtootni adeemsa caalbaasii keessatti komii yoo qabaatan moo’atan erga beekamee booda guyyoota hojii shan keessatti komii isaanii barreeffaman dhiyeeffachuuf mirga qabu.
24. Dorgomaan caalbaasii moo’e guyyoota 10 (kudhan) keessatti waliigaltee mallattees- suu qaba.
25. Dorgomaan moo’e guyyaa 10 (kudhan) keessatti yoo hin mallatteessine dorgomaa lammaffaa baheef carraan nikennama.
26. Qaamni bittaa raawwatu meeshaa ykn tajaajila gaafate %20 dabaluu ykn hir’isuuf mirga qaba.
27. Moo’ataan meeshaa qulqullina hin qabne ykn tajaajila kaffaltii gadi kennee yoo argame seeraan gaafatama.
28. Dorgomaan caalbaasii moo’ate kabachiisa waliigaltee meeshaa gatii ittimoo’e waliigalaa irraa %10 qabsiisuu qaba. Qaamni beeksisa caalbaasii baase carraa fooyya’aa yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutumatti haquuf mirga qaba.
Hubachiisa:- Qaamni beeksisa caalbaasii baase carraa fooyya’aa yoo argate caalbaasii gar- tokkeen ykn guutumatti haquuf mirga qaba.
Teessoon Magaalaa Awwadaay, Lakk. Bilbilaa 09 10 32 07 02 ykn 09 22 02 07 95
Waajjira Maallaqaa Magaalaa Maayaatti Wati Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Awwadaay