Godina Gujii Waajjirri Maallaqaa Aanaa Sabba Boruu Sekteralee hojii mootummaa Aanicha keessatti argaamanif meeshalee dhaabbii, Meeshalee Elekitirooniksii, Meeshaalee dhumoo, uffataa seera kaardii baraatoota fi kkf. bara bajaata 2018 tiif caal baasii ifaatiin wal-dorgomsisee bituu barbada


Kallacha Oromiyaa(Sep 11, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Caalbaasii

Godina Gujii Waajjirri Maallaqaa Aanaa Sabba Boruu Sekteralee hojii mootummaa Aanicha keessatti argaamanif meeshalee dhaabbii, Meeshalee Elekitirooniksii, Meeshaalee dhumoo, uffataa seera kaardii baraatoota fi kkf. bara bajaata 2018 tiif caal baasii ifaatiin wal-dorgomsisee bituu barbada.

Kanafuu caal-baasii irrattii dorgomtootni hirmachuu barbadaan, akkatuma armaan gaditti ibsameen dhiyaatanii dorgomuu ni dandetu.

  1. Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaanitin heyyamaa daldalaa isaan seera qabeessa ta’ee gibira hojii Bara 2018 Kan ittin kaffalan eyyama daldala bara 2018 kan haromfate ta’u qaba.
  2. Dorgomtooni dhiyaatan galma’aa taaksii dabalataa (VAT) galmaa’uu isaanitiif raga dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu qaba.
  3. Dorgomtootni sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Kun Gaazexaa Kallalcha oromiyaatiin ba’ee eegalee guyyaa hojii 15 keessatti W/Mallaqaa Aanaa Sabbaa Boruutti dhiyaatee qarshii hin deebine 100 (Dhibbaa) qofan bitachuu ni danda’u.
  4. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa Caalbaasiif kan oolu Cpo Baankiin kan mirka’ee 5,000 (kuma shan ) qabsiisu kan danda’u.
  5. Dorgomtootni Meeshaawwan qulqulina qaban dhiyeessuu danda’u ta’u qaban.
  6. Sanadaa Caalbaasii kan haqamaa fi laaqama kan hin qabne poostaa orjiinalaa fi koopii isaa kan hin banamne samiin saamsamee guyyaa gazeexaan kun bahee irraa kaase guyyaa hojii 16 keessattii W/Mallaqaa /A/S/Boruutti dhiyeessu qaba.
  7. Sanduqii Caalbaasii kan cufamu guyyaa Gaazexaan bahee irraa kaase guyyaa hojii 16ffaa sa’atii 4:30 irraattii sanduqaa qophaa’eettii galee guyyuma kana sa’atii 5:00 irraattii bakka dorgoma ykn bakka bu’oonnii seera qabeessummaa qabani fi koreen caalbaasii Aanaa jiranitti W/Mallaqaa /A/S/Boruutti ni banama.
  8. Mo’ataan Caal Baasiitiif qarshiin kan kaffalamuuf Meeshaalee Mana Kuusaa Waajjira Mallaqaa fi Waltahiisa diingdee Aanaa Sabbaa Boruu Moodela 19 erga galchee fi nagahee Seera qabeessa erga dhiyeesseen booda kan kaffalamuuf ta’a.
  9. Mo’ataan çaal-baasii meeshalee ittiin mo’atee hundaa hangaa W/Mallaqaa Aanaa Sabbaa Boruuttii dhiyeessuu qaba.
  10. Afaan caal-baasichaa Afaan Oromoo tiin.
  11. Waajjiricha filannoo fooyya’e yoo argatee caal-baasichaa guutummaan guututti ykn gar tokkee isaa haqundhaaf mirgi isaa seeraan Kan eegame dha.

Odeeffannoo dabalataaf Lakk .Mobile 09 23 47 57 97, 09 16 13 67 19 ykn 09 33 79 68 21 ykn 09 34 23 75 35 ykn 09 26 49 13 08

Waajjira Mallaqaa Aanaa Sabbaa Boruu