Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Calalaqaa meeshaalee adadaa bituu barbadaa


Addis Zemen(Oct 17, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Beeksisa Caalbaasii 01/2018

Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Calalaqaa bittaa meeshaalee

  1. Barreefamaa, 
  2. Qulqullinaa, 
  3. Elektirooniksii fi Kompuuteroota, 
  4. Gommaa konkolaataa, 
  5. Furnitures,
  6. Motoroota fi Baajaajii, 
  7. Uffataa Dambii/seeraa/ fi kkf sekteroota kutaa magaalaaf

caalbaasiidhaan wal-dorgomaniif affeeree jira.

Dhiheessitoonis haalota armaan gadii yaada keessa galchuun dorgomuu qabdu.

  1. Eeyyama daldalaa kallatiidhaan kan qabuu fi gibira mootummaa kanfaluu isaatiif raga kan dhiheeffatu.
  2. Dorgomaan Sanada caalbaasichaa kan hin deebine lootii tokkof Qr. 200 /dhibbalama Baankii Siinqee lakk. Herregaa 1054529080113tti Maqaa Waajjira Galii Kutaa Magaalaa Calalaqaatiin galchuun nagaa’e itti kutatee Waajjira Maallaqaa Adeemsa Bittaa fi Bulchinsa Qabeenyaatii sa’aatii fi guyyaa hojii mootummaatti guyyaa caalbaasiin kun bahee eegalee bitachuu ni danda’a.
  3. Dorgomaan sanada bitatee gatii yeroo guutu tokkoo tokkoo lootiif qofaa qofaatti poostaa adda addaatti maqaa dorgomaa, lakkoofsa bilbilaa fi “chaappaa” itti godhee dhiheessuu qaba.
  4. Dorgomaan sanadaa lootii “Original fi Copy” Financial & technical qofaa qofaatti erga saamsee booda CPO itti dabalatee poostaa tokkoon saamsee bakka tokkotti godhee dhiheessuu qaba.
  5. Sanadoonni caalbaasii dhihaatanis “original” gatii guutamee fi kooppii tokko yoo ta’u. sanadni teknikaa dorgomaan tokko “original” fi kooppii tokkoo kan lootii tokko qofa ta’a
  6. Sanadni caalbaasii guyyaa qilleensa irra oolee jalqabee hanga gaafa 28/02/2018 sa’aatii 11:00tti kan gurguramu yoo ta’u, gaafa 07/02/2018 sa’aatii 8:30tti cufamee guyyuma sana sa’aatii 9:00tti bakka dorgomtoonnii ykn bakka bu’oonni isaanii argamanitti ni banama.
  7. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii bifa “CPO” Qr 40,000 (kuma afurtama) lootii tokkof maqaa Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Calalaqaatiin hojjechiisanii “SANADA ORIJINAALA” waliin dhiheessuu qabu.
  8. Sanadni meeshaalee sammuudni isaanii gaafatame gatiin qofaatti guutamee poostaa mataa isaatiin kan dhihaatu yoo ta’u, dorgomaan gatii meeshaalee sammudni isaanii gaafatame guutu meeshicha qabatee dhiheessuun dirqama ta’a. Dorgomaan meeshaalee sammudni isaanii gaafatame osoo hin dhiheessiin gatii qofa guutee yoo deebise fudhatama hin qabu.
  9. Manni hoji filannoo biroo yoo argate caalbaasicha gartokkoonis ta’e guutummaa guutuutti haquuf mirga ni qaba.

Odeeffannoo dabalataaf 09 90 35 36 72 bilbiluun ni danda’ama.

Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti Wajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Calalaqa