Waajjiri Maallaqaa Aanaa Dhaas bara baajaata 2018tif Meeshaalee Baarreeffamaa Qulqullinaa, Dhaabbii, Elektironiksii, Farniture, Gommaa konkolataa Kan biiroo bittuu barbadaa


Kallacha Oromiyaa(Sep 04, 2025)

ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ። Please read the detailed instructions below. 

Caalbaassil Bittaa Meeshalee Bara 2018

Waajjiri Maallaqaa Aanaa Dhaas bara baajaata 2018tif Meeshaalee Baarreeffamaa Qulqullinaa, Dhaabbii, Elektironiksii, Farniture, Gommaa konkolataa Kan biiroo bittuu waan baarbaaduf Dorgomtooni akka ulaagaalee Armaan gaadii Guuttaan akka dorgomtaan Afeeramtaniittu.

Ulaagaalee Dorgomtootaa

1. Dorgoomtoni Damee hojii Dhiyeessii Meeshaalee kana irraatii gurmaa’anii fi Ragaa hayyama daldalaa bara 2018 haroomsifamee kan qabu.

2. Dorgomtonni Galmaa VAT Ta’u isaanii Ragaa Dhiyeeffachuu qabu.

3. Dorgomtonni Tarree Dhiyeessitoota keessatti Galmaa’aa ta’uu isaaniitif raga Dhiyeeffachuu qabu.

4. Dorgomtonni Xaalayaa Gibiraa bara 2017 kaffaluu isaanii waajjira A/T/G Qaama Gibira saassaban irraa Dhiyeeffachuu qabu

5. Waldaaleen imx kabaachiisa Caalbaasiitiif akka wabummaatti xaalayaa waajjiraa CHUO Bulchlinsa Magaalaa ykn Bulchiinsa Aanaa irraa Fidachuu Kan danda’u ta’uu ykn Dorgomtootnii Dhuunfaan dorgoman yoo jiraatan kabachiisaa Caalbaasii Qarshii 5000 ykn CPO Baankii daldala Itoobiyatti qabsiisuu qabu

6. Dorgomtoonni Hojii armaan dura Hojjattamaniif Qulqullinnan hojjachuu isaaniitiif Adabbii bittaa irraa Bilisa ta’uu isaanii ragaa Dhiyeeffachuu Kan danda’an ta’uu qabu.

7. Dorgomtoonni Xaalayaa waldhabbii Dhuunfaa irraa Bilisa Ta’u Kan ibsu Dhiyeeffachuu qabu.

8. Gatiin Dorgomtoonii Dhiyyessan haala qabatama Gabaa Naannotiin wal Madaaluu qabu.

9. Baay’ina Meeshaalee Dhiyaatuu Parsanti 20% Dabaluus ta’ee hir’achuu ni danda’a

10. Dorgomtooni Ulaagaa taa’ee kana guutani fi qulqullinaa meeshaa gaafatame Kana eeguudhaan gattii gadii aanaa dhiyeeffatan kan mo’atan ta’u.

11. Dorgomtooni sanada yaadaa dorgommii Dhiyyeessan irraattii maqaa Teessoo fi Mallattoo Isaani Barreessu Qabu.

12. Waajjirichi Filannoo Biraa yoo Argaate Caalbaasicha Guutumaan Guututtii Ta’ee Gartokkeen Haquuf Mirga Guutu qaba.

13. Waajiri Filannoo Biraa yoo Argaate Caalbaasicha Guutumaan guututtii Ta’ee Gartokkeen haquuf Mirga Guutu Qaba.

Oddeeffanno dabalataf lakk.bilbila 0931451144/0913459835 bilbiluu dandettuu Hubachiisa Iddoon argama keenyaa

Magaala Guddoo Godina Boorana Bahaa irraa KM 208 fi Magaala Guddoo Biyyattii irraa km 808 irraa fagaatee argama.

Waajjiri Maallaqaa Aanaa Dhaas